Wallagga Qellem Aanaa Jimma Horroo Keessaa Uummanni 50 Ol Tahu Yakka Tokko Malee Mana Hidhaatti Guurame,FDGs Itti Fufee Jira!‏

Aside

Caamsaa 6,2015 Gabaasa Qeerroo Qeellam Wallaggaa
W2Because I am OromoOromiya keessa FDG qabsiifamaa jiruu yeroo ammaa mootumma Wayyaanee muddeen, godinaalee garagaraa keessaa fi manneen barnootaa Yuuniversitiilee fi koollejjiwwan naannootti humni waraanaa fi poolisiin bufatee jira, kun Oromiyaa Wallagga, Jimmaa fi baha Oromiyaa irratti kan mul’achaa jiruudha, Qellem Jimmaa Horroo irratti uummata nagaa qonnaan bulaa fi barattoota mootummaa Wayyaanee dura dhaabbatan kan jedhuun Caamsaa 5,2015  irraa kaasee Oromoonni mana hidhaatti funaanamaa jiru.

Humni waraana mootummaa Wayyaanee fi poolisiin naannoo uummata naannichaa keessatti galee sodaa jiruuf jireenya eegalee achuma keessa uummata waliin jiraachuu kan eegale bultii hedduu fixeera. Mootummaan Wayyaanee humni WBO Qellem aanaalee garagaraa keessatti uummata waliin jiraata kan jedhuun humna isaa hanga gandaatti qubachiisee jira,kana irraas kan hubatamu sodaa mootummaan Wayyaanee qabuudha, kanumaan sabboontota Oromoo FDG uummata waliin qabsiisu jedhamuun yakka tokko kan irratti hin mul’anne namoota nagaa 50 ol tahan Aanaa Jimmaa Horroo keessaa qabee mana hidhaatti guure namoota muraasa maqaan isaanii Qeerroon gabaase akka armaan gadiiti.

1. Shuumataa Danuu-Qonnaan Bulaa
2. Abdiisaa Indaaluu-Ogeessa Fayyaa
3. Masarallaa Dinbaashaa-Hojjetaa Mootummaa
4. Charinat Tamasgeen-Daldalaa
5. Geetuu Tamasgeen-Daldalaa
6. Tigistuu Tamasgeen Daldalaa……………………………….. namootni kun sadan obboloota.
7. Caalii Ganjoosaa-Barataa
8. Kariim Abdulkariim-Qonnaan Bulaa
9. Effawuu Abdulkarim-Qonnan Bulaa
10. Taaddalee Tasfaa-Qonnaan Bulaa
11. Nabiyyuu Tashoomee-Qonnaan Bulaa
12. Wangeeluu Bajoosaa-Barataa
13. Mallasaa Alamuu-Qonnaan Bulaa-Abbaa Maatiiti
14. Geetuu Tasfaayee-Barataa
15. Solomoon Gurichoo-Konkolaachisaa
16. Lataa Wiirtuu-Daldalaa-deggeraa fi miseensa WBO jechudhaan akkasuma mana isaa keessa meeshaa lolaatu argame jechuudhaan tika mootummaan qabame,
17. Bulchaa Qalbeessaa-Konkolaachisaa
18. Abdii Aseffaa-Barataa
19. Saamsoon Solomoon-Barataa
20. Phaawoloos Atoomsaa-Hojjetaa Mootummaa-kanaan dura irra deddebiidhaan uummata ijaarte, miseensa ABOti jedhanii hiraarsaa turan,
21. Gammachuu Bantii-Barataa
22. Ishete Zakkaariyaas-Barataa
23. Naggaa Balaachoo-Barataa
24. Dirribaa Oljirra-Qonnaan Bulaa
25. Fedhesaa Bashanaa-Qonnaan Bulaa
26. Yoohannis Qixxeessaa-Qonnaan Bulaa
27. Yaadasaa Danuu-Hojjetaa Mootummaa-kanaan duras mana hidhaa Wayyaaneetti hiraarfamaa ture,
28. Abdulkarim Jamal-mana jireenya isaa keessa sakatta’uudhaan meeshaa about argame, jechuudhaan qabame.
wayyaaneeNamoota hafan gabaasa Qeerroo aanaa Jimmaa Horroo irraa argannuun kan walitti deebinu ta’a. Uummannis daandi gubbaatti bahee hidhamtootni keenya gadhiifamuu qabuun falma gaggeessaa jira, mana hidhaa namootni kun muraasni keessatti argaman waajjira poolisii aanichaatti nyaata namootaaf akka hin geessine humni waraanaa Wayyaanee dura dhaabbate jaallan kun hundi hidhamuu qofa osoo hin taanee miidhaa qoonqootiin saaxilamaa jiru,Qeerroon Oromiyaa bakka hundaa nuuf birmadhaa diina uummata Oromoo hidhuuf duulaa jiru dura dhaabbannaan dhaamsa Qeerroo Qellem irraa darbuudha.

Mootummaan Wayyaanee Dhorkuu Yaalus Irreechi Tulluu Shanee Adaamaa Keessatti Sirna Ho’aa Kabajame.

Aside

Irreecha AdaamaaCaamsaa 6,2015 Adaamaa

Irreechi Tulluu Shanee adaamaa qaama mootummaatin dhoorgamuu yaalamus haala gaariin gaggeeffameera mootummaan abbaa irree irreechi Tulluu akka him bahamne jedhee sodaachisaa tire human isaatii ol taanaan baasastota isaa garage ayyaanichaatti bobbaasuun yaalii maqa balleessii amanttii Waaqeffannaa taasisus hin milkoofne.waaqeffattoonni iddoo garagaraa jiranis ayyanicharratti argamuun sirnicha dabarsaniiru milkiidhan roobaan galanii kadhatanii argataniiru,

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo,Caamsaa 6, 2015

Aside

Godina Lixa Shaggar Keessatti Argamti, Magaalaan Bakkee Keessatti Caamsaa 5,2015 Ka’een Wal Qabatee Sabboontoti Oromoo 8 Loltoota Wayyaaneen Qabamuun Hidhaa Seenan.

Aside

Caamsaa 06,2015 Amboo

diddaa9Mootummaan abbaa irree   EPRDF/TPLF uummata Oromoo irratti yakka garaa laafina tokko malee kan raawwatu humna waraana isaa bobbaasuun uummmata Oromoo nagaan qe’ee isaa jiraatu irratti yakka reebichaa fi ukkamsee hidhatti darbachuu itti fufuun walqabatee FDG uummataan qabachaa jiraachuu madden Qeerroo bilisummaa Oromoo Aanaa Ilfataa magaalaa Bakkee irraa gabaasa jiru. Humnootni Milishaaa fi Wajjirrii milishaa fi Poolisii Aanaa mana galmaa uummataa irra adeemuun mana galmaa uummataa poolisoota federaalaatti argisiisuun uummata reebsisaa fi hidhaatti guursisaa jiru.  Haala kanaan uummatni Oromoo Aanichaa reebamanii midhaan qaama irraa ga’ee fi kanneen mana hidhaatti darbaman:

  1. Obboo Sanyii Alamuu jiraataa jiraata magaalaa bakkee  midhaa guddaan reebichaa kan irra ga’ee fi hidhatti darbame kan jiru
  2. Obboo Tasfayee Jiraataa jiraata jiraata magaalaa bakkee  midhaa guddaan reebichaa kan irra ga’ee fi hidhatti darbame kan jiru
  3. Obboo Tokkummaa Araarsaa jiraata jiraataa magaalaa Bakkee  midhaa guddaan reebichaa kan irra ga’ee fi hidhatti darbame kan jiru
  4. Obboo Hayiluu Ajjamaa jiraata jiraata magaalaa Bakkee  midhaa guddaan reebichaa kan irra ga’ee fi hidhatti darbame kan jiru
  5. Obboo Eebbisaa Yaadataa jiraataa Magaalaa Bakkee kannee reebichi irratti rawwatame,
  6. Obboo shibbiruu Kumsaa qotee bulaa kanneen reebichi irratti rawwatame,
  7. Obboo Fayyeeraa Amanaa qotee bulaa  kanneen reebichi cimaan irratti rawwatame fi
  8. Lalisaa Dhumaa kaadhimamaa  KFO dorgomaa Filaannoo sobaa fi kabeebsaa Wayyaanee  kan  mana mare naannoo Oromiyaaf kan dorgomaa jiru, reebbichi guddaan qaama isaa irratti kan raawwateen yeroo amma kana caccabee haala socho’uu hin dandeenye haala rakkisaa keessatti kan argamu ta’uu gabaasaan Qeerroo bulisummaa Oromoo sochii warraaqsaa uummata qindeessuu aanaa ilfaataa irraa nuuf dhaame jira.

Ergamtootni Wayyaanee ergama diinummaa fudhachuun uummata Oromoo irratti yakkaa Suukaneessaa fudhachaa fi fudhachiisaa jirani fi itti gaafatama seenaa fi seeraa jala ba’uu hin dandeenyee:

  1. Bacharee Magantaa dhimma nageenyaa aanaa Ilfataa mana galmaa uummataa irraa adeemuun halkanii guyyaa uummata reebsisaa jira
  2. Warqinaa Irranaa Dabballee OPDO  aanaa Ilfataa  kan ta’ee mana galmaa uummataa poolisoota federaalaa wayyaanee fi basaastoota wayyaaneetti argisiisuun kan ummata irratti yakka dalagsiisa jiruu fi ilmaan Oromoo irratti raga sobaa qindeessuu himachiisaa fi raga sobaa ba’uun beekamu. Haalli gochaan Mootummaan farra dimookiraasii ta’ee kun uummata oromoo irratti rawwachaa jiruu kun uummatni Oromoo gara kuteenyaan mirga isaa kabachiisuuf akka qabsoo FDG qeerroon bilisummaa Oromoo gaggeessuu irraa duubatti hin deebine kan dirquu fi Uummatni fincilee mirga isaa kabachiifachuuf qophii gochuu jiraachuun ibsame jira. Humni poolisii wayyaanees guyyaa har’aa magaalaa Amboo irraa gara Aanaa Ilfataatti guuramaa jiraachuu madden keenya ibsan.

“Amma Miti Yeroon” Walaloo

Aside

Amma Miti Yeroon

 Kiyyaa Tesfaye

Kiyyaa TesfayeBarbadaa gubaa garaatti baadhannee

maaf injiraaniif mataa hoqannee ?

maqaa waliif baafnee maa walqoqodnee

dubbii arrabaa osoo garaa kaawannee

tokkoomuu Oromoo hundi amanee

tureerra silaa kan billiisomnee

Haalaan walbaruun dansa walbeekumsii

Lammiin Oromootaa Tokkummaa jabeessi,

Shira diinni xasuun walqoqqooduu dhiisii

Yaa ilmaan Oromoo mee qabsoo kee cimsii

Walabummaa Oromoof warraaqsa jabeessii

Amma miti yeroon yeroon wal hamachuu

Lagaafi amantaan adda fafagaachuu

Hunduu yeroo qaba booda nii qaqabnaa

mee dura biyya irraa Wayyaanee ariinaa

Gaafa billiisoomne tenyee wal qoranaa

Warreen adabaman dhugaan adabanaa

Amma miti yeroon maalif wal qoqodnaa.

SBO Caamsaa 06 Bara 2015. Oduu, Rakkoo Baqattoota Oromoo Biyya Yeman keessa jiranii irratti gabaasa, Gaaffii fi deebii Art.Amartii Waarii kutaa xumura akkasumas Beeksisaa fi SBO Sagantaa Afaan Amaaraa

Aside

Bulchiinsa Yuunivarsiitii Jimmaa, Humna Poolisii fi Tikaa Mootummaa EPRDF/TPLF’n Barattoota Oromoo Ari’uu fi Doorsisuu Itti Fufan.Magaalaan Jimmaas Sakata’amaa Jirti.

Aside

Gabaasa Qeerroo Jimmaa Caamsaa 5,2015

Uni JimmaaBulchiinsii Yuunivarsiitii Jimmaa gaggeessuummaa fi hoggansa a poolisii Komander Kaliid Abbaa Tamamii fi humnoota tikaa mootummaa EPRDF/TPLF’n gaggeeffama jirachuun saaxilame.  Ergamtootni Wayyaanee kun utuu koreen naamusaa(Discipline Committee) jiruu  gaaffii tokko malee barattoota Oromoo irratti gochaa diinummaa bahaa kan jiran ta’uun beekamadha.  President Yuunibarsiitii Jimmaa Dr Fiqiree Lammeessaa dabalatee qamnii akka seeraatti bulchiinsa Yuunibarsiitii Jimmaa jedhamuun beekamuu utuu, hin beekiin, Barattoota oromoo irraa ID fudhuun doorsisuun, fi soadaachisuun(Mental turture) fi psychologically dhaloota qaroo boruu biyyatti bakka bu’uu doomsuun barattoota Oromoo irratti shirri guddaan dalagamaa jira. Ariisaa barattoota irratti utuu , President barattoota kan ta’ee bakka bu’aan OPDO’n filannoo barattoota malee dirqamaan barattoota irratti bobbafte illee utuu hin beekiin addaatti barattoota Oromoo iraatti shirrii mirga barachuu irraa mulquun barnoota irraa adabuu gaafatamummaa hogganaa Poolisii Mooraa yuunibarsiitii Jimmaa Kalid Abbaa Tamaamii fi humnoota tikaa Wayyaaneetiin  ilmaan Oromoo Oromummaan Yakkamanii barnoota irraa arii’atama jiru.

JimmaaBifuma kanaan Barataan Oromoo tokko badii tokko malee utuu koreen naamusaa fi bulchiinsii Yuunibarsiitii kana balleessitee jedhee gorsaa fi akeekachiisa tokko illee itti hin kenniin  barattoota Oromoo irratti beeksisa  Waggaa lamaa fi isaa oliif arii’amteeta jedhu irratti maxxansuun barattoota Oromoo barnoota irraa arii’ama jiru, Haala kanaan Barataan Oromoo tokkoo Caamsaa 4/2015 barnoota isaa irraa waaggaa lamaaf arii’amteetta jechuun barnoota irraa ari’amuun walqabatee Barattootni Oromoo yuunibarsiitii Jimmaa guutummaatti barnoota dhaabuun FDG kaachisuuf kan murteeffatan ta’uu beeksifatan. Barataan oromoo haala kanaan arii’ame kunis:

  1. Barataa Abdii Guutataa barataa departmentii Ispoortii Waggaa 2ffaa barnoota isaa irraa waggaa 2f adabamuun beeksifame, kana malees humnootni tikaa mootummaa EPRDF/TPLF  barattoota Oromoo irratti bilbiluun isin ajjeefna, barnoota irraa isin ariina jechuun doorsifni mirga dhala namaa fi mirga lubbuun jiraachuu ilma namaa sarbuu barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa irratti gaggeeffama jira, mooraan Yuunibarsiitii Jimmaa fi Magaalaan Jimmaas humnoota  basaasaa, waranaa fi Poolisii federaalaan eegamaa jira. Magaalaan Jimmaa immoo addaatti Poolisii Federaalaan sakkattama jirti, Poolisootni Federaalaa wayyaanee EPRDF/TPLF taaskii konkolaataa illee dhaabanii sakkatta’uu fi uummata dararuu itti fufan.

Goototni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa barnoota dhaabuun akeekaa faashistummaa fi Oromoo diina godhate kana dura dhaabbachuuf murtii dabarsan.

Walitti Bu’iinsa Uummataa fi Poolisoota Wayyaanee Jidduutti Uumameen Godina Wallagga Magaalaan Qassoo Goolamaa Jiraachuu Qeerroon Gabaase.

Aside

Caamsaa 5,2015 Qassoo

DSC00039Barruuleen warraaqsaa maxxanfame ykn faca’eera sababaa jedhuun, Wallagga aanaa Waamaa Hagaloo  magaalaa Qassoo Keessatti  warraaqsa Bilisummaa ka’een uummataa fi Poolisoota Wayyaanee jidduu walitti bu’iinsi uumameen Poolisoonni mootummaa Wayyaanee afur uummataan reebamuun kaan ammo magaalicha gadhiisanii bahanii kan turan duubaan humna Poolisa Federaalaa gurmeeffachuun gara magaalaatti deebi’anii uummata gooluu fi hidhuutti babba’anii akka jiran Qeerroon gabaase.

Haala kanaan poolisiin maqaa isaa Gulummaa jedhamu kanneen reebaman keessaa madaan cimaa kan irra gahe yeroo ta’u kanneen hafan kaan dabalatee konkolaataa mootummaan mana yaalaatti ergamuu beekame.

Poolisoonni Federaalaas dargaggoota magaalaa ari’anii qabuun badii tokko malee hidhanii reebaa kanneen jiran keessaa hamma ammaatti kan maqaan beekame.

  1. Dargaggoo Asaffaa Dabalaa
  2. Dargaggoo Asfaw Mootii
  3. Dargaggoo Nagaasaa Beekumaa
  4. Jiraataa Qannoo Fiqaaduu

Ta’uu Qeerroon magaalaa Qassoo gabaasee jira.

Oromoo Hidhuu fi Ajjeessuu Araada Kan Godhate Mootummaan Abbaa Irree Wayyaanee, Sabboonticha Oromoo Barataa Urgeessaa Daammanaa Guyyaa Har’aa Ukkaamsee

Aside

Gabaasa Qeerroo Finfinnee,Caamsaa 4,2015

096_001Caamsaa 04,2015 Mootummaan Abbaa Irree EPRDF/TPLF yakka tokko malee ilmaan Oromoo sabboontota ta’an ukkamsaa jira haala kanaan guyyaa har’aa sabboonaan Qeerroo  Oromoo kan ta’ee barataa  Urgeessaa Dammanaa Kumsaa humnoota tikaa mootummaa  EPRDF/TPLF magaalaa Finfinnee keessatti ukkanfame.

Barataa Yuunivarsiitii Rift Valley kan ture,  Sabboonaan Qeerroon Oromoo Urgeessaa Daammanaa yakka tokko illee utuu hin qabaatiin  daa’imummaa isaa irraa eegaluun Oromummaan yakkamee manneen hidhaa biyyattii garaagaraa keessatti hidhamuun dararamaa kan ture,fi bara 2011 Mana hidhaa Maa’ikalaawwii, fi Qaalliittii Waggaa tokkoo oliif badii tokko malee hidhamee dararamaa kan turee fi yeroo garaagaratti mana hidhaa lixaa Shaggar magaalaa Amboottis hidhama kan ture yoo ta’uu, Guyyaa har’aa kanas badii tokkoo malee  FDG Qeerroo  Bilisummaa Oromoo gaggeessa jiru qinddeessiteetta jechuun yeroo dheeraa erga hordofamaa ture, ammas humnoota tikaa mootummaa Wayyaanee EPRDF/TPLF’n guyyaa hardhaa ukkanfamee  eessa buuteen isaa hin beekamne.

Sabboonaan  Qeerroon barataan Oromoo kun FDG Qeerroon Bilisummaa Oromoo biyyattii keessatti qindeessee gaggeessa jiru keessa harka qabda  sabaabaa jedhuun  nannoo dhaloota isaa Godina Lixaa Shaggar Magaalaa Amboo kolleejjii  Rifti Valley Amboo utuu barachaa jiruu yeroo sochii Warraaqsaa FDG bara darbee  Ebla 2014 Qeerroon barattootni fi uummatni Oromoo sirna bittaa Wayyaanee balaaleffachuun mormii guddaa gaggeessa turanitti FDG kana qindeessuu keessa harka qabda jechuun naannoo dhaloota isaa magaalaa Amboo irraa baqachiifame ,barnoota isaas akkatti baratuu dhabuun haala baay’ee rakkisaa ta’ee keessatti  gara magaalaa Dirree Dawaatti  barnoota isaa itti fufuuf akkuma Koolleejjii Rift Valley Damee Dirree Dawaatti galmaa’ee barnoota eegaletti  hordoffiin humnoota tikaa fi dabballoota Wayyaanee itti jabaachuun  akka barnoota isaa itti fufee barachuu hin dandeenye  dhorkatame akkatti baratuu dhabuun  gara magaalaa Finfinneetti deebi’uun hojiilee wardiyummaa fi hojiiwwaan humnaa garaagaraa hojjechuun utuu of jiraachisuu  guyyaa hardhaa humnoota tikaa mootummaa EPRDF/TPLF’n ukkanfamee eessa buuteen isaa dhabamee jira. 097_001

Ilmaan Oromoo biyya abbaa isaanii keessa jiraachuu dadhabuun Mootummaan Wayyaanee diina itti ta’uun mirga namummaa fi dimookiraasii mulqamnee guyyaa irraa gara guyyaatti ilmaan Oromoo ukkaanfamaa jiraaniif dhaabbileen mirga namummaa addunyaa fi mootummootni gamtooman uummata Oromoof dirmachuu qabu, ilmaan Oromoo biyyoota garaagaraa keessa jirtan dhaabilee Idil-Addunyaa mirgoota namummaa kabachiisan  hundatti akka uummata keenyaaf iyyaannu Qeerroon bilisuumma Oromoo dhaamsa dabarsa.

 

Raadiyoo Sagalee Oromoo Qophii Caamsaa 4,2015

Aside