Barattooti Oromoo Godina Wallagga,Giddaa Ayyaanaa Keessatti Hiriirra Mormii Sirna Wayyaanee Taasisan.

Aside

Caamsaa 22,2015 Giddaa Ayyaanaa

diddaa9Hiriirri mormii sirna Wayyaanee EPRDF mata duree biyya abbaa ofii garboomfataa Habashaa jalaa baasuuf jedhu  Giidda Ayyaanaa keessatti barattoota Oromoon gaggeeffame.

Jimaata har’aa Gidda magaalaa Ayyaanaa jedhamu keessatti warraaksa FDG Qeerroo barattoota sabboontota Oromootiin dhalate hiriirri guddaa taasifame, haala kanatti kan rifate mootummaan Wayyaanee akkuma amala isaa dheengadda barattoota Yuunivarsiitii Wallaggaa irratti haleellaa geggeessee barattoota madeessee kan ture waraanni Wayyaanee magaalaa Naqamtee irraa gara Giddaa Ayyaanaatti utuu imaluu fi fooggalaan deema utuu jedhuu malkaa macci malkaa laga angar irratti balaa konkolaataan poolisooti paatrooliin tokko guutummaatti caccabanii hospitaala Naqamteetti guuramuu fi namoonni saddeet gara malee madaawuu gabaasi nu gahe addeessa

ቄሮ :የኦሮሞ : ወጣቶች: ለነፃነት: ንቅናቄ :ድምፅ: የሳምንቱ: ዜና ::/Sagalee Qeerroo Bilisummaa

Aside

Barattooti Oromoo Yuuniversitii Wallaggaa Hamma Wixata Dhufuutti Akka Mooraa Hin Baane Mootummaa Wayyaaneen Dhorkaman.

Aside

Gabaasa Qeerroo Naqamte,Caamsaa 22,2015

IMG_20150509_060148 Filmaata WayyaaneeMootummaan Wayyaanee filmaata sobaa sababeessuun barattooti Yuunibarsiitii Wallaggaa har’aa jalqabee hanga wiixata dhufuutti gadi hin ba’an jedhe filmaataa isaa sobaa kanaanis uummata irra deemee icciitii moo iftoominaan filattu jedhee uummata danqaa jira. Warreen icciitiin jedhes doorsisuu itti fufuudhaan adeemsa filannoo biyya kamiiyyuu kan hin hordofne iftoominaan nafiladhaa jedhchuun doorsisaa jira.
Odeessi bakkeewwan akka Wallagga lixaa Gullisoo,Wallagga bahaa Leeqaa Dullachaa irraa nu gahe akka agarsiisutti mootummaan Wayyaanee ana filachuu yoo baattan jiraachuu hin dandeessan jechuun uummaticha goolaa jira.
Kanaafis humna waraana isaa magaalaa Naqamtee masaraa Kumsaa keessa qubsiisuun uummaticha sodaachisuuf yaalus uummati magaalaa Naqamtee guyyaa kaleessaa hiriira ergamtuunshee OPDO ijoollee daa’immaniifi beerarraa kan hafe namni marti lagachuusaatti rifaatuu guddaa keessa lixxe.
Kana malees dargaggooti Oromoo akka alaabaa OPDO baataniif magaala keessa dura deemanii nu filadhaa jedhaniif dirqamnaan dargaggoonni kaabinoota diduun waroo salphinaa uwwisanii jiraachuu fi namni alaabaa OPDO baatu dhibamee akka jiru odeessi Qeerroo Naqamte irraa addeessa.

Wallagga,Qeellam Keessatti Warraaqsi Bilisummaa Uummata Oromoon Qabate Daran Jabaachuu Irraan Sabboontoti 20 ol Hidhamuu Qeerroon Gabaase.

Aside

Gabaasa Qeerroo Qeellam,Caamsaa 22,2015

Because I am OromoGabaasa Qeerroo Wallagga Qellem Jimmaa Horroo Irraa, Caamsaa 22,2015 Kutaaleen Oromiyaa baadiyaalee fi magaalaaleen akkasuma manneen barnootaa, Yuuniversitii fi koollejjiwwan humna waraana mootummaan Wayyaaneen marfamtee kan jirti. Uummanni Oromoo humna waraana wayyaanee dacha’ee uummata keessa dhangalaase kana sodaa tokko malee mirga isaaf dhaabatee jira, uummata nagaa daandii gubbaatti qabuudhaan reebuu fi hidhuu yakka malee mana hidhaatti guuraa jiraachuu Qeerroon godinaalee oromiyaa bakka adda addaa irraa gabaasaa jira.

Mootummaan Wayyaanee irra deddeebiidhaan WBO waliin jirtu kan jedhuun Qellem Jimma Horroo irratti torban lama dura namoota 50 ol mana hidhaatti guutuun mirgawabiin walakkaan torban tokko booda kan gadhiifaman gabaasni Qeerroo darbe addeessa, haaluma wal fakkaataadhaan halkan edaa ummanni guutumman aanaa Jimmaa Horroo keessa jiraatu ABOdhaan bula, WBO nyaachisa waliin jiraata deggeraa ABOti uummanni aanaa kana jechuun basaasaa Wayyaanee yeroo baayee uummata dabarsee diinaaf kennu irratti uummanni diina of keessa keenyee hin teenyu jechuun tarkaanfii adabbii irratti fudhateen humni waraanaa fi uummata gidduutti diddaa dhalateen dhukaasni uummata irratti baname, kun halkan Caamsaa 19/2015 tahuu Qeerroon aanichaa gabaasee jira.

Humni waraana mootummaa wayyaanee aanaa Jimmaa Horroo buufatee jiru sodaadhaan uummata irratti dhukaasaa kan bulee fi dargaggoota Qeerroo oromoo 20 ol tahan mana hidhaatti ganama sa’a 1:00 irratti guuruun, humni waraana naannicha jiru humna keenyaan ol waan taheef waraanni dabalamee akka dhufus jedhameen magaalaan Jimmaa Horroo dirree waraanaa fakkaattee kan jirtu tahuu Qeerroon gabaasee jira. Humna waraana wayyaaneen ukkaamfamanii mana hidhaatti kan darbaman keessaa muraasa maqaan nu gahe;
1. Tigistuu Tamasgeen,
2. Charinat Tamasgeen,
3. Daani’eel Gurichoo,
4. Tajuu Shariif,
5. Keeruu Shariif,
6. Sanbataa Oljirraa,
7. Gammachuu Bantii,
8. Yaadesaa Danuu,
9. Caalii Ganjoosaa,
10. Amaanu’el Tafarii,
11. Yoohannis Qixxeessaa,
12. Jamaal Wandimmuu,
13. Shamarree Docaa Hundee
14. Shamarree Jiituu Tamasgeen,
15. Shamarree Indii Isiraaj
Namootni olitti maqaan isaanii tarreefame duula FDG kan taasisanii fi ABOdhaan kan durfaman uummatas kan kakaasan jechuudhaan caamsaa 21,2015 ganama keessaa naannoo sa’a 1:00 tti humna waraana Wayyaaneen ukkaamfamanii mana hidhaatti darbuu gabaasni Qeerroo addeessa.

Seife Nebelbal Radio, May 22, 2015

Aside