Waadaa Wayyaanee Kijibaan Hawwatamanii Owwaatuun, Dantaa Ummata Oromoo Fi Wareegama Qabsaawotaa Kabajaa Dhorkatuu Dha.

Aside

(Ijoo Dubbii ABO)

ABOMootummaan Itophiyaa murna bicuu Wayyaaneen durfamu QBO gufachiisuuf tooftaalee adda addaa baafatee hojjataa akka turee fi jiru lammii Oromoo jalaa dhokataa tahee hin beeku. Haalli biyya keessaa guutummaatti jijjiiramuu fi dantaan ummata Oromoo kabajame jechuun ummatni Oromoo Qabsoo Bilisummaa irra dhimmoota biroo irratti akka xiyyeeffatu taasisuu fi qabsoo bilisummaa lagachiisuuf hedduu yaale. Odeessa qabatamaa hin taanee fi kijibaa irra deddeebi’uun itti fayyadamuun ummatni dhugoomfatee deggersaa fi tumsa akka kennuuf tattaafatullee itti milkaa’uu hin dandeenye.

QBO sadarkaa har’aa irra gahuuf bu’aa-bahii hedduu qaxxaamure. Waggoota kanneen keessattis wareegamni baafame ol’aanaa fi hedduu qaalii dha. Lubbuu gootowwan qabsaawotaa fi lammiilee hedduutu irratti kitimame. Qabeenyi herregaan ibsuuf ulfaatu diinaan dhabamsiisame. Sababa mirga isaanii falmataniif lammiileen Oromoo qabeenya abbaa biyyummaa dhalootaan qaban dhabsiisuun qe’ee isaanii irraa buqqaafaman kumootaan lakkaa’aman. Biyya isaanii keessa nagaan jiraatuu dadhabuu irraa biyya ormaatti baqatuuf kanneen  dirqamanis kuma kudhanootaan lakkaa’amu. Ijoo Dubbii ABO – Torban Daispora Wayyaanee irratti…Adoolessa,2015

Waajjiri Mishooma Qonnaa Oromiyaa “Gamagama” Jechuun Kanneen Filmaata Irratti EPRDFn Filaniif Muuduun Warra Hin Filiin Ammoo Ilaalcha Addaa Qabdu Jechuun Hojii Irraa Arihaa Jira

Aside

Adoolessa 24,2015 Naqamte

Oromia samamaa jirtuWaajjira Mishooma Qonnaa Oromiyaa Jedhamee Kan Beekamu Filmaata Darbe Irratti EPRDF Filchiisuuf Kanneen Gahee Bahaniif Muudama Yeroo Kennu Sabboontota Oromoo Ammoo Rakkoo Ilaalchaa Qabdu Jechuun Hojii Irraa Arihuu fi Gaafatama Irraa Fageessuu Murteesse

Baatii Adooleessa 2015 kana keessa gamaggama hojii maqaa jedhuun ajaja caasaalee gadiitti erga diriirseen godinootii fi aanaaleen Oromiyaa qixa ga’umsa hojiisaanii caalaatti mootummaa Wayyaaneef amanamummaan yeroo filmaata sobaa 2015 kanneen dalagaa farra uummataa dalagan yeroo leellifaman kanneen gochicha hin fudhatiniifi uummata isaanii kabajanii jiraachaa turan rakkoo ilaalchaa keessa jirtu jechuun kaabinootaa fi jaleewwan Wayyaaneetiin muddama kennaa jira.
Haaluma kanaan godina Wallagga aanaa Guutoo Giddaa magaalaa Naqamtee fi aanaalee biroo dabalatee Wayyaaneen hojjettoota misooma qonnaa danqaa kan ture yeroo ta’u warreen wayyaaneedhaan ceepha’aman kunis adabaan demotion gara baadiyyaa fagootti sin ergina jechuun itti roorrisuusaa hojjettoonni misooma qonnaa dubbachuusaanii maddeen erga guyyaa lama dura walga’ichi xumuramee beeksisanii jiru

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast- 22 July 2015

Aside

Godina Salaalee Aanaa Kuyyuu Gandoota GaragaraaKeessatti Dabballoonni fi Milishoonni Wayyaanee EPRDF/TPLF Ummata Nagaa Goolaa Jiraachuun Gabaafame.

Aside

Qeerroo bilisummaaAdoolessa 24,2015 Sirni gita bittuu Wayyaanee erga gara aangootti dhufee eegalee ummata Oromoo fi saboota cunqurfamoo biroo hiraarsuu fi badii tokko malee gooluu irraa of qusatee hin beeku. Keessumattuu immoo qabsoon ummanni oromoo biyya keessa fi biyya alaatti bilisummaa isaa fi walabummaa Oromiyaaf taasisu boqonnaa fi haaragalfii waan ishee dhoowwateef dararaa fi hiraarsa addaa saba Oromoo irratti
raawwachaa turuu fi jiraachuun ishee eenyuf illee gaaffii miti.

Filannoon kijibaa fi walii dhahaa marsaa shanaffaaf caamsaa 24/2015 geggeeffameen as abdiin Wayyaaneen ummatarraa qabdu laamsha’aa waan dhufeef dabballoonni fi jaleewwan Wayyaanee Oromiyaa iddoo garagaraatti ummataan isin deeggaraa fi miseensa keenya akka hin taane tibba filannoo sana qabatamaan waan hubanneef kanaafuu tajaajilaa fi faayidaa gandarraa argachuu maltan hin argattan jedhu. Godina Salaalee Aanaa kuyyuu gandoota garagaraa keessatti hiraarri fi dararri wayyaaneen gochaa jirtu kan yeroo kaanii irra tibbana hammaachaa jiraachuu Qeerroon addeessee jira.
Fkn Sukkaara fi Zayita ganda irraa gatii madaalamaan gurguramu miseensota fi deeggartoota wayyaanee malee namoonni kuun akka hin arganne jedhaman.
Dargaggoonni waraqaa eenyummaa gandaa akka hin arganne. –Barattoonni qormaata biyyoolessaa kutaa 10ffaa xummuranii bu’aa eeggachaa jiran dorgommii adda addaaf of qopheessuuf jedhanii waraqaa qulqullummaa ganda irraa baafachuuf dhaqan : isin deeggartoota ykn miseensota keenya waan hin taaneef ganda irraa waan barbaaddan argachuu hin dandeessan jechuun lammii irraa dirqamaan mirga lammummaa mulqaa
jiraachuun isaanii ibsamee jira.Dabalataan immoo Aanuma kuyyuu gandoota garagaraa keessatti dargaggoonni ummata ijaartanii mootummaarratti kakaasaa jirtu jedhamanii guyyaa guyyaan hordoffii itti hammeessuun bahaa fi gala dhoowwaa jirachuu odeessi Qeerroo magaalaa Garba Gurraachaa irraa nu qaqqabe addeessee jira.Maqaan
gandootaa fi namoota shira kana dalaganii akka itti Aanutti caqafama:
Ganda Darroo daannisaa keessatti:
1.Obboo Baqqalaa Galaan
2.Obboo Humnee Jima a Ganda Darroo birbirsaa keessatti:
1.Obboo Batuu Godeessaa
2.Obboo Mitikkuu Fayyisaa
3.Obboo Hulluuqaa Adamuu
4.Obboo Bojaa Magarsaa
5.Obboo Gazzuu Baqqalaa
6.Obboo Abarraa Hordofaa
7.Obboo Gazzuu Gabayyoo Ganda Booccessaa sillaasee keessatti:
1.Obboo Tafarii Tasammaa
2.Obboo Caalaa Badhaadhaa
3.Obboo Naggasaa Badhaadhaa
4.Obboo Tacaanee Baqqalaa Ganda Liban Qacammee keessatti:
Obboo Adaree Raggaasaa Namoonni kun gochaa farrummaa lammiii isaanii irratti raawwachaa jiran kana irraa akka of qusatan akkanumaan itti fufu taanan tarkaanfii hamaan akka isaan eeggatu Sabboontotni Oromoo addeessee jira.
 

SagaleeSeife Nebelbalii fi Simbirtuu Qophii Adoolessa 23/24,2015

Aside

Biiftuun Hin Gortu, Kan Goretti Dhiiti!!

Aside

(Hariiroo Jorgootiin-Qeerroo Bilisummaa Oromoo-Oromiyaa!!)

barruuErga gaafa daangaan Oromiyaa diinaan cabdee jalqabee Oromoon bifa bittinaaweenis bifa ijaarameenis qabsoo wal irraa hiin cinne taasisaa turuun isaa ifa galaadha.

Duuba, ganamuma Oromoon gamtaanis ta’e dhuunfaan biyyasaa diina irraa ittisuuf gaafa qabsoo jalqabe, ofirratti hirkattummaa mataa isaatiin malee eenyuuniyyuu abdatee hin turre.

Kanneen akka Janaraal Huseen Buneefaa Sangoota ofii  gurguraniiti, Qawwee bitatanii nafxanyoota of tuultota ajjeesanii gootumaasaanii agarsiisaa turan.

Malee yeroo itti gabrummaa simatanii harka maratanii itti taa’an hin turre.  Kanaafis ragaalee hedduu kaasuun ni danda’ama.

Qabsooon Saba Oromoo kun bu’aa ba’ii hedduu keessa kan bahe ta’us dhumarratti ititee bifa seera qabeessa ta’een idiloomee, irreessaa tokkoomsatee gara Dhaaba ABO hundeessuutti tarkaanfatee jira.

Kunis seenaa Qabsoo uummata Oromoo keessatti tarkaanfii isa ol’aanaa ta’uusaa ni hubanna!Biiftuun Hin Gortu