
Diddaan Sirna Mootummaa Wayyaanee Caasaalee Isaa Keessatti Eegale Jabeeffamuu Qaba
Ibsa Qeerroo Bilisummaa Irraa
Bara mootummaa abbaa irree Wayyaanee keessatti hidhaa, ajjechaa , saaminsii fi dararri dhala nama irra gahu hammaataa tahuun beekamaadha. Gocha suukkanneessan dhala namaaf hin malle kunis uummata oromoo fi uummata cunqurfamoo Impaayera Itoophiyaa irratti kan xiyyeffateedha. Kana malees rakkoowwan hoj-dhabdummaa, qaala’insa jireenyaa, gibira humnaa olii fi rakkoowwan kanatti hirkatam hammatoodha.
Rakkoowwan kana irra aanuudhaaf dargaggoonni oromoo hedduun baqattummaaf saaxilamuudhaan gammoojjii fi galaana keessatti irbaata allattii fi qurxummii ta’an. Gariin falma abbaa biyyummaa keessatti irbaata rasaasaa tahan.
Dargaggoonni kuma dhibbootaan lakkaawaman ammo rakkoo jireenyaa dandamachuu dadhabuudhaan miseensa waraana wayyaanee tahuu dirqaman, Sirna caaseffamma waraana mootummaa wayyaanee garuu olaantummaa Adda Bilisummaa Uummata Tigraay(TPLF)dhaan kan dhuunfatame tahee hacuuccaan miseensota waraanaa ilmaan Oromoo fi sabaawwan cunqurfamoo irra gahu daran duukkanneessadha. Ilmaan Oromoo gammoojjiwwan dhalli namaa dandamachuu fi ulfaatu keessatt dirqma akka bahan dirqisiiifamu . Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Adoolessa 2015
Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk