Aangawoonni Tika Mootummaa Wayyaanee(TPLF) Magaalaa Naqamtee Keessatti Walgahuun Akkaataa Uummata Oromoo Shiraan Miidhan Irratti Marihachuun Isaanii Saaxilame.

Aside

Caamsaa 11,2015 Gabaasa Qeerroo Naqamte

IMG_20150509_060148Wayyaaneen filmaata sobaa dhufutti uummati Oromoo narratti ka’a sodaa jedhuun kan baarage guyyaa har’aa Caamsaa 11,2015 sa’aatii saddeetii hanga kudhaniitti barattoonni Yuunivarsiitii Wallaggaa FDG narratti qindeessu sodaa jedhuun deeppoo magaalaa Naqamteetti argamu keessatti wal ga’ii caasaa basaastotaa geggeesse.

Qaamni Qeerroo caasaa mootummaa keessaa fi kan magaalaa Naqamtee icciitii fi ijoo marii tikoota Wayyaanee kana akka saaxiletti, namooti lama man maqaan isaanii Yohaannis Abebee fi  Beekkataa fi akkasumas barattoota keessaa basaasaa beekamaan Yuunibarsiitii Wallaggaa nama Tsaggaa Ashaabbir jedhamu ta’anii namooti shan waltajjicha kan geggeessan yeroo ta’u, walgahicha irratti kan akeekamee fi irratti mariyatamee kan murtaaye  ukkamsitooti fi humni federaalaa uuffata sivilii uffatee uummata basaasus magaalaa Naqamtee fi Yuuniversitiilee irra akka tamsa’u irratti ta’uu Qeerroon saaxilee jira.

Kanuma waliin kaayyoon ijoon biro naannoo Yuunivarsiitichatti walga’uus barattoota Mootummaa Wayyaanee TPLF irratti FDG kaasan ykn  falmaniin akkaataa itti adamsanii uummati Oromoo utuu hin dhaga’in barattoota ukkamsanii fi kanneen jajjaboon hawaasa magaalaatiin qunnamtii qaban hidhamuu qaban,kana malees yaada barattootaa qoranii ilaaluu fi FDG(Gaaffii Mirgaa) yeroo hunda tasgabbeessuu dadhabameef kallatti maddichaa qoranii ilaaluuf akka mariirra turaniif dhumarratti eegumsa guddaa naannoo dhaabbilee barnootaatti akka taasisan irratti waliigaluu waltajji kana Warren hirmaatan ibsaniiru

Ummanni Aanaa Midaa Qanyii Godina Lixa Shaggar,Gita Bittuu Mootummaa TPLF Jalatti Hin Bullu Jechuun Gamtaan Diddaa Dahgeessisan,Barattooti Oromoo 7 Ol Ta’anis Mana Hidhaatti Darbamuu Qeerroon Gabaase

Aside

Gabaasa Qeerroo Aanaa Midhaa Qanyii

diddaa9Caamsaa 9,2015 Godina Lixa Shaggar Aanaa Midaa Qanyitti uummatni Oromoo gita bittaa mmootummaa Wayyaanee Abbaa irree EPRDF/TPLF/ jalatti hin bulluu jechuun mormii isa jabeesse, Mootummaan Wayyaanee Qeerroo barattoota Oromoo qabee hidhaatti darbuun dararuu itti fufe.
Goototni barattootni Oromoo Aanaa Midaa Qanyii M/B Baallammii sadarkaa 2ffaa fi qopha’ina Oromummaan yakkamanii wajjiraa Poolisii Aanaa Midaa qanyiitti humna poolisaan qabamanii darbamuun dararama jiraachuun walqabatee diddaan uummata qonnaan bultoota haalan jabachuun dabbaalloota wayyaanee EPRDF/TPLF/OPDO gandoota baadiyaa keessa adeemuun nu filadhaa jechuun maqaa filannoo kijibaan uummata afaan faajjeessuuf walga’ii garaagaraa uummata baasuuf karoorfatan, uummatni mormii guddaan jaladhabbachuun f irraa arii’achaa jira.

Uummatni Aanaa Midaa Qanyii ifatti wayyaaneedhaan isin nu hin bulchitan nuti isinitti hin bullu, uummata Oromoos OPDO’n bakka bu’uu hin dandeessuu, nuti bilisummaa fi dimookiraasii dhugaa barbaadna jechuun dabballoota OPDO of irraa arii’ate jira. Ergamtootni Wayyaanee diddaa uummataa nu mudachaa jiru kanaaf sababaan guddaan Qeerroo barattoota Oromooti jechuu barattoota Oromoo dararuu fi hidhatti darbuu itti fufte jiraachuun ibsame.

Haaluma kanaan Qeerroon barattootni Oromoo badii tokko malee yeroo amma kanatti hidhatti darbamuun dararama jiran:
1. Barataa Addunyaa Birhaanuu barataa kutaa 9ffaa
2. Barataa Boruu Badhoo
3. Barataa Fayisaa Badhoo
4. Barataa Guutaa Girshaa
5. Barataa kuubaa Taakkalaa
6. Barataa Taarikuu Gusoo
7. Barataa Haptamuu Haptaamuu Caalchisaakanneen keessatti argaman
yeroo ta’u. Barattooti kuniswajjira poolisii Aanaa Midaa qanyii Baallammiitti hidhamuu madden Qeerroo Baallammii irraa gabaasan. Ummatni Oromoo hidhaa fi ajjeechaa, barnoota irraa arii’atamuu fi Oromummaan yakkamuun dimookiraasii miti, Mootummaan maqaa dimookiraasii jedhuun lafa dimookiraasiin hin jirreetti mirga keenyaa ukkamsaa na filadhaa jechaa jiruu dhaabuun yakka dalagaa jiruuf seeratti nuuf dhiyaachuu qaba jechuun kaabinoota ergamtuu wayyaanee uummata goolaa jirtu gaaffiin mataa hadoochaa jirachuun ibsame jira.