Sagalee Simbirtuu Qophii Caamsaa 07,2015

Aside

Ethiopia: The Endless Violence against Oromo Nationals Continues.

Aside

Ethiopia: The Endless Violence against Oromo Nationals Continues
Fear of Torture
HRLHA Urgent Action

______________________________________________
For Immediate Release

HRLHAMay 7, 2015
Harassments and intimidations through arbitrary arrests, kidnappings and disappearances have continued unabated in Ambo and the surrounding areas against Oromo youths and intellectuals since the crackdowns of last year April, 2014, when more than 79 Oromos, mostly youths, were killed by members of the federal security force.
According to HRLHA correspondents in Ambo, the major target of this most recent governmentsponsored violence were Ambo University and high schools Oromo students in Ambo town. In this incident which started on April 20, 2015 more than 50 university and high school students were arrested; more than 20 were severely beaten by the security force and taken to Ambo General Hospital for treatment.
Although it has been difficult to identify everyone by their names, HRLHA correspondents have confirmed that the following were among the arrestees:
No Name Sex Occupation
1 Magarsa Mashsha Ayyana M Student /Ambo University, health
professional
2 Urgessa Danana M Student, Rift Valley College
3 Birehanu Diriba M Teacher, Rift Valley College
4 Getachew Gadaa Dereje M Student, Jimma University
5 Tarku Debisa M
6 Abdata

More:-May 07, 2015 HRLHA UA

“Sodaachisoo moo Hubachiisoodha”

Aside

Walbeekaa Lammii Irraa

QEERROO Magaalaa Jimmaa irraa

Filmaata WayyaaneeHundumtuu qophooftanii Filachuufis kaachufis? Kaardii keessan qopheeffattanii? Ani qophaa’era kaardii koos qopheeffadheen jira kaardii filanoo osoo hin taane kaardii Hospitaalaa. Mootummaa Abbaa irree kan kuffisu dhiibbaa ummataa osoo hin taane dhiibbaa dhiigati. Anis kanaafin kaardii filannoo dhiisee kaardii Hospitaa qopheeffadhe.Mootummaan Abbaa irree qabeenya biyyattii akka barbaade waan saamee nyaatee dhuguuf Kolestiroolii coomatu ujummaa dhiigaa jalaa dhiphesuun dhiibbaa dhiigaf isaan saaxila. Kanaafuu mootummaan abbaa irree hidhannoo
ykn dhiibbaa dhiigatiin fonqolfama. Filannoon fakkeessii wayyaaneen waggaa shan shaniin geggeessitu kun jijjirama fida jedhanii amanuu fi hawwuun nama osoo hin facaafatin haammachuuf qophaa’u waliin wal nama fakkeessa. Haata’umalee garuu filannoon kun jijjiiramaaf karaa saaquu danda’a. “Akka idil- Addunyaatti Filannoon tokko filannoo dha jedhamuuf duudhaalee shanan armaan gadii kana guutuu qaba.

  1. Filannoo hunda hirmaachisu( Universal suffrage) kana jechuun lammiin biyya tokkoo osoo qabeenyan ykn ulaagaa madaallii kamiinuu garaagarummaan hin jiraatin filannoo irratti hirmaachuu jechuudha.
  2. Filannoo Bilisaa( Free suffrage) duudhaan kun immoo giddugalummaa tokko malee fedhii dhuunfaa ofiitin bakka bu’aa ofii filachuu ibsa.
  3. Filannoo Iftoominaa( Fair suffrage) kun immoo adeemsa filannoo walaba ta’e kan mul’isuudha.
  4. Filannoo yeroo isaa eeggate( Periodic Election) Filannoon biyya tokkoo yeroo murtaawaa ta’e kan heerri fi seerri biyya sanaa murteessee lafa kaa’e irratti hundaa’un yeroo yeroo isaa eeggatee marsaa marsaan geggeeffamuu qaba.
  5. Filannoo Icciitin isaa eegame( Secretballot) eenyullee yeroo bakka bu’aa isaa filachuuf sagalee isaa kennu ijji nama kamiyyuu arguu hin qabu ; dhoksaan sagalee isaa kennuu haammata.

Duudhaalee armaan olotti caqafaman kanniin keessaa filannoon mootummaan wayyaanee gaggeessaa jirtu tokkollee hin guutu marsaa isaa eeggatee waggaa shan sjaniin geggeeffamuu irraa kan hafe. kana ergan hanga kana jedhee garan mata duree jalqabeettin seems: Filannoon yeroo shanaffaaf biyya keenya keessatti geggeeffamaa jiru kun Wayyaanetti balaa dhalchuun isaa waan hafuu miti.

Guutummaan  Barruu Kanaa:- Sodaachisoodha moo Hubachiisoodha

Loltooti Wayyaanee Uummata Magaalaalee Gooluu fi Nagaa Dhorkachuu Itti Fufuun Sakkatta’aa fi Doorsisaan Uummata Dararaa Jiraachuu Qeerroon Gabaase.

Aside

Gabaasa  Qeerroo Finfiinnee Caamsaa 8,2015
IMG_20150507_150925-1Wayyaaneen TPLF  bakka uummanni itti heddummatu bu’aa fi sodaa filannoo isaaf jecha uummata nagaa keessa poolisii tamsaasee nagaa booressuun magaala Finfinnee fi magaalota Oromiyaa adda addaa keessatti yeroo ammaa kan jabaatee jiruudha. Gabaasota kutaalee magaalaa Finfinnee garagaraa irraa har’a Caamsaa 7,2015  Qeerroon gabasu namni gurmuudhaan yoo dhaabbate, bakka taa’umsaa fi walitti qabama uummata gidduu poolisoota seensisuun uummata bittimsuu kan eegale mootummaan Wayyaanee keessattuu kutaa magaalaa Kiiloo 6, Waddeessa(Piassa),Gullallee, Askoo, Makkanniisaa kutaaleen kunneen naannoo uummanni Oromoo itti heddummatus tahus sodaan mootummaa Wayyaanee yeroo ammaa uummata Oromoo fi keessattuu Qeerroo Oromoo irraa waan taheef humni waraanaa gurmuu gurmuudhaan, poolisoonni nama nagaa daandii irra deemu doorsisuu fi nagaa dhorkuudhaan hojii fardeessoo godhatanii ka’anii jiru.

Kanuma waliin Shaggar Kaabaa naannoo Sulultaa irratti duulli sakatta’iinsaa ganda ganda keessatti adeemsifamaa jira. uummanni qonnaan bulaa aanaa Sulultaa keessa jiraatu mootummaa waliin diina ta’ee jira,mootummaadhaaf hin ajajamu, halkan halkan barruun ABO maxxanfamee bulaa, daandiin halkan keessaa sa’aa 7:00-9:00 gidduutti mukeenii fi dhagaadhaan konkolaataan akka hin dabarreef cufama qaama kana hojjetu yeroo sakattaanee hordofnees bira gahuu hin dandeenye kan jedhamuun mootummaan caasaa aanaa Sulultaa irraa qabuun mirkaneeffataa dhufeen naannoo Caancoo fi magaala isaa keessa humni waraanaa kan buufatee fi magaalaan Sulultaas poolisii wayyaaneen kan sakatta’amaa oolte tahuu Qeerroon gabaase. IMG_20150507_150946-1

Odeessa Qeerroo magaalota Oromiyaa gurguddoo garagaraa irraa gabaasu sochii uummanni oromoo taasisuun, sochii barattootaa fi Qeerroon Bilisummaa gaaffii karaa nagaan itti fufee jiruun wal qabsiisuudhaan mootummaan wayyaanee poolisootaa fi humna ittisa biyyaa uummata keessa facaasee nagaa booressuu fi mana namaa fi galma garagaraa sakattaasisuu gabaasni Qeerroo nu gahe addeessa.

Gaaffiin Mirgaa Qeerroo Bilisumaa Jabaachuun Wallagga,Magaalaa Qassoo Keessatti Poolisootaa fi Uummata Jidduu Walitti Bu’iinsi Guddaan Uumame.

Aside

Gabaasa Qeerroo Ona Yaamaa Hagaloo Caamsaa 7,2015

OromiaALutaContinua2011FDGWallagga ona Waamaa hagaloo magaalaa Qassoo keessa tti wallee warraaksaa dhageessiftan sababaa jedhuun loltooti Wayyaanee manneen nagadaa fi dhugaatii jeequmsa taasisaniin jiraattota magaalichaa irratti walitti bu’iinsa yeroo uuman,poolisoonni magaalichaa nama maqaan isaa sabboona Gammadaa Bultii jedhamu haala suukkanneessaan reebuun guddoo dhaanuun gaggabsan,  haala kanaan daraggooti magaalaa Poolisoota Wayyaaneetti dhagaa guuruu fi hamma harkaan walitti seenuutti walitti bu’iinsi uumameen jeequmsi guddaa ta’ee jira.

Yeroo ammaa kanatti poolisoonni Feederaalaa haala hattattamaan naannicha dhaqabuun dargaggoota Oromoo jumulaan hidhuu fi dararuu irraatti akka argaman Qeerroon gabaase.

Sa’aa ammaa kanatti Oromoonni magaalicha irraa qabamanii hidhaatti geefamanii jiran keessaa:-

  1. Shallamuu Fiqaaduu
  2. Misgaanuu Beekumaa
  3. Asaffaa Dabalaa
  4. Geetuu Darajjee
  5. Gammadaa Addunyaa
  6. Qajeelaa Wayyeessa
  7. Galataa Tamasgeen
  8. Misgaanuu Taammiruu
  9. Asfaaw Mootii
  10. Nagaasaa Beekumaa yoo ta’an

Barataan Qannoo Fiqaaduu fi dargaggoonni hedduun jalaa miliqanii akka jiran Qeerroon gabaasa.

Kana malees yeroo ammaa kana magaalaan Qassoo ibsaa fi networkii tajaajila bilbilaa malee akka jirtu beekamee jira.

“Robalee” Wallee Aadaa/ Artist Hirphaa Gaanfuree

Aside

Godina Lixa Shaggar Aanaa Jalduu Keessatti Warraaqsi Bilisummaa Itti Fufuu Qeerroon Gabaase.

Aside

diddaa9Caamsaa 7/2015 Godina Lixa Shaggar Aanaa Jalduu Keessatti goototni Qeerroon  barattootni Oromoo mootummaa abbaa irree Wayyaanee fallaa dimookiraasii dhaabbatee sobee maqaa filannoo dimookiraatawaan dhaadatu irratti FDG jabeessan.

Goototni Qeerroon barattootni Oromoo mana barumsaa sadarkaa 2ffaa Cobii kutaa 9ffaa fi 10ffaa fi sadarkaa 2ffaa fi Qophi’inaa Jalduu guyyaa kaleessa xalayaa Iyyannoo mirgi hiriira nagaa gochuu nuuf haa  eeyyamamuu jechuun xalaayaa iyyannoo isaanii bulchiinsa Magaalaa Jalduu karaa nagaa fi dimookiraasii ta’een gaafatan.   Ergamtootni Mootummaa Wayyaanee bulchiinsii Magaalaa Jalduu fi wajjirrii barnoota aanaa Jalduu gaaffii keessaniif deebii isiniif hin kenninu mana barumsaa isin irratti cufna jechuun humna poolisii federaalaa, fi poolisii naannoo qabachuun barattoota Oromoo dura dhaabbatan.

Mootummaan abbaa irree wayyaanee yeroo kanatti uummataan nu filadhaa jechuun yeroo uummata dirqamaan mallatteesisaa jiru kanatti qeerroon bilisummaa Oromoo dimookiraasiin hin jiruu uummaata dirqamaan mallatteesisuun abbaa irrummaa wayyaanee ifatti kan saaxiludha jechuun FDG wayyaanee irratti  jaabachuun  akka itti fufu dhaamuun, wayyaanee abbaa irree qawweetti amanuu malee dimookiraasitti amanuu hin beekne irratti FDG sochoosa jiru. Uummata qofaa utuu hin ta’iin dabballootni kitilayyoonni wayyaanee EPRDF/TPLF/OPDO’n barattoota Oromootiin akka nu filattaniif nuuf mallatteessa jechuun qaanii tokko malee barattoota Oromoo manneen barnoota sadarkaa 2ffaa, sadarkaaffaa 2ffaa fi Qophaa’inaa Jalduu gaafachuun kan gootota barattoota Oromoo dheekamsiiseen FDG akka wayyaanee irratti qabsiisuu fi akeeka faashistummaa kana dura dhaabbataniif kan isaan dirqe ta’uu qeerroon bilisummaa Oromoo Aanaa Jalduu Magaalaa Shukutee irraa gabaasaa jira. Guyyaa har’aa kana Sochiin Anaa Jalduu Manneen Barnootaa Sadarkaa 2ffaa fi Qophaa’inaa Jalduu, M/B sadarkaa 2ffaa kutaa 9ffaa fi 10ffaa Cobii , fi manneen barnoota sadarkaa 1ffaa Jalduu keessatti  sirni baruu fi barsiisuu ugurameera.  Mootummaan wayyaanee mootummaa uummata Oromoo ajjeesaa, hidhaa, qe’eef qabeenyaa irra buqqisaa jiruudha malee mootummaa dimookiraasiitti amanu miti waan ta’eef gaaffii barattoota Oromoo karaa nagaa dhiyaachaa jiruuf  deebii mana barumsaa isin irratti cufna, qormaata biyyooleessa qoramuu hin dandeessan jechuun deebii kennuun walqabatee Aanaan Jalduu fi magaalaan Shukutee raafama guddaa keessa seente jirti. Humni waraanaa fi poolisiin Federaalaas humna ol gara Jalduutti guurama jira. Gabaasaan kun itti fufa…

“Ilmaan Keessan Akka Mootummaa Irratti Akka Hin Fincilleef Mallatteessa” Jechuun Mootummaan Wayyaanee Uummata Oromoo Dirqaa Jira.

Aside

Gabaasa Qeerroo Caamsaa 7,2015 

db4234bfHiikkaan siyaasaa “ Filaannoo “ jedhu dabee  Mootummaa Wayyaneef umurii bittaa isaa kan ittiin dheereffatu mala jireenyaa ta’ee jira, Ammoo Uummata Oromoo garuu yaaddoo bara gabrummaa biraan itti dheeratu ta’uu irraa mankaaraara guddaatu kanaan qabee isa eeggata.

Haalli kun daran yaaddessaa ta’uu irraan uummanni Oromoo FDG waan ajbeessaa jiruuf gartuun dabballoota OPDO/TPLF  takka takka gandoota Oromiyaa keessaa  irraatti uummata  walitti qabuun Ijjoollee keessaan dhowwaadhaa ! humna mootummaa ol ta’anii waan jiraniif abbootiin ijoollee akka dargaggoonni keessan mootummaa irratti hin kaaneef mallatteessaa  jechuun ummaata irraan darara ammana hin jedhamne gaha Jiru.akka fkn Kibba Lixa Shaggar Gandoota aanaa Iluu fi Dawoo keessatti haalli kun daraan mullachaa dhufera.

Gandoota aanaa Iluu kan akka Bilii,kulee Gafarsaa, magaala Tajii, Asgorii fi kan biroo keessatti uummata sodaa irraan kan ka’ee itti duula jiran akkasuma Gandoota aanaa Daawoo kan akka Qarsaa Gaallutee, Qancaraa Aliitoo, Garbii kallachoo, Ulmaa Buusaa, Daawoo Dirree, magaala Buusaa fi kan bira keessatti Uummata goolaa fi Doorsisaa jiran.

Daraggoonni Oromoo ykn Qeerroon haala kana hubate filmaata sobaa Wayyaanee irratti hirmaachuu dhiisuuf qophiitti akka jiran dhaammatu.

Jala Bultiin Yaadatnoon Barattoota Oromoo Ebla 2014 Keessa Wareegamanii Qeerroo Magaalaa Naqamtee fi Yuniversitti Wallaggaan Kabajamuu Eegale.

Aside

Raadiyoo Sagalee Oromoo Qophii Caamsaa 6,2015

Aside