Aangawoonni Tika Mootummaa Wayyaanee(TPLF) Magaalaa Naqamtee Keessatti Walgahuun Akkaataa Uummata Oromoo Shiraan Miidhan Irratti Marihachuun Isaanii Saaxilame.

Aside

Caamsaa 11,2015 Gabaasa Qeerroo Naqamte

IMG_20150509_060148Wayyaaneen filmaata sobaa dhufutti uummati Oromoo narratti ka’a sodaa jedhuun kan baarage guyyaa har’aa Caamsaa 11,2015 sa’aatii saddeetii hanga kudhaniitti barattoonni Yuunivarsiitii Wallaggaa FDG narratti qindeessu sodaa jedhuun deeppoo magaalaa Naqamteetti argamu keessatti wal ga’ii caasaa basaastotaa geggeesse.

Qaamni Qeerroo caasaa mootummaa keessaa fi kan magaalaa Naqamtee icciitii fi ijoo marii tikoota Wayyaanee kana akka saaxiletti, namooti lama man maqaan isaanii Yohaannis Abebee fi  Beekkataa fi akkasumas barattoota keessaa basaasaa beekamaan Yuunibarsiitii Wallaggaa nama Tsaggaa Ashaabbir jedhamu ta’anii namooti shan waltajjicha kan geggeessan yeroo ta’u, walgahicha irratti kan akeekamee fi irratti mariyatamee kan murtaaye  ukkamsitooti fi humni federaalaa uuffata sivilii uffatee uummata basaasus magaalaa Naqamtee fi Yuuniversitiilee irra akka tamsa’u irratti ta’uu Qeerroon saaxilee jira.

Kanuma waliin kaayyoon ijoon biro naannoo Yuunivarsiitichatti walga’uus barattoota Mootummaa Wayyaanee TPLF irratti FDG kaasan ykn  falmaniin akkaataa itti adamsanii uummati Oromoo utuu hin dhaga’in barattoota ukkamsanii fi kanneen jajjaboon hawaasa magaalaatiin qunnamtii qaban hidhamuu qaban,kana malees yaada barattootaa qoranii ilaaluu fi FDG(Gaaffii Mirgaa) yeroo hunda tasgabbeessuu dadhabameef kallatti maddichaa qoranii ilaaluuf akka mariirra turaniif dhumarratti eegumsa guddaa naannoo dhaabbilee barnootaatti akka taasisan irratti waliigaluu waltajji kana Warren hirmaatan ibsaniiru

Ummanni Aanaa Midaa Qanyii Godina Lixa Shaggar,Gita Bittuu Mootummaa TPLF Jalatti Hin Bullu Jechuun Gamtaan Diddaa Dahgeessisan,Barattooti Oromoo 7 Ol Ta’anis Mana Hidhaatti Darbamuu Qeerroon Gabaase

Aside

Gabaasa Qeerroo Aanaa Midhaa Qanyii

diddaa9Caamsaa 9,2015 Godina Lixa Shaggar Aanaa Midaa Qanyitti uummatni Oromoo gita bittaa mmootummaa Wayyaanee Abbaa irree EPRDF/TPLF/ jalatti hin bulluu jechuun mormii isa jabeesse, Mootummaan Wayyaanee Qeerroo barattoota Oromoo qabee hidhaatti darbuun dararuu itti fufe.
Goototni barattootni Oromoo Aanaa Midaa Qanyii M/B Baallammii sadarkaa 2ffaa fi qopha’ina Oromummaan yakkamanii wajjiraa Poolisii Aanaa Midaa qanyiitti humna poolisaan qabamanii darbamuun dararama jiraachuun walqabatee diddaan uummata qonnaan bultoota haalan jabachuun dabbaalloota wayyaanee EPRDF/TPLF/OPDO gandoota baadiyaa keessa adeemuun nu filadhaa jechuun maqaa filannoo kijibaan uummata afaan faajjeessuuf walga’ii garaagaraa uummata baasuuf karoorfatan, uummatni mormii guddaan jaladhabbachuun f irraa arii’achaa jira.

Uummatni Aanaa Midaa Qanyii ifatti wayyaaneedhaan isin nu hin bulchitan nuti isinitti hin bullu, uummata Oromoos OPDO’n bakka bu’uu hin dandeessuu, nuti bilisummaa fi dimookiraasii dhugaa barbaadna jechuun dabballoota OPDO of irraa arii’ate jira. Ergamtootni Wayyaanee diddaa uummataa nu mudachaa jiru kanaaf sababaan guddaan Qeerroo barattoota Oromooti jechuu barattoota Oromoo dararuu fi hidhatti darbuu itti fufte jiraachuun ibsame.

Haaluma kanaan Qeerroon barattootni Oromoo badii tokko malee yeroo amma kanatti hidhatti darbamuun dararama jiran:
1. Barataa Addunyaa Birhaanuu barataa kutaa 9ffaa
2. Barataa Boruu Badhoo
3. Barataa Fayisaa Badhoo
4. Barataa Guutaa Girshaa
5. Barataa kuubaa Taakkalaa
6. Barataa Taarikuu Gusoo
7. Barataa Haptamuu Haptaamuu Caalchisaakanneen keessatti argaman
yeroo ta’u. Barattooti kuniswajjira poolisii Aanaa Midaa qanyii Baallammiitti hidhamuu madden Qeerroo Baallammii irraa gabaasan. Ummatni Oromoo hidhaa fi ajjeechaa, barnoota irraa arii’atamuu fi Oromummaan yakkamuun dimookiraasii miti, Mootummaan maqaa dimookiraasii jedhuun lafa dimookiraasiin hin jirreetti mirga keenyaa ukkamsaa na filadhaa jechaa jiruu dhaabuun yakka dalagaa jiruuf seeratti nuuf dhiyaachuu qaba jechuun kaabinoota ergamtuu wayyaanee uummata goolaa jirtu gaaffiin mataa hadoochaa jirachuun ibsame jira.

Wallee Gooticha Oromoo, Artist Jaafar Yosuuf Dirree Falmaa Irraa, Caamsaa 5,2015

Aside

Must Listen

Sagalee WBO-SBO Jabeeysuuf Qophii Bashannanaa Artiistoota Oromo Waliin (June 6, 2015; Minneapolis)

Aside

 

Waggaa 27 ffaa SBOFLYER20

Raadiyoo Sagalee Oromoo Qophii Caamsaa 9,2015

Aside

Pace of Peace With Apoptotic And Necrotic Label

Aside

By Dr. Baro Keno Deressa

Dr BaarooWe must reorient our understanding of what colonization is in order to situate ourselves to act on bringing health into our lives and to break the colonial regime’s constant negative pressure on the practical reality of our lives. This paper argues that individual and groups who betrays the truth of Oromo’s and supporting the enemies.

In the long and continuous battle for freedom, despite many reverses, freedom has won battles. Many died in those battles in the conviction that to die in the struggle against oppression was better than to live without freedom. Such a death was the utmost assertion of their individuality.

However, individuals of the oppressed nations knowingly or unknowingly at one stage sided with the enemies of freedom. How can they be so ignorant of history and traitors to their own people? is power of money? is fear of death? is matter of loyalty?  is question of false justification?

During the process of colonization, between 1870 and 1900, the Oromo population was reduced from ten to five millions. Many were killed by the colonial army and settlers, others died of famine and epidemics of various diseases or were sold off as slaves. Those who remained on the land were reduced to the status of gabbar (a peasant from whom labor and produce is exacted and is a crude form of serfdom).

Menelik, the slave trading Abyssinian king of the nineteenth and twentieth century was responsible for the massacre and disappearance of millions of Oromos, Sidamas, Wolayta, Somalis, and others. He was responsible for the physical and psychological torture of the Arsi Oromos at Anole, where his soldiers chopped off every man’s arm, and every woman’s breast. Harar Oromo’s massacre at Calanqo.  In all spheres of life, discrimination, subjugation, repression and exploitation of all forms were applied. Everything possible was done to destroy Oromo identity – culture, language, custom, tradition, name and origin. In short Haile Selassie maintained the general policy of genocide against the Oromo. During those period of time there are many Oromo’s who sided with killers of Oromo’s Haile Selassie because of ignorance, loyalty and fear of subjugation and death.

Tigrean People’s Liberation Front (TPLF) has declared an all-out war on Oromo’s. Millions of Oromo farmers are being evicted from their lands, peaceful protestors were shot dead by Ethiopian government forces, 90% of the prisoners are Oromo’s.    The TPLF government justifies his action by claiming that he is better than the Amhara’s by recognizing the Oromia and Oromo languages. So any Oromo man and women against them will face imprisonment, humiliation, torture and death. According to TPLF policy the universal declaration of human rights “All human beings are born free and equal in dignity and rights” will be wrong and does not work in Ethiopia as long as TPLF in power. Again During this period of time there are many Oromo’s who sided with killers of Oromo’s TPLF oligarchical government because of new villa house in the yard of Oromo farmers and money with high GDP, fear of humiliation and death.

All Oromo’s sided with enemies have one thing in common. Money and fear of death. Surprisingly their death is already programmed from the first day of their contact with their master, killers of the Oromo people through labeling system. In medical terminology the meaning of apoptosis is programmed cell death and necrosis is the accidental of premature death of cells. During Menelik, Haile Selassie, Derg and TPLF era, Oromo’s who continuously loyally serve their masters are programmed in the form of peaceful individuals as an apoptotic label (they have never contributed any minor enhancement of freedom or peace for their oppressed people, because they are already enlisted in their master database as trustful and finishing their life time by serving the enemy destructive policy). Those Oromo’s who are serving the enemies for time being in order to gain money and power are programmed in the form of peace lovers as a necrotic label (those kinds of individuals are insufficient and inconsistent for a bitter struggle to eradicate our enemies and create peaceful life for their oppressed people and they are enlisted in their master database as suspicious individual and their fate will be sudden death in the hands of their master). So both servants of the enemies are pacing the sound of peace without any fruitful actions for real peace. So why the enemies are looking for pace maker instead of searching real peace for his own Tigrean people, Oromo’s and other nations….

Racist images and assimilative identities created by the colonial regime are manifestations of the power of empire to implant harmful delusions and to confuse our minds with laboratory fantasies. As weapons of disempowerment, control and dispossession, they are superbly effective. Yet their full purpose and effect remains the spiritual defeat of Oromo people and the dissolution of nation building aspiration. The psychological landscape of contemporary colonialism is defined by extremes of self-hatred, fear and co-optation of the mind; the effect has been the creation of a reality and culture in which people are unable to recognize, much less realize, their value as human beings.

In order to get to the root of the colonial problem in Oromia, it is necessary to understand that oppression experienced over such a long period of time effects people’s minds and souls in seriously negative ways. Meaningful discussions on the subject of alleviating the harms that colonization has wrought requires seeing beyond colonialism as historical process of societal changes or a set of legal and military events. It means recognizing that colonial injustices and oppression have had effects on both individuals and collectivities, and that addressing these effects necessitates perspectives and strategies to build our nations.

First as collectivities and as individuals. Destruction, dependency or assimilation. None of these are morally justifiable, and none of them in fact work very well in practice even from the perspective of the colonial regime. Health and healing, in the true sense of these terms, can only be achieved by breaking out of the toxic environments of the enemies propaganda and reserve; physical, spiritual, psychological health of Oromo people, and socio-cultural integrity. When clear, calm minds and strong bodies are connected, we have whole persons again; working together we become strong and dignified nations.

If we are not for our people , who will be for us? (Dignified death is more valuable than comfortable life under enemy armpit).  

SBO Caamsaa 10 Bara 2015. Oduu, Gabaasa Oduu, Tumsa SBOf Qophii Bashannana Addaa Miniyapolis, Minisootaatti qopha’aa jiru ilaalchisuun gaaffii fi deebii Jaal.Saamiyaa Usumaan wajjin taasifame akkasumas qophiilee biroo…

Aside

” Oromoo Falmadhu” Artist Caalaa Bultum Goota Oromoo Seenaa Galmeessaa Jiru.

Aside

Godina Baaleee fi Bakkoota Adda Addaa Keessatti Dhimma Filannootiif Ijoolleen Keessan Jeequmsa Akka Hin Kaasne Sababa Jedhuun Maatii Barattootaa Dirqiin Mallessisaa Jiru

Aside

Odeessa Qeerroo Caamsaa 8,2015

ah

Godina Baalee manneen barnootaa sadarkaa 1ffaadhaa hanga qophaayinaatti barattootaa maatii isaanii waamsisuudhaan guyyaa filannootti fincilli tokko akka hin uumamneef mallatteessa jechuun mootummaan Wayyaanee maatii barattootaa dararaa jira. Filannoon as dhiyaatee jira, barattootni sochii isaan agarsiisaa jiran filannoodhaaf shakkii guddaa keessa mootummaa buusera, kanaaf batataan kamiyyuu farra filannoo

tahee kan mul’atu yoo tahe mootummaan guyyaadhaan tarkaanfii irratti fudhata,isa kanaaf maatiin ijoollee keessan gorfachuu, adabachuu, mootummaan dhaamsa dabarsa kan jedhan caasaan mootummaa dhimma kanaaf godina kanatti ergame maatii barattootaa waamsisuun dubbiin dalga itti galte, qonnan bulaa, maatiin barattootaas nutis tahe barataan keenya, ijoollen keenya gaaffii isaanii kan mirga guutuu eegsifatuu dubbachuun mirga qabu, filannoo diimokiraasi jettu uummanni biyyattii maqaa diimokiraasii jedhu malee gochaan argee hin beeku kan hojjetamu faalla isaatii, ijoolleen keenya kaayyoo mul’ata qabun durfamanii jiru, yoomiyyuu barattoota keenya waliin jirra kan jedhan maatiin barattootaas deebii kennan.

Aanaalee kanneen akka Ginnir,Gooroo,Raayituu,Agarfaa fu Barbaree qonnaan bulaan ija jabinan tika mootummaa dura dhaabbatuun sobaan aangoon nurratti hin dagaagin, doorsisi nurraa haa dhaabbatu, nuti filannoo hin beeknu maqaa filannootiin kanaan booda nu doorsisuu mootummaa hin barbaannu kan jedhan qonnaan bulaan 15 ol tikaan qabamuu Qeerroon gabaase, Qeerroon godina Baalee keessa jiraatu filannoo Wayyaanee barana gaggeeffamu gufuu bilisummaa oromoo tahuu hubannee uummata keenya waliin dhaabbanne fesheleessuu akka qabanis dhaamsa dhaammachuu fi wal kakaasuu gabaasni Qeerroo nu gahe addeessa.

Ethiopia: Kidnapped And Disappearance of Oromo Civilians

Aside

OSGA AsxaaOromia Support Group Australia Inc. (OSGA) expresses its deep concern regarding the kidnapping and disappearance of two Oromo civilians by the Ethiopian security forces. Mr Magarsa Mashasha Ayansa was kidnapped and diapered on April 23rd, 7pm local time while Urgessa Damana was on May 4th, 2015. Mr Magarsa, community health worker, a student of Ambo University is the local area resident. He was kidnapped by Ethiopian security forces from the country’s central city Fifinna (Addis Ababa) – Bole area – while he was on a trip for his personal business. In a similar situation, Mr Urgessa Damana a former Rift Valley University Student and resident of Ambo town also captured on 4th of May 2015 by Ethiopian security forces. Since then the whereabouts of theses Oromo civilians remained unknown.

OSGA believes that the Ethiopian government conduct violated the fundamental rights. The right to freedom from torture and the UN Body of Principles for the Protection of All Persons under Any Form of Detention and Imprisonment including the UN Standard Minimum Treatment of Prisoners is entirely denied. We are concerned that this pattern will continue to worsen. Read More:-  OSGA Appeal for Urgent Action on the Disapperances of Mr Magarsa and Urgessa – May 8th 2015 – Photo Include