Sagalee Qeerroo Bilisummaa (SQ) Adoolessa 28, 2015

Aside

Jiraattotni Qonnaan Bulaan Godina Addaa Oromiyaa Sulultaa fi Laga Xaafoo Gocha Mootummaan Wayyaanee Mana Jireenyaa Diigu Ni Balaaleffanna Jedhan‏

Aside

Adooleessa 28/2015
Odeessa Qeerroo Aanaa Sulultaa
ahUummanni jiraattootni godinaalee addaa Oromiyaa gocha mootummaan Wayyaanee mana jireenyaa qonnaan bulaa oromoo irratti xiyyeeffatee diigaa jiru balaaleffachuun gocha mootummaa Wayyaanee kana mormuu qabna kan jedhan uummanni qonnaan bulaan jiraattonni Laga Xaafo fi Sulultaa har’a gocha kana balaaleffachu ibsan.
Mootummaan abbaa irree Wayyaaneen akeekni Master Pilaanii baafate itti milkaawuu dagachuu fi uummata Oromoo irraa deggersa dhabuun isa mufaasisuu irraan, Oromoon yoo mirga isaa falmachuu hidhamuudhaan, ajjeefamuudhaan, biyyaa ariyamudhan kan hin dhaabne tahuu hubatee haala jijjiiruudhaan ammoo karaa ittiin uummata Oromoomiidhu keessatti bakka itti xiyyeeffate godina addaa keessatti mana jireenyaa qonnaan bultoota irraa diigee bakkeetti tamsaasuu kaayyefatee kan ka’e tahuun isaa waan hubatameef manakoo irraa mootummaan kamuu aangoo irratti hin qabu qabeenyaakoottin wareegama malee irraa hin buqqa’u narraas hin buqqa’u kan jedhan jiraattotni qonnaan bulaan godina addaa Oromiyaa Laga xaafoo ejjennoo qaban jabeeffatan, akkasuma gocha mootumma wayyaanee kanaan fuullefatee deemaa jiru balaaleffatan.

Haaluma kanaan guyyaa har’aas barattootni fi dargaggootni deggertootni Qabsoo Bilisummaa Oromoo jalee fi deggertuu wayyaanee irraa kan hafe uummata keenya waliin hiriirra. Qabeenyaan uummata keenyaa kan dhuunfaa keenya kaayyoo diinni ittiin uummata Oromoo godina addaa irraa buqqisuuf tooftaa jijjiiree dhufe dura ni dhaabbana jechuun sagalee isaanii tokkummaan dhageesisan.
Hidhatooti milishootni gandaa godina addaa oromiyaa Laga Xaafoo addatti gocha mootummaa balaaleffachuu fi uummata deggerra jedhan. Kanumaan barattootni yuuniversitii garagaraa irraa galan 10 ol godina addaa Laga Xaafoo irraa ukkaamfaman.
Isaan keessa
Barataa Sanyii Kebbedee
Barataa Carraaqaa Hambis
Barataa Haashim Lijaalem
Jedhaman kanneen keessatti kan argamanii fi isintu uummata kaase malee uummanni kaayyoo akkasii hin qabu jedhan ergamtootni Wayyaanee barattoota kana hidhaadhaan gara dabarsan.
Namni kamuu qabeenyaa isaa fi mirga isaaf dhaabbatee yeroo itti falmuu fi qabeenyaa ofii irraa buqqa’u irra itti wareegamuu filanna kan jedhanis jiraattotni aanaa Sulultaa ejjennoo isaanii jabeessan.

Sabboontuun Oromoo Barsiiftuu Talilee(Caaltuu) Aduunyaa Mammoo Sabaabaa Dhukkuba Akka Tasaa Ishee Mudateen Addunyaa kana Irraa Boqochuutti Miseensotiini Qeerroo Bilisummaa Gadda ibsatan.

Aside

Adoolessa 27/2015 Sabboontuun Oromoo miseensa Qeerroo Bilisummaa Oromoo kan taate barsiiftuu Talilee(Caaltuu) Aduunnaa Mammoo sabaabaa Dhukkuba akka tasaa ishee mudateen Addunyaa kana Irraa Boqochuutti Gadda guddaa itti Dhagaaame miseensotiin Qeerroo Bilisummaa Oromoo ibsatan.

Sabboontuun Oromoo Barsiiftuu Taliilee(Caaltuu) Addunyaa Maammoo abbaa ishee Barsiisaa Addunyaa Maammoo fi harmee ishee Addee Shantamee Leejjisaa irraa godina Lixa Oromiyaa Aanaa Midaa Qanyii Ganda Godaa Galaanitti bara 1988tti dhalatte, Umriin ishee akkuma barnootaaf gaeen barumsa ishee sadarkaa tokkooffaa fi 2ffaa Aanaa MIdaa Qanyiitti kan Xummurte yoo tau, bara 2004 A.l.H barnoota ishee sadarkaa Dipiloomaatiin koolleejjii Barsiisota Jimmatti Ogummaa barsiisummaan kan barattee fi bara 2007/2015 Koolleejjii barsiisota Jimmaa irraa eebbifamtee, jalqaba baatii Adoolessaa irraa egaaluun dukkuba akka tasaa Somba ishee qabateen Adoolessaa 25/2015 Addunyaa kana irraa boqochuutti hoggantootni Qeerroo Bilisummaa Oromoo gaddaa guddaa isheef qaban ibsatan. Sirni gaggeessa ishee firoottan ishee fi lafa dargaggootni barattootni fi miseensotni Qeerroo bilisummaa oromoo kumootaan lakkaaman argaman Aanaa Midaa Qanyii ganda gooda galaanitti Adoolessaa 27/2015 rawwatera.

Sabboontoon Oromoo Barsiiftuu Taliilee (Caaltuu) Maammoo bara 2012 sochii warraaqsaa biyyaaleesaa fi Dimookiraasii Qeerroon bilisummaa Oromoo gaggeessuu keessatti makamuun miseensa tauun gaee ishee akka sabboontota barattoota Oromoo kamiitti iyyuu bauun sabboontuu amala qabeettii fi icciitii jarmiyaa jabeessitee eeguu irratti dandeetii fi cimina qabduu taatee argamuun dargaggoota Qeerroo fi Shammarreen Oromoo keessatti jalaala fi kabaja guddaa kan qabdudha. SAbboontuun Oromoo Sochii warraaqsaa FDG bara 2014 miseensotiin Qeerroo Bilisummaa Oromoon qabsifamee finiinaa ture

SBO Adoolessa 29,2015. Oduu, Ijoo Dubbii ABO fi Gabaasa Oduu Gumaacha Hawaasi Oromoo Sa’ud Arabiyaa WBO jabeessuuf taasisee fi SBO Sagantaa Afaan Amaaraa

Aside