Caamsaa 13,2015 Gabaasa Qeerroo Garba Gurraacha
Mootummaan abbaa iree Wayyaanen akkuma amala isaa gaafa Caamsaa 10,2015 Godina Shaggar kaabaa aanaa Kuyyuu magaalaa Garbagurraachatti ilmaan Oromoo kichuu lafaa dhufa umriin isaanii ganna 12-15 gidduutti argamu kanneen lakkoofsan 19 ta’an badii tokko malee mana hidhaa magaalaa garba gurraachatti darbachuu ishee odeessi Qeerroo naannichaa addeessee jira. Ijoolleen kichuun kunniin guyyaa dhaloota isaanii kabajachuuf kan walitti qabaman yoo ta’u gitni bittuu Wayyaanee ammoo ilmaan Oromoo lafa walitti qabamanitti waa’ee kufaatii koo mari’atu jettee waan yaadduf ilmaan Oromoo sabiyyii ganaa hamaa fi gaarii illee adda baasanii hin barre kanniin mana jireenya maatii isaanitti lafa isaan sagantaa kabaja guyyaa dhaloota isaanii kabajatanitti kora bittinneessaa Oromiyaatin humnaan mana hidhaatti darbatamuuf dirqamanii jiru.
Shirri kun akka qindaa’u fi raawwatu kan Godhan keessaa:
1.Ajajaa shantamaa Simee Mangistuu
2.Qorataa dhimma nageenyaa obboo Damee
Kanneen jedhamani ta’uu Qeerroon gabaasa.
Isin ammaanuu osoo umriin keessan hin ga’in kan siyaasa geggeessuu eegaltan boru eessan nu geessu jechuun dhaabni maxxannee OPDO n kan waan godhi jedhaniin qofa gootu sabiyyoota Oromoo kanniin guyyaa sadii(3)f erga mana hidhaatti hiraarsaa turteen booda mormii fi diddaa barattoonni mana baruumsa magaalaa garba gurraachaa lakkoofsa lamaa fi hawaasni naannoo dhalcheen baaragun ijoollee hidhaman gaafa
Caamsaa 12/2015 gadi lakkisuu danda’anii jiru.Ilmaan oromoo badii tokko malee Oromummaa isaanii qofaan yakkamanii mana hidhaatti darbataman kunniin lakkoofsan kudha sagal (19) yoota’an kanniin keessaa A fur(4) dhiiroota yoo ta’an warri hafan immoo shamarrani.
Gochaa suukanneessaa Wayyaaneen Kaaba Shaggar onoota garagaraa keessatti taasisaa jirtu kana qofa osoo hin taane mana baruumsaa sadarkaa lammaffaa garba gurraachaa keessatti waraqaa sochii Qeerroo ibsu maxxansitan sababa jedhuun goolaa jiru.
Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk