Maal Wayya?/ANOOLEE ZARIHUN WADAAJOO

Aside

Dhimmi Master Plaanii fi Saamichi Lafaa Tooftaa Jijjiirratee Deemaa Jiru Dura Tokkummaan Dhaabbachuuf Qonnaan Bulaa, Barataa fi Hojjettooti Shaggar Kaabaa‏ Jiraatan Ibsan

Aside

Adoolessa 22,2015 Finfinnee

aa

Naannoo Sulultaa

Qonnaan bulaa, barataa fi hojjetaan garagaraa shaggar kaabaa aanaa Kuyyuu, Sulultaa, Caancoo, Akaakoo fi kanneen biroonis godina addaa dabalatee dhimmi Master Pilaanii deebi’ee ka’uu hin qabu jechun walitti dhufuun kana duras dhaabbachuuf of qopheessuu Qeerroon gabaasee jira.

Ammos dhimmi Master Palan Finfiinnee kun tooftaa jijjiratee qonnaan bultootaa fi jiraattotaatti waan dhufaa jiruuf qabeenyaa fi mirga Oromummaa keenya kan sarbu dura of qusatnoo tokko malee ni dhaabbatna jechuun  qonnaan bulaan aanaalee kanneen irraa ibsuu Qeerroon naannicha irraa gabaasee jira.

Tooftaa fi malli mootummaan Wayyaanee saamicha lafaa raawwatuu fi qonnaan bulaa Oromoo balleessuu fi qabiyyee lafaa Oromoo dhuunfachuuf
gama kamiinuu itti wareegamuuf dargaggootni barattootni Oromoo fi uummanni godina kana keessatti har’a dhaamsa waliif dhaamuun yomiyyuu
mootummaa Wayyaanee ofirratti hin goobsinu jechuun murteeffachuu gabaasni Qeerroo addeessa.
Shaggar Kaabaa aanaa Caancotti halkan Adoolessa 20,2015 halkan waraqaaleen garagaraa magaala keessa faca’an
– Dacheen Oromiyaa kan Oromooti, oromoodhaan haa bultu,
-Saamtotni fi sobdoonni nun bulchin.
-Mootummaan wayyaanee shororkeessaadha.
-Dinaaf hin jilbeenfannu
-Uummata oromoo saamuun haa dhabbatu
-Miirri maqaa Master Pilaanii waamu haa dhaabbatu
-Wayyeen diina uummata oromooti
-OPDOn uummata oromoof hin dhaabbanne
Kan jedhu waraqoonni bakka garagaraatti barreeffamuun maxxanfaman irraan kan ka’e har’a poolisii fi humni waraana federaalaa naannicha qubachuu Qeerroon gabaasee jira.

 

Qellem Wallaggaa, Aanaa Gaa’oo Qeebbetti Barattootni Walgayii Wayyaanee Lagachuun Warraaqsa Bilisummaa Itti Fufsiisan,‏

Aside

Adoolessa 22,2015 Dambi Doolloo

diddaa9Mootummaan Wayyaanee barattoota yaadaan burjajessuu fi fincila kaasuu kan jedhuun dursa maqaa leenjiin barattoota boqonnaaf galan dirqamaan leejii fi tarsiimoo jechuun galmeessaa jiraachuu gabaasuun keenya ni yaadatama.
Haaluma kanaan Adoolessa 21,2015 gabasa Qeerroo godina Qellem, Aanaa Gaa’oo Qeebbee irraa dabballoonni Wayyaanee sababaa walgahii ariifachiisaa jedhuun barattoota dirqiisiisuuf aanotaa fi gandoota irraa jooraniin fudhatama dhabisisuu dhaan gootonni barattooti Oromoo aanota irratti wal ijaaruun diddaa isaanii muldhisaa jiru.
Haalli kun kan itti hammaate dabballoonni Wayyaanee bakka bu’oota aanaa fi dura teessota gandaa bobbaasuun mana manatti barataa meeqa akka jiruu fi eenyummaa isaanii akka galmeessaniif haa bobbaasan malee gandoota hunda keessaa diddaa barattoonni kaasaniin ergamtooti dhagaan reebamanii arihamaa jiraachuu gabaasi addeessa.
Maatiin barattootaas diddaa barattootni taasisan deggeruun dhagayame. Aanaalee garagara keessatti barattootni maqaa walgayii jedhamee galmeen funaanamaa jiru kana dura dhaabbatuun fesheleessan. Kanumaan ergamtotni Wayyaanee godina Qellem mufii irraan kan ka’e erga uummanni diddaa barattootaa deggeruun waliin hiriiree tajaajila ibsaa fi bishaanii kutuu qabna jechuun mari’ataa jiraachuu Qeerroon Qellem Dambi Doolloo irraa gabaase.
 

SBO Adoolessa 22,2015. Oduu, Ibsa Tarkaanfii Waraanaa ABO, Marii Dura Taa’ota Hawaasa Oromoo Amerikaa, Kanadaa fi Awustiraliyaa Irraa Waliin Goone Kutaa 3ffaa fi SBO Sagantaa Afaan Amaaraa

Aside

MUST WATCH – Artist Ibrahim Adam ” Qophii Addaa OBS TV”

Aside

https://youtu.be/5ECPRhanAhs