Qellem Wallaggaa, Aanaa Gaa’oo Qeebbetti Barattootni Walgayii Wayyaanee Lagachuun Warraaqsa Bilisummaa Itti Fufsiisan,‏

Aside

Adoolessa 22,2015 Dambi Doolloo

diddaa9Mootummaan Wayyaanee barattoota yaadaan burjajessuu fi fincila kaasuu kan jedhuun dursa maqaa leenjiin barattoota boqonnaaf galan dirqamaan leejii fi tarsiimoo jechuun galmeessaa jiraachuu gabaasuun keenya ni yaadatama.
Haaluma kanaan Adoolessa 21,2015 gabasa Qeerroo godina Qellem, Aanaa Gaa’oo Qeebbee irraa dabballoonni Wayyaanee sababaa walgahii ariifachiisaa jedhuun barattoota dirqiisiisuuf aanotaa fi gandoota irraa jooraniin fudhatama dhabisisuu dhaan gootonni barattooti Oromoo aanota irratti wal ijaaruun diddaa isaanii muldhisaa jiru.
Haalli kun kan itti hammaate dabballoonni Wayyaanee bakka bu’oota aanaa fi dura teessota gandaa bobbaasuun mana manatti barataa meeqa akka jiruu fi eenyummaa isaanii akka galmeessaniif haa bobbaasan malee gandoota hunda keessaa diddaa barattoonni kaasaniin ergamtooti dhagaan reebamanii arihamaa jiraachuu gabaasi addeessa.
Maatiin barattootaas diddaa barattootni taasisan deggeruun dhagayame. Aanaalee garagara keessatti barattootni maqaa walgayii jedhamee galmeen funaanamaa jiru kana dura dhaabbatuun fesheleessan. Kanumaan ergamtotni Wayyaanee godina Qellem mufii irraan kan ka’e erga uummanni diddaa barattootaa deggeruun waliin hiriiree tajaajila ibsaa fi bishaanii kutuu qabna jechuun mari’ataa jiraachuu Qeerroon Qellem Dambi Doolloo irraa gabaase.
 

SBO Adoolessa 22,2015. Oduu, Ibsa Tarkaanfii Waraanaa ABO, Marii Dura Taa’ota Hawaasa Oromoo Amerikaa, Kanadaa fi Awustiraliyaa Irraa Waliin Goone Kutaa 3ffaa fi SBO Sagantaa Afaan Amaaraa

Aside

MUST WATCH – Artist Ibrahim Adam ” Qophii Addaa OBS TV”

Aside

https://youtu.be/5ECPRhanAhs

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast- 20 July 2015

Aside

Barattoota Oromoo Boqonnaa Yeroo Gannaaf Gara Maatii Isaaniitti Galan Diddaa Mootummaa Irratti Kaasuuf Deemu Sababaa Jedhuun Mootummaan Wayyaanee Karoora Leenjii fi Barnootaa Baasuun Haaragalfii Dhorkee Burjaajessuuf Yaalaa Jira

Aside

32Adoolessa 20,2015 Mootummaan Wayyaanee Wayita boqonnaa kanatti  Qeerroo dargaggootni barattootni Oromoo  dhaabbilee barnoota olaanoo fi sadarkaa hundaa Fincilaa gaaffii mirga abbaa biyyummaa Oromoo fi gaaffii mormii master Plan Finfinnee narratti kaasuu jedhuun soda keessa galee maqaa wal ga’ii jedhuun barattoota Oromoo burjaajessuuf akka jiru saaxilame.

Mootummaan Wayyaanee  sagalee Oromoo ukkamsuun yakka guddaa uummata Oromoo irratti gaggeessa jiruu fi gaaffii mirga abbaa biyyummaa fi mormii master plan Finfinnee barattootni Oromoo narratti kaasuuf jiru soda jedhu irraa maqaa walga’ii barattoota jedhuun burjaajii uumuuf akka saganteeffatee akka jiru odeessi keessa wayyaanee bahaa jiru saaxilee jira. Wayyaaneen soda guddaa Qeerroo barattoota Oromoo dhaabbilee barnoota olaanoo fi sadarkaa hundaa irraa deebi’uun barattoota sadarkaa 2ffaa fi tokkoffaa waliin ta’uun uummata Oromoo narratti kaasuun FDG narratti gaggeessuuf barattootni Oromoo dhaabbilee barnoota olaanoo ibsa narratti dabarsan jechuun maqaa walga’ii barattoota jedhuun sochii warraaqsaa dargaggoota Qeerroo barattoota Oromoo dura dhaabbachuun burjaajii fi olola afaan faajjeessa uumuuf akka jiruu saaxilame. Yeroo amma kanas miseensota isaa dursee galmeessuun walga’ichi akka walga’ii dirqamaa ta’eetti barattoota Oromoo hunda sadarkaa hundarratti teesisuuf akka jiruu saaxilamee jira.

Qeerroon barattootni Oromoo mootummaan Wayyaanee abbaa irree sanyummaan of ijaare jiru mirga uummata Oromoo sarbee gita bittaa isaa dheereffachuuf tirtiraa jiru bakka jirutti gatachuu fi dura dhaabbatnee mirga keenyaaf falmachuuf yeroon gamtaan ka’an amma jechuun dhaamsa waliif dabarsan.

Diddaa Mootummaa Irratti Kaasuun Humnaan Fonqolchuuf Yaalii Gootaniittu Sababaa Jedhuun Adoolessa 20,2015 Mootummaa EPRDF Wayyaanee Oromoota Aanaa Midaa Qanyii 26 Irratti Murtoo Adabbii Sirnaa Alaa Dabasuu Isaa Qeerroon Gabaase.

Aside

Adoolessaa 20,2015 Godina Lixa Shaggar AANAA MIDAA QANYII
Because I am Oromo Walgahii wayyaaneen  bakka hundatti uummata teesisuuf karoorfatte AANAA MIDAA QANYII keessatti uummata teesisuun olola afaan faajjii uummatarratti oofuuf wayyaaneen karoorfate Uummatni Oromoo fi dargaggootni Oromoo nuti mootummaa mataa keenyaa hin qabnu, isin abbaa irreen nu hin bulchitan Afaan qawwee fi gadi qabaan bitamnee isin jalatti hin bulluu mirgi abbaa biyyummaa fi gaaffiin mirgaa fi dimookiraasii hanga deebii argatutti jechuun uummatni walga’ii wayyaaneen gaggeessuuf karoorfattee fashaleessuun mootummaa wayyaanee rifaasisuun walqabatee mootummaan wayyaanee akkuma amala isaa tarkaanfii hammeenyaa fudhachuutti seenee jira.

Haaluma kanaan yeroo amma kanatti Uummartni Qonnaan bultootni, barattootni fi dafqaan bultootni AANAA MIdaa QANYII keessatti ijaarsaa haaraa  maqaa ‘’kumaad poostii’’ jedhuun caasaan wayyaanee  guutummaa biyyatti keessatti diriirsee jiruun uummatni jumlaan hidhaatti guuramaa, qarshiin adabamaa fi hojii isaa illee akka hin hojjetannee dhorkamee bulchitootni AANAA MIDAA QANYII humna poolisaa fi waraana hidhachiisuun uummatatti bobbaasuun uummata goolaa jiraachuun ibsamee jira. Bifa kanaan mootummaan wayyaanee uummata mirga isaaf karaa dimookiraasii fi nagaa falmachaa jiruu gooluun hidhaatti guuraa fi mallaqaan adabaa jiraachuun ibsame jira. Ilmaan Oromoo yeroo amma kana qarshiin adabamanii fi hidhatti guuramaa jiran keessa kanneen ammaf maqaan isaani nu qaqqabee jiru:
1. Obboo Gusoo Diroo maatii isaanii namoota 7 waliin ganda Dirree Weennii irraa hidhaman
2. Obboo Daammanaa Naggasaa ganda Boquu nissoo maatii isaanii namoota lama waliin kan hidhaman yoo ta’uu, asiin fuldura Mucaan isaanii  barataa Wandimmuu Daammanaa rasaasaa mootummaan wayyaanee M/b Geedootti itti dhukaaseen kan ajjeefamedha.
3. Obboo Garbee Fakkaataa qotee bulaa  adabbii qarshii 800tiitu itti murtaa’e
4. Dargaggoo Sintaayyoo Dandanaa kophee bareechuun kan of jiraachisuu adabbii qarshii 1500tu itti murtaa’e
5. Obboo Daandanaa Shuree qotee bulaa adabbii qarshii 800tiitu itti murta’e
6. Obboo Mitikkuu Qachuu hojii dhabaa adabbii qarshii 800tiitu itti murtaa’e.
7. Dargaggoo Dirribii Taaddasaa hojii dhabaa adabbii qarshii 800tiitu itti murtaa’e,
8. Obboo Dhugaasaa Lammeessaa qotee bulaa adabbii qarshii 1000tu itti murtaa’e,
9. Obboo Dagguu Lammeessaa qotee bulaa adabbii qarshii 800tiitu itti murtaa’e,
10. Obboo Yaadataa Nagaraa qotee bulaa adabbii qarshii 800tiitu itti murtaa’e,
11. Obboo Cimdii Nagaraa qotee bulaa adabbii qarshii 800tiitu itti murta’e,
12. Obboo Alamuu Muldhataa qotee bulaa adabbii qarshii 500nitu itti murtaa’e,
13. Obboo Agumaa Cawwaaqaa qotee bulaa adabbii qarshii 600tu itti murtaa’e,
14. Obboo Geedoo Bantii qotee bulaa adabbii qarshii 500tu itti murtaa’e,
15. 0bboo Dachaasaa Yaadasaa qotee bulaa adabbii qarshii 500tu itti murtaa’e,
16. Obboo Gembuu Jabeessaa qotee bulaa adabbii qarshii 500tu itti murta’e,
17. Barataa  Abishuu Gurmeessaa adabbii qarshii 1000tu itti murtaa’e,
18. Obboo Getachoo Caalchisaa qotee bulaa adabbii qarshii 500tu itti murtaa’e,
19. Obboo Daksiisaa Guutamaa qotee bulaa adabbii qarshii 5ootu itti murtaa’e,
20. Obboo Hirphasaa Dajanee daldalaa adabbii qarshii 1000tu itti murtaa’e,
21. Daraartuu Miijanaa daldaltuu adabbii qarshii 500tu itti murta’e,
22. Obboo galaasaa Araarsaa qotee bulaa adabbii qarshii 300tu itti murtaa’e
23. Barataa Boruu Tamasgeen adabbii qarshii 500tu itti murtaa’e,
24. Barataa Baallammii Galataa adabbii qarshii 300tu itti murta’e
25. Ogeessaa Fayyaa narsii nama Ajjamaa jedhamutti immoo qarshii 1300tu itti murtaa’e
26. Obboo malkaamuu Daksiisaa hojii dhabaa adabbii qarshii 500tu itti murtaa’e,
Adabbii hammeenyummaa fi diinummaan guutame kana himata mana murtii tokko malee Caasaa ijaarsaa wayyaanee qawwee hidhatee uummataa saamaa jiru kan maqaa kumaandi popstii jedhamuun ijaaramee uummata dararaa jirutu humna poolisii federaalaa fi kora bittinneessa qabachuun uummata irraa adeemuun isin diina uummata keenyaati jechuun uummataa adabuu, hidhuu, fi doorsisuun saamuu irratti argamu, uummatni fi dargaggootni Oromoo adabbii seeraan alaa gochaa diinummaa uummatarratti gaggeeffamaa jiru kana dura dhaabbachuun hidhaatti guuramaa jiraachuun saaxilame jira. Keessattuu AANAA MIDAA QANYII keessatti guutummaan uummata Oromoo sirna bulchiinsa abbaa irree afaan qawween aangoo qabatee bara baraan filannoo fakkeessii gaggeessuun umrii dheereffachaa turetti hin bulluu ofiin of bulchina jechuun uummaatni sirna bulchiinsa wayyaaneef ajajamuu dhaabuu irraan mootummaan wayyaanee gara tarkaanfii abdii fi haamilee kutaannaa isaa argisiisutti kan seene ta’uun ibsamera.
Adeemsa fokkataa fi itti gaafatama seeraa fi seenaa jalaa nama hin baasne hojii diinummaa dabballootni Wayyaanee Uummata irratti rawwachaa jiran Caasaa bulchiinsa AANAA MIDAA QANYII :
1.Sicaalaa Dheeressaa itti gaafatamaa wajjira dhaaba ergamtuu Wayyaanee OPDO
2.Dalasaa Tarfaa Waggarii dabballee OPDO wajjira milishaa , kanneen jedhaman adda durummaan humna poolisaa fi kora bittinneessaa qabachuun uummata keessa fiiguun uummata dararuu irratti kanneen argamaan irratti maatii isaanii fi qabeenyaa isaanii fi lubbuu isaanii irratti uummatni Oromoo bakka jiratan hundaa tarkaanfii madaalawaa akka fudhattamu sabboontotni Qonnaan bultootni dhaamsa dabarsatan.
Adeemsii kun guutummaa uummataa Oromoo irratti gaggeeffamaa waan jiruuf uummatni Oromoo bakka jirtan hundaa harka walqabachuun gochaa diinummaa ilmaan Oromoo irratti rawwatamaa jiru dura dhaabbachuun warraaqsii FDG mootummaa wayyaanee irratti jabaatee akka itti fufu waamicha lamummaa dabarsina.

Beeksisa Kora ABO 2015/Halkan Bashannanaa

Aside

ABO_OromoWeek20152

Yaa Sangaa Margasaa Malee Hallayyaasaa Hin Agarre!..(kutaa 2ffaa)

Aside

(Hariiroo Jorgootiin-Qeerroo Bilisummaa Oromoo-Oromiyaa!!)

barruuYeroo dabre kutaa tokkoffaa qophii kanaa keessatti Jidduu kana wayyaaneen yeroo kam irrayyyuu caalaa gammachuun machooftee qabaa nagadhiisaa jechaa akka jirtu ilaallee ture.

Kunis sababiin isaa tokko, diraamaa filmaata gaggeeffameen taatonni isaa warri boordii filmaataas ta’e warri wayyaanotaa paartii siyaasaa of fakkeessuun hirmaatan akka gaariitti ergama isaanii raawwatanii sagalee uummataa kan OFC/MADRAKIIF kennamee ture dhibbarraa dhibbatti dabarsanii kennuu isaaniitiin taayitaarra turuuf gammachuu argame yoo ta’u,

Inni lammataa, Oduu karoora daawwannaa Pirezedaantiin Ameerikaa, Baaraak Huseen Obaamaa ithiopia daawwachuufidha jedhu dhagahamuu isaa akka ta’e, Kana malees, Diyaaspooraan Oromoo tokko tokko wayyaaneetti harka kennachuu isaanii ta’uu kaafnee ture.

Wayyaaneen diyaaspooraa Oromoo irraa maaliif jaalalli ishee qabee?? Wayyaaneen diyaaspooraa Oromoo akka lammiitti ilaaltee, kanaafuu, Waa’een lammii ishee, ishee yaachiseetimoo karoora biraa qabdii??….

Addunyaa keenya kana irratti uummata Jiwush caalaa kan faca’e akka hin turre seenaan ifa godha. Haa ta’u malee Biyya Israa’eel Har’a arginu kana hundeessuufi beekkamumtii goonfachiisuu keessatti kan qooda guddaa qabu Komiyuuniitii Jiwush ykn Israa’eel Bittinfamee biyya ambaa jiraachaa ture akka ta’e seenaan ni addeessa. Yaa Sangaa Margasaa Malee Hallayyaasaa hin agarre

Sagalee QEERROO Bilisummaa Oromoo (SQ) Adoolessa 19,2015

Aside

An Open Letter to President Barak Obama on his Ethiopia Visit

Aside

July 18, 2015,  An Open Letter to President Barak Obama on his Ethiopia Visit

HRLHADear Mr. President Obama, The Human Rights League of the Horn of Africa wants to express its deep concern about what it regards as the wrong decision made by you and your staff in making a formal visit to Ethiopia in late July 2015. This will make you the first US leader to break the US promise not to reward dictators. History teaches us that the American constitution of 1787 is the world’s first democratic constitution, a landmark document of the Western World which protects the rights of all citizens in the USA. The following examples show America’s great support of human rights: During the First World War, America entered the war against Germany in 1917 to protect the world- as President Woodrow Wilson put it, “Making the World Safe for Democracy”. Later, Eleanor Roosevelt, the widow of President Roosevelt and a human rights champion, drafted in 1948 an internationally accepted human rights bill, the Universal Declaration of Human Rights. These and other democratic activities have made America a champion of democracy all over the world that all Americans should be proud of. An Open Letter to President Obama