Mootummaan TPLF Oromiyaa Godinaalee Adda Addaa Irree Tajaaiilli Ibsaa Waan Dhaabbeef Ummanni Mukkeen Ibsaaf Dhaabbatan Qoran Godhachuu Eegale. Gaaffiin Mirgaa Baratootaan Ka’us Itti Fufe.

Aside

ah(Gabaasa Qeerroo Adoolessa 09,2015) Tibba kana barattooti dhaabbilee barnoota olaanoo irraa gara maatii isaaniitti yeroo itti dacha’an(galan)  yoo ta’u barattooti yaada gaaffii migaa fi warraaksaa hawaasa barsiisu sodaa jedhuun TPLF/OPDOn walgahiidhaan barattoota boqonnaa dhorkaati jirti.

Haaluma kanaan godina Wallagga aanaa Nuunnuu Qumbaa fi waamaa hagaloo irraa ibsaan ji’oota kudhanii olbadeef wayita mootummaan TPLF barattoota walgahiif waamtetti muki ibsaa qoraan ta’ee bobeeffatamu faayidaa ibsaa laachaa hin jiru jechuun kaabinoota rifaasisan.
Akkuma guutummaa Oromiyaatti aanaalee muraasni iyyaafanne ibsaa,networkii bishaan dhugaatii fi walumaa galatti bu’uuraalee jireenya kan jedhaman hinqaban, Jala bultii filmaata sobaatii kaasee hanga ammaatti irra jireessaan networkii fi Ibsaan kan haalaan irraa hir’isame Oromiyaadha

Qeellam, Wallaggaa  aanaa Laaloo Qilee,aanaa Anfilloo,Baabboo gambeel,Gullisoo,Noolee kaabbaa,W/bahaa aanaalee Leeqaa Dullachaa,Nuunnuu qumbaa,Waayyuu tuqaa,Eebantuu,Haroo Limmuu,H/G/Wallaggaa aanaalee akka Abaaboo Guduruu,Abbaayi Coomman godina I/ABooraa aanaa Dhidheessaa,godina Jimmaa aanaa Noonnoo Benjaa,Oomoo naaddaa,Shaggar dhihaa Tokkee Kuttaayee,Dirree badhaas,Shaggar Kaabaa Salaaleerraa aanaa Warra Jaarsoo,Dagam,Garba Gurraachaa kanneen irraa ibsaan kan bade yoo ta’u,magaalaan Amboo guyyoota sadiif networkii fi ibsaa malee dafinootii hanga kaleessaatti turte magaalaan Naqamtee guyyaa har’aa kana sa’atii saddeet guutuudhaaf dukkana turte.
Keessumaa ibsaan magaalotarraa badu kun jirtuuf jireenya namoota dalagaa ibsaan walqabatan kan akka hojii hoteelotaa,muka soofuu,hojii barnoota,hojii waajjiraa manneen baankii akka hin dalagne taasisuun yeroo uummata qisaasessaa jira

Qeerroon Barattootni Oromoo Dhaabbilee Barnoota ol-Aanoo Maree Torbaan Tokkoof Taasisaniin Haala Qabsoo Bilisummaa Oromoo, Haala Rakkoo Siyaasa Biyyatti, fi Haala Diaspora Oromoo Ilaalchisuun Marii Baldhaa Godhchuun Ibsa Ejjennoo Qabxii Toorba(7) Qabu Baafatan.

Aside

cropped-qeerroo-edit.jpg

 

Ibsa Ejjetnoo Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Adoolessa 8/2015

Finfinnee,Oromiyaa

Nuti Qeerroon dargaggootni barattootni Oromoo dhaabbilee barnoota ol-aanoo biyyatti garaagaraa irraa ogummaa garaagaraan eebbifannee fi kanneen barachaa jirru haala qabsoo bilisummaa Oromoo ABO durfamuu fi Warraaqsaa FDG; ilaalchisuun,haala rakkoo siyaasaa  biyyatti, dawwannaa Peresidentiin Ameerikaa Barak Obamaa Adooleessa 2015 dhumaa gara Ethiopiatti gochuuf jiru, rakkoo diaspora Oromoo fi qabsoo Oromoo fi akeekaa Maaster Plaanii Finfinnee ilaalchisuun sadarkaa garaagaraa fi mooraalee dhaabbiilee barnoota olaanoo Yuunibarsiitota kanneen akka Jimmaa, Wallaggaa, Amboo, Finfinnee, Adaamaa, Harammayyaa,Dirree Dawaa, Maddaa Walaabuu , Wal-Qixxee, Mattuu, Gimbii, Walisoo, Shaambuu , Arsii fi Bolee Horaa akkasumas kolleejjii barsiisota Jimmaa, Neqemtee, Shaambuu, Mattuu, Baalee Roobee, fi Allaagee  irratti torbee tokko guutuu marii qabsoo bilisummaa Oromoo daran jabeessuu fi Oromoo gara tokkotti fiduun humneessuu irratti erga godhannee booda Mootummaa Wayyaanee abbaa irree EPRDF/TPLF/’n durfamuu, fi fedhii uummata Oromoo fi lammilee cunqurfamoo biyyatti malee humna waraana afaan qawween mirga uummata keenyaa ukkamsuu fi oloa filannoo marsaa 5ffaa 100% injifadhe propaganda sobaa olola garbummaa labsachaa jiruu balaaleffachuu fi tarsiimoo sochii warraaqsa FDG irratti jaabeessuun kan dura dhaabbannu tu’uu murtii keenyaa dabarfachuun Ibsa Ejjennoo qabxii toorba(7) dabarfanne jirra.Ibsa Ejjetnoo Qeerroo Bilisummaa Oromoo Adoolessa 8 2015

ቄሮ: የኦሮሞ: ወጣቶች: ለነፃነት: ንቅናቄ: ድምፅ: የሳምንቱ: ዜና::/ SQ July 08, 2015

Aside

INSIGHT INFORMATION ON UNPO XII GENERAL ASSEMBLY AND OROMO LIBERATION FRONT (OLF)

Aside

UNDP UNDP2Unrepresented Nations and Peoples Organization (UNPO) held its 12th General Assembly from 2 to 4 of July 2015 in Brussels, Belgium. The first day opening ceremony was in the European parliament Building Conference Room P1C051 on the presence of some members of European parliament from different party Groups.  Four panels each of them focused on challenges and success on the rights of self- determination with different back grounds were discussed. Practical experience from Kosovo, Scotland and Catalan were presented. Additionally former president of the Flemish peace institute, Nelly Maes presented a paper on collective rights considering the Flemish quest. Dr Fiona McConnell from Oxford University presented a comprehensive on Paradiplomacy. The second and third day meeting was held in Flemish Cultural centre and Flemish parliament respectively. The General Assembly passed two resolutions: one comprehensive that values for all members and the other specific based on members’ request. Dr. Shigut Geleta presented and requested concerning the current human rights situation in Oromia.(see full text below) INSIGHT INFORMATION ON UNPO XII GENERAL ASSEMBLY AND OROMO LIBERATION FRONT