Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast- 13 July 2015

Aside

Diddaan Sirna Mootummaa Wayyaanee Caasaalee Isaa Keessatti Eegale Jabeeffamuu Qaba

Aside

qeerroo-edit

Diddaan Sirna Mootummaa Wayyaanee Caasaalee Isaa  Keessatti Eegale  Jabeeffamuu Qaba

Ibsa Qeerroo Bilisummaa Irraa

Bara mootummaa abbaa irree Wayyaanee keessatti hidhaa, ajjechaa , saaminsii fi dararri dhala nama irra gahu hammaataa tahuun beekamaadha. Gocha suukkanneessan dhala namaaf hin malle kunis uummata oromoo fi uummata cunqurfamoo Impaayera Itoophiyaa irratti kan xiyyeffateedha. Kana malees rakkoowwan hoj-dhabdummaa, qaala’insa jireenyaa, gibira humnaa olii fi rakkoowwan kanatti hirkatam hammatoodha.

Rakkoowwan kana irra aanuudhaaf dargaggoonni oromoo hedduun baqattummaaf saaxilamuudhaan gammoojjii fi galaana keessatti irbaata allattii fi qurxummii ta’an. Gariin falma abbaa biyyummaa keessatti irbaata rasaasaa tahan.

Dargaggoonni kuma dhibbootaan lakkaawaman ammo rakkoo jireenyaa dandamachuu dadhabuudhaan miseensa waraana wayyaanee tahuu dirqaman, Sirna caaseffamma waraana mootummaa wayyaanee garuu olaantummaa Adda Bilisummaa Uummata Tigraay(TPLF)dhaan kan dhuunfatame tahee hacuuccaan miseensota waraanaa ilmaan Oromoo fi sabaawwan cunqurfamoo irra gahu daran duukkanneessadha. Ilmaan Oromoo gammoojjiwwan dhalli namaa dandamachuu fi ulfaatu keessatt dirqma akka bahan dirqisiiifamu . Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Adoolessa 2015

SBO Adoolessa 15,2015. Oduu, torban diaspora Oromoo jechuun shira wayyaaneen xaxaa jirtu ilaalchisuun marii dura taa’ota hawaasa Oromoo Amerikaa, Kanadaa fi Awustiraliyaa waliin taasifame, Ibsa Qeerroo akkasumas SBO Sagantaa Afaan Amaaraa

Aside

Sagalee QEERROO Bilisummaa (SQ)Qophii Adoolessa 13, 2015

Aside

“ UTUBAA  FI DAGALEE ”

Aside

SEENAA  Y.G (2005)

Barreessaa dhugaa baasa!Mana ijaaramu tokkof  UTUBAA  FI  DAGALEETU hundeedha. Utubaan qophaa isaa dhaabbatee Mana ta’uu hin danda’u. Dagaleenis akkasuma. lameen isaanii adda baasanii mana ijaaruun habjuudha. Ijaarsi Manneen durii, Utubaa fi Dagalee irratti hundaa’an. Kan hammayyaa har’aa ammoo , Kolamii (colum) fi Biimii (Beem) irratti hundaa’an . haalli hojii isaanii baraan adda haa ba’an malee, faayidaan isaanii tokkuma. Dagalee fi Utubaan durii garuu, isa hammayyaa har’aaf bu’ura waan ta’aniif, Kaayyoo barruu kanaaf filadheera.

Manni Utubaa malee, Utubaan Dagalee malee hiikkaa hin qaban. Utubaan qophaa isaa ijaajjee, waan mana sanaaf tolu baadhatee mana fakkeessuu hin danda’u. Dagaleenis Utubaa malee, qilleensa irratti dagalfamee waan mana sanaaf tolu walitti qabuu hin danda’au. waan waliif Umame kana adda baasanii dhimma itti ba’uun, baayyee rakkisaa qofaa odoo hin taanee, hin danda’amu jechuutu salaphata. Ijaarsa manaa keessatti , hojiin Utubaa fi dagalee walitti hidhuu gaggeeffamu tollaan , dhumni manichaas tolaa ta’a. Utubaa fi dagalee bakka malee, yoo walitti hidhan, YKN maal na dhibeen yoo ijaaran, umurii manichaa gabaabsuu qofaa ta’a. Walumaa galatti, UTUBAA FI DAGALEEN ijaarsa Mana tokko keessatti bakka ol aanaa ni qabaatu. Mana waggaa dheeraa ykn dhalootaaf dabru ijaaruuf, jabinni fi Ijaarsi isaanii isaaniin murtaa’a. Akkasuma, Ijaarsi Utubaa fi Dagalee irratti tollaan, qaamoota manichaaf barbaachisan hundi akka tolan hin shakkisiisu jennee haa xumurru. UTUBAA FI DAGALEEN….

Simbirtuu: Oduu fi Qophii IMALAA. Mana Hidhaa Itoophiyaa Keessatti Guraara Oromoo Irraan Geessifamee Jiru Ilaalchisee, Dargaggoo Milkeessaa Waaqjiraa Ragaa Baha.

Aside

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast- 11 July 2015

Aside

Yaa Sangaa Margasaa Malee, Hallayyaasaa Hin Agarre!

Aside

(Hariiroo Jorgootiin! Qeerroo Bilisummaa Oromoo-Oromiyaa!!)

Barreessaa dhugaa baasa!Dhumnisaa maal akka ta’u kan walumaan ilaallu ta’a malee araddaa wayyaanotaatti jidduu kana sadoofi gammachuu, sirbaafii dhiichisa, ililbee…..faaruu, fakkarsuufi geerarsa ta’eera.

Filmaata waan filatan hin qabne, diraamaan wayyaanootaa, olaantummaa wayyaanotaan xumuramuusaa karaa bakka bu’aa wayyaanotaa boordii filmaataan erga labsamee jalqabee wayyaaneen bittaashee cubbuun guutame halaal godhattee dabalata waggaa shaniif seera qabeessa fakkeessuuf waan hin goone hin qabdu.

Namoota sagalee uummataa Wayyaaneef saamsisan tokko-shanee ganda keessaa yeroosuma galma miliiniyeemiitti, yaamtee miseensotashee dabballoota gandaa badhaasaa fi afeerraan bash!… gootee akka ture kan hunduu arginedha.

Dheengaddas, biiroolee mootummaa gara garaa keessaa kanneen filmaata kana irratti sagalee uummataa hachisiiseefi tokko-shaneetiin hojjettoota basaasaa turan, cimina hojii irratti agarsiisan jedhamanii badhaasni maallaqaafi geebaa achuma galma miliniyeemii keessatti arjoomameerafii. Yaa Sangaa Margasaa Malee

SBO Adoolessa 12,2015. Oduu, Gabaasa Oduu, Haala Baqattoota Oromoo Somaliland irratti gaaffii fi deebii, akkasumas Qophiilee adda addaa…

Aside

Sagalee QEERROO Bilisummaa Oromoo(SQ) Qophii Adoolessa 10, 2015

Aside