Filannoon Fakkeessaa fi Kijibaa Abbootii Irree malee Ummatoota hin Fayyadu.

Aside

abo

Filannoon Fakkeessaa fi Kijibaa Abbootii Irree malee Ummatoota hin Fayyadu.

Bittaan gita bittoota Tigraay ummatootaa Itophiyaa irratti humna qawween of irroomse Itophiyaa tarree biyyoota hiyyeeyyii keessaa baasuu hin dandeenye. Kadhaa gargaarsa alagaa irraa argamuun jireessuu keessaa baasuu dadhabee har’as taanaan Impaayerittiin hiriira biyyoota gargaarsaan jiraatan keessatti akka hiriirtetti jirti. Saaminsi daangaa dhabe murna aangoo irra jiruun adeemsifamu abbootii aangoo duroomsee lammiilee sadarkaa of jiraachisuu dadhabuu fi abdii dhabuu irraa, kanneen osoo jireenya barbaadanii galaana keessatti dhuman, biyyoota gara garaa keessatti haala suukanneessaa fi gaddisiisaan ajjeefaman lakkoobsi guddaa dha. Bilisa tahanii gurmaa’uun, yaada qaban ibsatuun guutummaatti yakkatti fudhatamee hidhaa, ajjeechaa fi roorroo gosa gara garaa lammiilee irraan gahuun Itophiyaan biyyoota Afriikaa irra dabree sadarkaa addunyaatti iyyuu tarree duraa keessatti argamuun haala qabatamaa biyyattii keessaa ibsa. Saaminsi, cunqursaan, buqqa’insi fi dhiittaan mirga dhala namaa waggoota 24 dabraniif adeemsifamee fi sadarkaan har’a irra gahe egeree biyyattii kan dukkaneesse, ummatoota kan abdii dhabsiise dha.
Wayyaaneen qawween dhufe. Qawweenis jiraate. Fuula duras Itophiyaa abbaa irrummaa paartii tokkoo jala tursuun murtii isaa bosonaa qabatee dhufe tahuun kan shakkamu miti. Ammas kana ifaan labsatee jira.Ibsa ABO Filannoo Wayyaanee 2015 ilaalchisee

Oromiyaa Gara Kibba Dhihaatti Kan Arrgamtuu Magaalaan Jimmaa fi Yuunivarsiitiin Jimmaa Eeggumsa Humna Waraana Wayyaanee Jala Galtee Jirti,

Aside

Camsaa 19/2015 Oromiyaa Gara Kibba Dhihaatti Kan Arrgamtuu Magaalaan Jimmaa fi Yuunivarsiitiin Jimmaa Eeggumsa Humna Waraana Wayyaanee Jala Galtee Jirti, Ummanni Oromoos humna waraanaa raayyaa ittisa sirna TPLFn marfamte.Mootummaan Wayyaanee muddamaa fi raafama siyyaasa guddaa keessa galee kan jiruu, olola maqaa misoomaaf dhaga bu’uuraa kaa’uun buufata xiyyaaraa fi Baaburaa isiniif hojjechiifna jechuun uummata gowwomsuuf Angawootni wayyaanee H/Maariyaam Dassaleen durfamu gara Godina Dhiha Oromiyaatti duula kan jiruu torbee darbee keessa Godina Lixa Shaggar Amboo fi Godina bahaa Wallaggaa Naqemteetti duuluun simannaa uummataa dhabuun hedduu ittumaa muddama keessa seenuun, guyyaa har’a mataan Wayyaanee H/Maariyaam Dassaaleenyi dabballoota isaa qabachuun gara gara Godina kibba dhiha oromiyaa Magaal;aa Jimmaa seenuun dabballoota isaa malee simannaa uummata dhabuun daandii baaburaa fi xiyyaaraa isiniif galchina jechuun dabballoota isaaf dhagaa bu’uuraa kaa’uun dabballootni isaa aanaa godinicha bakka bu’uun argamaniif kaabinoota aanaa fi dabballoota wayyaanee yoo ta’uu, guyyaa hardhaasa Simannaa uummata baldhaa Oromoo godina Jimmaa waan dhabaniif muddama keessa seenuun uummatni FDG nurratti kaasuuf jechuun humna waraana ittisa biyyaa mooraa Waraana dhihaa kan Magaalaa Jimmaa keessatti argamu kutaa waraana 44ffaa (44nyaa kifile Xoor) jedhamu keessa gadii baasuun Magaalaan Jimmaa fi Yuunivarsiitiin Jimmaa humna waraanaan marfamtee eegamaa jirti. Sakkatta’insii guddaan uummata Oromoo fi sabaa fi sablammoota magaalaa Jimmaa fi barattootaa fi hojjettoota irratti godhamaa jiraachuun ibsame.

SBO Caamsaa 20,2015. Oduu, Filannoo wayyaanee irratti Ibsa ABO, Beeksisoota SBO fi Gaaffii fi deebii Inispecter Abdallaa Qaasim kutaa lammataa fi SBO Sagantaa Afaan Amaaraa

Aside

Wallee Haaraa Hawwisoo Qeerroo Bilisummaa Oromoo, Caamsaa 18, 2015

Aside