Adooleessa 28/2015
Odeessa Qeerroo Aanaa Sulultaa
Uummanni jiraattootni godinaalee addaa Oromiyaa gocha mootummaan Wayyaanee mana jireenyaa qonnaan bulaa oromoo irratti xiyyeeffatee diigaa jiru balaaleffachuun gocha mootummaa Wayyaanee kana mormuu qabna kan jedhan uummanni qonnaan bulaan jiraattonni Laga Xaafo fi Sulultaa har’a gocha kana balaaleffachu ibsan.
Mootummaan abbaa irree Wayyaaneen akeekni Master Pilaanii baafate itti milkaawuu dagachuu fi uummata Oromoo irraa deggersa dhabuun isa mufaasisuu irraan, Oromoon yoo mirga isaa falmachuu hidhamuudhaan, ajjeefamuudhaan, biyyaa ariyamudhan kan hin dhaabne tahuu hubatee haala jijjiiruudhaan ammoo karaa ittiin uummata Oromoomiidhu keessatti bakka itti xiyyeeffate godina addaa keessatti mana jireenyaa qonnaan bultoota irraa diigee bakkeetti tamsaasuu kaayyefatee kan ka’e tahuun isaa waan hubatameef manakoo irraa mootummaan kamuu aangoo irratti hin qabu qabeenyaakoottin wareegama malee irraa hin buqqa’u narraas hin buqqa’u kan jedhan jiraattotni qonnaan bulaan godina addaa Oromiyaa Laga xaafoo ejjennoo qaban jabeeffatan, akkasuma gocha mootumma wayyaanee kanaan fuullefatee deemaa jiru balaaleffatan.
Haaluma kanaan guyyaa har’aas barattootni fi dargaggootni deggertootni Qabsoo Bilisummaa Oromoo jalee fi deggertuu wayyaanee irraa kan hafe uummata keenya waliin hiriirra. Qabeenyaan uummata keenyaa kan dhuunfaa keenya kaayyoo diinni ittiin uummata Oromoo godina addaa irraa buqqisuuf tooftaa jijjiiree dhufe dura ni dhaabbana jechuun sagalee isaanii tokkummaan dhageesisan.
Hidhatooti milishootni gandaa godina addaa oromiyaa Laga Xaafoo addatti gocha mootummaa balaaleffachuu fi uummata deggerra jedhan. Kanumaan barattootni yuuniversitii garagaraa irraa galan 10 ol godina addaa Laga Xaafoo irraa ukkaamfaman.
Isaan keessa
Barataa Sanyii Kebbedee
Barataa Carraaqaa Hambis
Barataa Haashim Lijaalem
Jedhaman kanneen keessatti kan argamanii fi isintu uummata kaase malee uummanni kaayyoo akkasii hin qabu jedhan ergamtootni Wayyaanee barattoota kana hidhaadhaan gara dabarsan.
Namni kamuu qabeenyaa isaa fi mirga isaaf dhaabbatee yeroo itti falmuu fi qabeenyaa ofii irraa buqqa’u irra itti wareegamuu filanna kan jedhanis jiraattotni aanaa Sulultaa ejjennoo isaanii jabeessan.


