Qellem Aanaalee Garagaraa Keessatti FDG Kae, Uummanni Godinaalee Jimmaa, Iluu Abbaa Booraa, Wallagga Lixaa Keessaa FDGn Bilisummaa Gonfanna Jechuudhaan Kae. Gabaasa Qeerroo Amma Nu Gahe! Qellem,aanaalee garagaraa keessatti kanuma filannoo dhugaa hin taaneef reebicha namoota irra gaheef uummanni mootummaa wayyaanee balaaleffachuudhaan fincila kaasee jira. aanaalee kanneen akka Anfilloo, Sayyoo gandoota fi buufataalee filannoo garagaraatti fincilli kaeen namootni baayeen reebamuu fi hiehdmauun kaleessa irraa kaasee hanga haaatti itti fufe, uummanni gadi bahee mootummaan Wayanee silumayyuu hattuudha, uummanni osoo hin filatiin of filate aangoo irra hin jiraattu jechuudhaan nun bulchitu jechuun uummanni diddaa qabsiisee jira. Barattootni man barumsaa barachuu lagachuudhaan mootummaa wayyaanee baleellaffachuu mulisuudhaan diddaa kaasaa jiru magaalota Dambi Doolloo keesssa sababa sodaa kanaaf wayyaaneen humna waraana isaa qubachiise, aanaa Qeebbee, Canqaa fi Qaaqee keessattis hara Fincilli kaee jira. Mootummaan wayyaanee aangoo isaa irraaa buqqisuuf kadhaa hin deemnu, kaanee mirga keenya haa falmannu, FDG kaanee itti fufna jechuudhaan qonnaan bulaan, barataan wal kaasee jira, Barumsi kennamuun dhaabbateera, kan kennamus uummataan cufamaa jira,godina wallagga lixaa, Qellem, Jimmaa,Iluu Abba Booraa keessatti kn baratu barumsa dhaabee, kan hojjetu hojii isaa dhaabee, kan daldalus daldala dhaabee FDG wal hin cinnee itti fufuudhaan uummanni kutatee kaee jira, Maqaa filannootiin yeroo ammaa kana namootni hedduun hidhamaa jiru, reebamaas jiru kanas doaadhaaf boodatti osoo hin jedhin kan hidhame hidhaadhaa bahuun fincilaan kan milkaau tahuu wal hubachiisuudhaan hara ganama irraa kaasee Qellem aanaalee garagaraa keessatti FDG kaee jira.
Daily Archives: May 25, 2015
Barattooti Oromoo Yuuniversitii Bulee Horaa,Filatnoo Kijibaa Mormuun Kaabinoota Wayyaanee Arihuun Korojoo Filatnoo Bittimsan.
Aside
Caamsaa 25,2015 Gabaasa Qeerroo
FDG Yuuniversitiilee keessatti jabaatee itti fufeera.Caamsaa 24,2015 akkuma gabaafame Bulee Horaa irratti sabboontoni Oromoo tarkaanfii hanga qaama mootummaa irratti fudhatuun fincila kaasan haala uummata boonsuun diddaan eegale waraana mootummaa bakka sochoosee korojoo sobaa wayyaanee ibiddaan gubuu fi ciruudhaan ergamtoota wayyaanee mooricha keessaa ariyanii baasan, mufii
guddaadhaan Wayyaaneen humni waraana isaa barattoota irratti dhukaasa akka banuu taasise,halkan edaa mooraan yuuniversitii Bulee Horaa dirre qabsoo taatee bulte, uummata keessaa FDG irratti kan hirmaatan barattoota waliin kan dhaabbatan uummata jiraattota naanno Yuuniversiti irrattis akkasuma dhukaasni baname rasaasni akka bokkaa uummataa fi barataa irrattis roobus keenya dhumiinsi baranuma
bilisummaanis baranuma jechaa dhaadannoo fi kutannoodhaan barattotni Yuuniversitii Bulee Horaa waraana mootummaa dura dhaabbatanii jiru.
Madda Walaabuu yuuniversitii keessattis barattootni kaleessa fincila kaasaniin filannoon isaanii lakkoofsa sagalee malee hafe, korojoon
isaaniis halkan edaa bakkka eegamu jeequmsa barattootni kaasaniin gatii dhabsiisan. Har’a namootni baayeen bakka garagara irraa
qabamanii fe’amaa jiru gara Finfinneetti, shawaa kabaa onoolta garagaraa keessatti halkan edaa mootummaa wayyaanee kana booda aangoo
irratti feenu jechuudhaan uummanni gadi bahee FDG kaasee jira daandiin garagaraas cufamanii jiru, tarkaanfiin hidhattootaa fi milishoota
gandaa irrattis uumataan fuhatamaa jira keessattuu aanaa Kuyyuu, Gabra Gurraachaa fi Sulultaa keessatti hidhattootni uummata waliin
dhaabbatee mirga isaa hin falmanne uummataan tarkaanfiin fudhatamaa jira,kaan hidhatootni uummata waliin dhaabbatanii mootummaa wayyaanee dura dhaabbataa fincila gaaffiin uummata oromoo haa kabajamu, ilannoo kijibaan hin gowomfamnu, bilisummaa barbaanna, gabummaan nugahu, saamamamuun haa dhaabbatu, nu gaheera nugaheera.. jechuudhaan uummata mirga isaa falmachuudhaaf rafee hin bulle, hanga ammaa FDG godina kana keessattis itti fufeetu jira.
Godina Bahaa Wallaggaa AANAA HAROO LIMMUUtti Uummatni Oromoo fi Qeerroon Bilisummaa Oromoo wal ta’uun Filannoo kijibaa Wayyaanee Irratti FDG dhoosuun waraana Wayyaanee Dura Dhaabbatan.Ilaamn Oromoo Nagaan Afur Rasaasaan Rukutaman
Aside
Caamsaa 25,2015 Godina Bahaa Wallaggaa AANAA HAROO LIMMUUtti Uummatni Oromoo fi Qeerroon Bilisummaa Oromoo wal ta’uun Filannoo kijibaa fi waliin dhahaa itti fakkeessii Wayyaanee irratti FDG dhoosuun waraana Wayyaanee Dura Dhaabbatan., ilaamn Oromoo nagaan afur rasaasaan wayyaaneetiin madeeffaman.
Godina Baha Wallaggaa AANAA HAROO LIMMUUtti FDG Qeerroon bilisummaa Oromoo uummata Oromoo waliin ta’uun filannoo kijibaa wayyaanee irratti finciluun Wayyaaneen abbaa Dimookiraasii sobaa,abbaa filannoo filannoo sobaa kan halkan dabballeen motuummaa Wayyaanee korojootti ofiin of filaa bulee hin barbaadnu, filannoo waliindhaa dura bilisummaan uummata Oromoo mirkanaa’ee walabummaan biyya keenyaa mirkanaa’ee mootummaa mataa keenyaa hundeeffachuu qabna jechuun uummatni fi dargaggootni Oromoo jechuun sochii warraaqsaa FDG jabeessuun mootummaa wayyaanee haalan Yaaddessuu maddeen Qeerroo bilisummaa Godina Wallaggaa Bahaa magaalaa Neqemtee irraa gabaasan.
Mootummaan abbaa irree wayyaanee sochii uummataa kanatti weeraruun waraanaa fi poolsoota federaalaa uummatatti gadhiisuun Uummataa nagaan karaa nagaa fi dimookiraasii mirga isaaf falmachaa jiruu irratti dhukaasuun ilmaan Oromoo nagaa shan rasasaan madeessuun ibsame jira. ilmaan Oromoo badii tokko malee HAROO LIMMUU irraa madeeffaman kunis:
Godina Lixa Shaggar AANAA MIDAA QAANYII tti Waraannii Mootummaa Wayyaanee Uummata Nagaan Gaaffii Migaa Gaafachaa Jiru Irratti Dhukaasa Banuun Qotee Bulaan Oromoo Tokko Ajjeefame
Aside
Caamsaa 25/2015 Oromoo tokko ajjeefame. AANAA MIDAA QANYIItti uummatni Filannoo fakkeesii fi gowwomsaa Wayyaanee hin fudhannuu, korojoon wayyaanee dabballootaan itti guutamaa ture, filmaatichi akka walii galaatti umrii abbaa irree kan dheeressuu malee kan gabaabsuu mitii gaaffii mirga abbaa biyyummaa isin gaaffachaa jiruuf deebiin nuuf kennamuu qaba jechuun Qeerroon goototni barattootni Oromoo UUmmata waliin tauun karaa nagaa fi dimookiraasii utuu qabeenyaa fi mirga nama dhuunfaatti hin buiin mirgii keenyaa nuuf haa kabajamuu jechuun sagalee mormii waan dhageessisan qofaaf waranni wayyaanee dhukaasa irratti banuun ilmaan Oromoo nagaa rasaasaan reebee ajjeese jira. Kanneen rasaasaan reebaman keessa : . Obboo Giddiisaa Camadaa ganda Galaan Gumjee, kan ajjeefamee yoo tauu, qotee bulaan Oromoo mirga isaa kabachiifachuuf wareegama qaalii kanfalaa jira. mormiin uummataa haalaan jabaatee itti fufee jira.
Godinaalee Bahaa Wallaggaa fi Godina horroo Guduruu Wallaggaatti Uummatni Oromoo fi Qeerroon Dargaggootni Oromoo FDG Kaachisuun Filannoo Waliin Dhahaa Wayyaanee Dura Dhaabbachuun Falmachaa Jiru.
Aside
Caamsaa 25, Godinaalee Bahaa wallaggaa fi Godina horroo Guduruu Wallaggaatti Uummatni oromoo fi qeerroon dargaggootni Oromoo FDG kaachisuun filannoo Waliin dhahaa wayyaanee dura dhaabbachuun falmachaa jiru.
Godina Bahaa wallaggaa aanaawwaan: Siree, Waamaa Hagaloo , Billoo Boshee, Bonayyaa Boshee, Saasiggaa, Giyyaa Ayyaanaa, Giddaa Kiiramuu, fi Godina Horroo Guduruu Wallaggaa : Jimmaa Gannatii fi Haratoo, Jimmaa Raaree Waayyuu, Habaaboo Guduruu fi Daduu, Guduruu, Fincaaaa, Shaambuu, Hamuuruu, Jaartee Jaardagaa kanneen Jedhaman hunda irratti haala walfakkattuun uummatni filanoo waliin dhahaa Wayyaaneen mirgii keenyaa sarbamaa jira, Dimookiraasiin hin jiru, lafa dimookiraasiin hin jirreetti filannoon dharaa gaggeeffamuun gatii hin qabu jechuun uummatni mormii isaa buufata filannoo wayyaanee biratti argamuun dhageesisa jira. Keessattuu filannoon wayyaanee dabbalootaa fi kaadiroota isaatiin halkaan raawwate, korojoon wayyaanees ganamaan guutamee waan jiruuf uummatni Filannoo wayyaanee ni balaaleffannaa jechuun sagalee akka dhageesisuu eegaletti wayyaaneen loltoota itti bobbaasuun kan bittinneessa olte tauu madden keenya gabaasan. Bakkeewwan eeramaan hunda irraa taajjabduun sagalee kan paartii mormitoota KFO ganaamaan Ariiamuu fi kanneen reebamanii kaan immoo hidhamuun filannoon wayyaanee abbaan irrummaa gaafaa baasuu uummatatti argisiisee jira.
Yeoo amma kana Godinaalee Lamaan irratti guyyaa boruu FDG Qeerroo dargaggootaa Oromoo fi uummata Oromootiin nurraatti jabaachuu mala sababaa jedhuun humni Waraanaa gurguddaan kellaawwaan hundaa fi Gandoota baadiyyaa irraa qubsiifamaa jiraachuu madden keenya bakkoota lamaan irraa iyyuu gabaasan.
