Poster Dhadesse Filannoo Kaabinoota Wannaanee Bakkoota Maxxanfame Irraa Funaanuun Cirtan Sababaa Jedhuun Dargaggoonni Oromoo Badii Malee Hidhamaa Jiru.

Aside

Gabaasa Qeerroo Jimmaa Caamsaa 18,2015 

Because I am OromoGodina Jimmaa bulchiinsa magaalaa Jimmaatti dargaggoonni Oromoo lama beek-suura( poster) filannoo Wayyaaneen ittiin ofbeeksisuuf maxxansatte kan suuraa dorgomtoota OPDO dabalatee manneen uumataa fi iddoo buufata adda addaatti maxane irraa buqifatanii ciccirtan sababaa jedhuun badii tokkoon malee qabuun hidhaatti darbuun isaanii beekame.

Godina Jimmaa bulchiinsa magaalaa Jimmaa ganda bachoo booretti beek-suura Wayyaaneen mana rifeensaa tokko irratti maxxansite gaafa caamsaa14/2015 halkan dorgomtoota OPDO mana maree naannoof dorgoman lama kanneen maqaan isaanii akka itti aanutti caqafaman kunniin beek-suura irraa jara kaan keessa adda bafamuun kutamee jira.Dorgomtoonni kun:
1.Obboo Solomoon Abbabaa kantiibaa magaalaa jimmaa
OPDO bakka bu’uun mana maree naannof dorgomaa kan jiru.
2.Obboo Muktaar Kadiir perezedaantii mootummaa naannoo Oromiyaa mana maree naannof dorgomaa kan jiru.
Yeroo ta’an daraggoota Oromoo suuraa jara kanaa fi dhaadessa filannoo Wayyaanee magaalaa keessaa funaantanii cirtaniittu sababaa jedhuun badii malee yeroo ammaa mana hidhaa keessa buusanii jiraachuun Qeerroon gabaase.

Dargaggoonni kun yeroo ammaa mana hidhaa Alaazaar kan magaalaa jimmaatti argamu keessaa hadhaa dararaa dhan dhamaa jiru. Isaanis

1.Dargaggoo Amiin konkolaachisaa baajaajii
2.Dargaggoo Amrallaa rifeensa sirreessee of jiraachisa.
Magaalan Jimmaa sakatta’iinsa fi ugguroo mootummaan Wayyaanee ummata nagaarratti gootun goolamaa jirti.

Oromo Voice Radio (OVR) broadcast- 18 May 2015

Aside

Bara Darbe Ebla 2014 Keessa Lammiileen Oromoo 59 Badii Tokkoon Malee Wayyaaneen TPLFn Qabamanii Karchallee Amboo Keessatti Hidhaman Keessaa 30 Bilisaan Gadhiifamuu Qeerroon Gabaase.

Aside

Dinne GabrummaaCaamsa 17,2015 Godina Lixa Shaggar Mana hidhaa karlchallee Amboo keessatti tti ilmaan Oromoo bara darbee baatii Ebla 2014 keessa Sochii warraaqsaa FDG keessatti hirmaattan jedhamuun  badii tokko malee waggaa tokkoo oliif erga hidhaa keessa turani  ilmaan Oromoo 59 galmee tokko irratti himatamanii jiran keessaa  30 bilisaan gadi lakkifamaniiru.

  Dhaddachi Mana Murtii Godina lixa shaggar magaalaa Amboo  Caamsaa 15/2015 Oleen  ilmaan Oromoo yakka shororkeessuummaan himataman erga waggaa tookkoo oliif adabbii to’annoo seeraa jala turanii booda  ragaan abbaan alangaa wayyaanee dhiyeeffate sobaa ta’uu mirkaneeffatuun ilmaan Oromoo kun badii tokko malee waggaa tokkoo oliif dararamaa kan turan bilisaan gadi lakkifamuu danda’aniru.  Ilmaan Oromoo  Oromummaa yakkamuu malee balleessa tokko illee hin qabnee mootummaan Wayyaanee maqaa shororkeessaa jedhuun sobaan yakkee dararaa erga ture booda, abbaan alangaa wayyaanee EPRDF/TPLFn  raga tokko malee Oromoo nagaa mana isaanittii qabanii hidhatti darbuun erga waggaa tokkoo oliif, psychologically, physically fi mentally erga midhaa ture booda sobaan gochaa diinummaa uummata Oromoo irraa qabu muldhisuuf waan hidhee dararaa tureef, yeroo amma kanatti raga tokko illee irratti dhabuun ilmaan Oromoo kunneen bilisa ta’uu fi balleessa jedhamanii himatamaniif ragaan qubsaan hin jiru jechuun dhaddachi mana Murtii Amboo guyyaa kaleessa gaaffii tokko malee bilisaan akka gadhiifaman murtii kennuun yeroo amma kanatti ilmaan Oromoo kunneen gadhifamanii jiru.  Maqaa hidhamtoota ilmaan oromoo hiikaman kanneenii  :

1.       Obboo Caalaa Baayisaa

2.       Obboo Iddeessaa Magarsaa

3.       Obboo Alamayyoo Irreessoo

4.       Obboo w/Yesuus Mangashaa

5.       Dargaggoo raajii Baksuu

6.       Barataa Walabummaa Dabalee barataa Engineering  waggaa 4ffaa Yuunibarsiitii Adaamaa

7.       Barataa saa’uudi Jamaal barataa Yuunibarsiitii Amboo

8.       Barataa Firaa’ol Tacaanee barataa Yuunibarsiitii Amboo

9.       Barataa Abdataa Baatirii barataa yuunibarsiitii Amboo

10.   Barataa Qananiisaa Raggasaa barataa yuunibarsiitii Amboo

11.   Barataa Alamuu Magarsaa barataa kutaa 8ffaa  M/bsadarkaa 1ffaa  Carii Amboo

12.   Dubaree Ayyaantuu Dagaagaa daldaltuu hucuu Aadaa Oromoo fi Fayyaa Oromoo magaalaa Amboo

13.   Barataa sanyii Cimdeessaa, barataa kolleejjii fayyaa biyyaa irraa eebbifamee hojii dhabee taa’aa ture,

14.   Dargaggoo Tasfaa Dhugaasaa

15.   Barataa Abdii(Gammachiis) Baddeessaa barataa Yuunibarsiitii Amboo

16.   Barataa Waloo(Rabbirraa) Abboomsaa

17.   Barataa Badhaasaa

18.   Dargaggoo Baabbii

19.   Barataa Abdiisaa Fajjii

20.   Dargaggoo Dajanee

21.   Dargaggoo caalaa Maandhessaa kannee keessatti argamaan ilmaan Oromoo nagaan humna Waraanaa Wayyaaneen Qe’ee fi maatii, akkasumaas barnoota isaanii irraa barattootni Oromoo ukkanfamanii hidhaan dararaa waggaa tokkoo olii erga argani dhaddachi Mana Murtii Amboo raga kijibaa/sobaa Mootummaan Wayyaanee ittin ilmaan Oromoo dararaa jiru kufaa gochuun ilmaan Oromoo kun badii kan hin qabne ta’uu isaaniin bilisaan akka ghadi lakkifaman murtii dabarseen gadi lakkifamani jiru.

Qeerroon Bilisummaa Mootummaan abbaa irree Wayyaanee   beenyaa, hamilee, qaamaa fi  sammuu (psychologically)  ilmaan Oromoo kanaaf  akka beenyaa kaffalu  gadi jabeessinee gaafata.