Adoolessa 08,2015 Walqixxee
Godina Soddaa Walqixxee jiraattoni Takaakatu, Zoobimollaa , Fiqaaduu fi Rakkaa kan jedhaman keessa jiraatu uummanni daandii konkolaataa bakka adda addaatti cufuun shamarran, daa’imman umurii 10 olii osoo hin hafiin mormii fi diddaa sirna mootummaa Wayyaanee dhageessisuun sirnicha dura dhaabbachuutti akka hirmaatan taasisuudhaan har’a Qeerroon Sooddoo irraagabaasee jira.
Kanumaan waraanni Wayyaanee uummata naannowwan kana keessa jiraatu irrattu dhukaasa banuun beekame.Ummannis dhukaasa Wayyaanotaa kana osoo hin dheessiis gootummaan dura dhaabbatanii sirna mootummaa Wayyaanee fi filmaata sobaa gaggeefame guutuutti balaaleffataa akka turan Qeerroon gabaase.
