Adoolessa 2015 Wallee Warraaqsaa Haaraa Artist Jaamboo Jootee

Aside

SBO Adoolessa 19,2015. Oduu, Ijoo Dubbii ABO, Marii dura taa’ota hawaasa Oromoo Amerikaa, Kanadaa fi Awustiraliyaa waliin goone kutee lammaffaa, Qophii Addaa WBO…as keessatti Artistootni Caalaa Bultumee fi Jaafar Yuusuf waa jajjabaa dubbatu…isa xumuraa ti.

Aside

ቄሮ: የኦሮሞ: ወጣቶች: ለነፃነት: ንቅናቄ: ድምፅ: የሳምንቱ: ዜና::/ SQ July 17, 2015

Aside

Bineensi, Bineessuma!

Aside

Baarentuu Gadaa Irraa

Adooleessaa 17, 2015

Barreessaa dhugaa baasa!Bineessi ykin waraabechi maqaa akkamiituu baafatu, maqaan akkamiituu itti mogga’u bineessuma! Haala kam keessattuu bineessi bineessummaa isaa jijjirreechuu hin danda’u. Garaa isaa guttachuuf qurxee nama nyaachuu, dallaa namaa diigee, mooraa namaa seenee loon abbaa qabu yaasurraa duubatti hin jedhu. Bineensummaan isaa umamarraa waan ta’eef, maqaa masoo akkamiituu itti baasan, Itillee, ykn Gogaa beelada kamiituu yoo itti uwwusan keessi  isaa bineensuma waan ta’eef wanti bineensummaa irraa isa jijjiiru hin jiru. Eenyuyyuu maaliyyuu jedhu, maqaa akkamiituu itti moggaasu bineensummaa ykn waraabechummaa isaa umamaan qaburraa isa hin jijjiiru. Wayyaaneenis kanuma!

Wayyaaneen bineessa! waraabeecha dargaggoota Oromoo waggoottan 24n darbaniif qarxamsitee nyaachaa turte!. Bineessa qabeenya Oromoo heeyyama ummata Oromoo malee saamtee nyaachaa fi Tigraayitti guurrachaa turtee fi jirtuudha! Wayyaaneen bineensa ija hin qabne, bineensa Oromoof gara laafina tokkolleen hin qabne, bineensa jira nama nyaachuuf hamummattuudha. Bineessa nagahee hin beekne, bineessa quufee hin beekne, Bineensa Soraati!.Bineensi Bineensuma

Sagalee Simbirtuu fi Seife Nebelbal Qophii Adoolessa 16,2015

Aside

Sirni Abbaa Irree fi Gabroomfataan Wayyaanee Godina Lixa Shaggar Magaala Amboo Irraa Barattoota Ukkaamsee Hidhuu Itti Fufe.

Aside

Adoolessa 15,2015 Amboo
Because I am OromoWayyaanee EPRDF Sodaa guddaa FDG irra qabu irraa ka’uun darqaggoota Qeerroo barattoota Oromoo fi sabboontota Oromoo Adamsee hidhatti guuruu itti fufe.
Akka kanaan sabboontota barattoota Oromoo sadarkaa 2ffaa fi dhaabbilee barnoota olaanoo fi sabboontota Oromoo hordofuu irratti xiyyeeffatee kan jirtu barattoota Oromoo fi sabboontota ilmaan Oromoo 7 badii tokko malee Oromummaan yakkuun Magaalaa Amboo irraa ukkamsee eessa buuteen isaanii dhabame jira. Ilmaan Oromoo badii tokko malee Oromummaan yakkamanii humna
poolisii federaalaan ukkanfaman keessa:
1.Barataa Qananisaa sarbeessaa mana barumsaa Amboo Sadarkaa 2ffaa kutaa 9ffaa
2.Barataa Qajeelaa Galaanaa mana barumsaa Amboo sadarkaa 2ffaa kutaa 9ffaa
3.Obboo Abdataa Olaansaa jiraataa magaalaa Amboo hojii daldalaan kan jiraatu kanneen keessatti argaman badii tokko malee Oromummaan yakkamuun humna poolisii federaalaan kan ukkanfaman ta’uun ibsame jira.

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast- 15 July 2015

Aside

QEERROO Concert in North America

Aside

QEERROO_CONCERTNORTHAMERICA_4X6 BCK_EMAIL-1 QEERROO_CONCERTNORTHAMERICA_4X6-FRT-2_EMAIL

Abshir ni Bilisoomnaa!Abshir ni Walaboomna! Artist Angaatuu Baalchaa Waliin Gaaffii fi Deebii OMN Taasise Kutaa 1ffaa

Aside

Barattooti Oromoo Yuuniversitiilee Adda Addaa Irraa Boqonnaaf Gara Maatii Isaaniitti Galaa Jiranii fi Ummanni Nagaa Konkolaataa Irraa Qabamuun Hidhamaa Jiru.

Aside

Adoolessa 14,2015 Finfinnee

Sakatta'iinsaAkkuma beekamu barattoonni dhaabbilee barnootaa olaanoo irraa eebbifamanii fi boqonnaaf gara maatii isaanitti galanii kan jiran yoo ta’u, mootummaa faashistii Wayyaanee barattoota Oromoo maqaa ‘tola ooltota’ jedhuun siyaasaaf fayyadamuuf baadiyyaa keessa ol gadi naanna’uu adamsaa jira. Kanaaf sabboontonni barattoonni Oromoo godinaalee Oromiyaa keessa jiran hundi shira mootummaa sobduu fi hattuun dhiiga ilmaan keenyaa dhangalaasaa jirtu kana tokkummaan kaanee dura haadhaabbannu, dirqma Oromummaa keenyaa haabannu kan jedhu barattooti dhaammataa jiru.

Yeroo ammaa kanatti barattoota Oromoo Yuuniverstiilee adda addaa keessaa gara maatii isaaniitti galan adamsee qabuun mana hidhaa naannoo godina Wallagaa aanaa Waamaa Hagaloo mana hidhaa Moxxii jedhamu keessatti hidhaa akka jiru gabaasi nu gahe addeessa,hanga ammaatti barattoota hidhaman keessaaSakatta'iinsa 2

  1. Barataa MOHIIBUL MISGAANUU
  2. Barataa DASSAALENY EEBBISAA,
  3. BarataaMOOTUMMAA MISGAANUU,
  4. Barataa FAYISAA OLAANII,TAMASGEEN
  5. Barataa IBSAA,LAMMAA TARFAA,
  6. Barataa HAMBISAA BIRAANUU

Fi akkaan kaan hedduun keessatti argamu.