Godina Baaleee fi Bakkoota Adda Addaa Keessatti Dhimma Filannootiif Ijoolleen Keessan Jeequmsa Akka Hin Kaasne Sababa Jedhuun Maatii Barattootaa Dirqiin Mallessisaa Jiru

Aside

Odeessa Qeerroo Caamsaa 8,2015

ah

Godina Baalee manneen barnootaa sadarkaa 1ffaadhaa hanga qophaayinaatti barattootaa maatii isaanii waamsisuudhaan guyyaa filannootti fincilli tokko akka hin uumamneef mallatteessa jechuun mootummaan Wayyaanee maatii barattootaa dararaa jira. Filannoon as dhiyaatee jira, barattootni sochii isaan agarsiisaa jiran filannoodhaaf shakkii guddaa keessa mootummaa buusera, kanaaf batataan kamiyyuu farra filannoo

tahee kan mul’atu yoo tahe mootummaan guyyaadhaan tarkaanfii irratti fudhata,isa kanaaf maatiin ijoollee keessan gorfachuu, adabachuu, mootummaan dhaamsa dabarsa kan jedhan caasaan mootummaa dhimma kanaaf godina kanatti ergame maatii barattootaa waamsisuun dubbiin dalga itti galte, qonnan bulaa, maatiin barattootaas nutis tahe barataan keenya, ijoollen keenya gaaffii isaanii kan mirga guutuu eegsifatuu dubbachuun mirga qabu, filannoo diimokiraasi jettu uummanni biyyattii maqaa diimokiraasii jedhu malee gochaan argee hin beeku kan hojjetamu faalla isaatii, ijoolleen keenya kaayyoo mul’ata qabun durfamanii jiru, yoomiyyuu barattoota keenya waliin jirra kan jedhan maatiin barattootaas deebii kennan.

Aanaalee kanneen akka Ginnir,Gooroo,Raayituu,Agarfaa fu Barbaree qonnaan bulaan ija jabinan tika mootummaa dura dhaabbatuun sobaan aangoon nurratti hin dagaagin, doorsisi nurraa haa dhaabbatu, nuti filannoo hin beeknu maqaa filannootiin kanaan booda nu doorsisuu mootummaa hin barbaannu kan jedhan qonnaan bulaan 15 ol tikaan qabamuu Qeerroon gabaase, Qeerroon godina Baalee keessa jiraatu filannoo Wayyaanee barana gaggeeffamu gufuu bilisummaa oromoo tahuu hubannee uummata keenya waliin dhaabbanne fesheleessuu akka qabanis dhaamsa dhaammachuu fi wal kakaasuu gabaasni Qeerroo nu gahe addeessa.

Ethiopia: Kidnapped And Disappearance of Oromo Civilians

Aside

OSGA AsxaaOromia Support Group Australia Inc. (OSGA) expresses its deep concern regarding the kidnapping and disappearance of two Oromo civilians by the Ethiopian security forces. Mr Magarsa Mashasha Ayansa was kidnapped and diapered on April 23rd, 7pm local time while Urgessa Damana was on May 4th, 2015. Mr Magarsa, community health worker, a student of Ambo University is the local area resident. He was kidnapped by Ethiopian security forces from the country’s central city Fifinna (Addis Ababa) – Bole area – while he was on a trip for his personal business. In a similar situation, Mr Urgessa Damana a former Rift Valley University Student and resident of Ambo town also captured on 4th of May 2015 by Ethiopian security forces. Since then the whereabouts of theses Oromo civilians remained unknown.

OSGA believes that the Ethiopian government conduct violated the fundamental rights. The right to freedom from torture and the UN Body of Principles for the Protection of All Persons under Any Form of Detention and Imprisonment including the UN Standard Minimum Treatment of Prisoners is entirely denied. We are concerned that this pattern will continue to worsen. Read More:-  OSGA Appeal for Urgent Action on the Disapperances of Mr Magarsa and Urgessa – May 8th 2015 – Photo Include

Sagalee Simbirtuu Qophii Caamsaa 07,2015

Aside

Ethiopia: The Endless Violence against Oromo Nationals Continues.

Aside

Ethiopia: The Endless Violence against Oromo Nationals Continues
Fear of Torture
HRLHA Urgent Action

______________________________________________
For Immediate Release

HRLHAMay 7, 2015
Harassments and intimidations through arbitrary arrests, kidnappings and disappearances have continued unabated in Ambo and the surrounding areas against Oromo youths and intellectuals since the crackdowns of last year April, 2014, when more than 79 Oromos, mostly youths, were killed by members of the federal security force.
According to HRLHA correspondents in Ambo, the major target of this most recent governmentsponsored violence were Ambo University and high schools Oromo students in Ambo town. In this incident which started on April 20, 2015 more than 50 university and high school students were arrested; more than 20 were severely beaten by the security force and taken to Ambo General Hospital for treatment.
Although it has been difficult to identify everyone by their names, HRLHA correspondents have confirmed that the following were among the arrestees:
No Name Sex Occupation
1 Magarsa Mashsha Ayyana M Student /Ambo University, health
professional
2 Urgessa Danana M Student, Rift Valley College
3 Birehanu Diriba M Teacher, Rift Valley College
4 Getachew Gadaa Dereje M Student, Jimma University
5 Tarku Debisa M
6 Abdata

More:-May 07, 2015 HRLHA UA

“Sodaachisoo moo Hubachiisoodha”

Aside

Walbeekaa Lammii Irraa

QEERROO Magaalaa Jimmaa irraa

Filmaata WayyaaneeHundumtuu qophooftanii Filachuufis kaachufis? Kaardii keessan qopheeffattanii? Ani qophaa’era kaardii koos qopheeffadheen jira kaardii filanoo osoo hin taane kaardii Hospitaalaa. Mootummaa Abbaa irree kan kuffisu dhiibbaa ummataa osoo hin taane dhiibbaa dhiigati. Anis kanaafin kaardii filannoo dhiisee kaardii Hospitaa qopheeffadhe.Mootummaan Abbaa irree qabeenya biyyattii akka barbaade waan saamee nyaatee dhuguuf Kolestiroolii coomatu ujummaa dhiigaa jalaa dhiphesuun dhiibbaa dhiigaf isaan saaxila. Kanaafuu mootummaan abbaa irree hidhannoo
ykn dhiibbaa dhiigatiin fonqolfama. Filannoon fakkeessii wayyaaneen waggaa shan shaniin geggeessitu kun jijjirama fida jedhanii amanuu fi hawwuun nama osoo hin facaafatin haammachuuf qophaa’u waliin wal nama fakkeessa. Haata’umalee garuu filannoon kun jijjiiramaaf karaa saaquu danda’a. “Akka idil- Addunyaatti Filannoon tokko filannoo dha jedhamuuf duudhaalee shanan armaan gadii kana guutuu qaba.

  1. Filannoo hunda hirmaachisu( Universal suffrage) kana jechuun lammiin biyya tokkoo osoo qabeenyan ykn ulaagaa madaallii kamiinuu garaagarummaan hin jiraatin filannoo irratti hirmaachuu jechuudha.
  2. Filannoo Bilisaa( Free suffrage) duudhaan kun immoo giddugalummaa tokko malee fedhii dhuunfaa ofiitin bakka bu’aa ofii filachuu ibsa.
  3. Filannoo Iftoominaa( Fair suffrage) kun immoo adeemsa filannoo walaba ta’e kan mul’isuudha.
  4. Filannoo yeroo isaa eeggate( Periodic Election) Filannoon biyya tokkoo yeroo murtaawaa ta’e kan heerri fi seerri biyya sanaa murteessee lafa kaa’e irratti hundaa’un yeroo yeroo isaa eeggatee marsaa marsaan geggeeffamuu qaba.
  5. Filannoo Icciitin isaa eegame( Secretballot) eenyullee yeroo bakka bu’aa isaa filachuuf sagalee isaa kennu ijji nama kamiyyuu arguu hin qabu ; dhoksaan sagalee isaa kennuu haammata.

Duudhaalee armaan olotti caqafaman kanniin keessaa filannoon mootummaan wayyaanee gaggeessaa jirtu tokkollee hin guutu marsaa isaa eeggatee waggaa shan sjaniin geggeeffamuu irraa kan hafe. kana ergan hanga kana jedhee garan mata duree jalqabeettin seems: Filannoon yeroo shanaffaaf biyya keenya keessatti geggeeffamaa jiru kun Wayyaanetti balaa dhalchuun isaa waan hafuu miti.

Guutummaan  Barruu Kanaa:- Sodaachisoodha moo Hubachiisoodha

Loltooti Wayyaanee Uummata Magaalaalee Gooluu fi Nagaa Dhorkachuu Itti Fufuun Sakkatta’aa fi Doorsisaan Uummata Dararaa Jiraachuu Qeerroon Gabaase.

Aside

Gabaasa  Qeerroo Finfiinnee Caamsaa 8,2015
IMG_20150507_150925-1Wayyaaneen TPLF  bakka uummanni itti heddummatu bu’aa fi sodaa filannoo isaaf jecha uummata nagaa keessa poolisii tamsaasee nagaa booressuun magaala Finfinnee fi magaalota Oromiyaa adda addaa keessatti yeroo ammaa kan jabaatee jiruudha. Gabaasota kutaalee magaalaa Finfinnee garagaraa irraa har’a Caamsaa 7,2015  Qeerroon gabasu namni gurmuudhaan yoo dhaabbate, bakka taa’umsaa fi walitti qabama uummata gidduu poolisoota seensisuun uummata bittimsuu kan eegale mootummaan Wayyaanee keessattuu kutaa magaalaa Kiiloo 6, Waddeessa(Piassa),Gullallee, Askoo, Makkanniisaa kutaaleen kunneen naannoo uummanni Oromoo itti heddummatus tahus sodaan mootummaa Wayyaanee yeroo ammaa uummata Oromoo fi keessattuu Qeerroo Oromoo irraa waan taheef humni waraanaa gurmuu gurmuudhaan, poolisoonni nama nagaa daandii irra deemu doorsisuu fi nagaa dhorkuudhaan hojii fardeessoo godhatanii ka’anii jiru.

Kanuma waliin Shaggar Kaabaa naannoo Sulultaa irratti duulli sakatta’iinsaa ganda ganda keessatti adeemsifamaa jira. uummanni qonnaan bulaa aanaa Sulultaa keessa jiraatu mootummaa waliin diina ta’ee jira,mootummaadhaaf hin ajajamu, halkan halkan barruun ABO maxxanfamee bulaa, daandiin halkan keessaa sa’aa 7:00-9:00 gidduutti mukeenii fi dhagaadhaan konkolaataan akka hin dabarreef cufama qaama kana hojjetu yeroo sakattaanee hordofnees bira gahuu hin dandeenye kan jedhamuun mootummaan caasaa aanaa Sulultaa irraa qabuun mirkaneeffataa dhufeen naannoo Caancoo fi magaala isaa keessa humni waraanaa kan buufatee fi magaalaan Sulultaas poolisii wayyaaneen kan sakatta’amaa oolte tahuu Qeerroon gabaase. IMG_20150507_150946-1

Odeessa Qeerroo magaalota Oromiyaa gurguddoo garagaraa irraa gabaasu sochii uummanni oromoo taasisuun, sochii barattootaa fi Qeerroon Bilisummaa gaaffii karaa nagaan itti fufee jiruun wal qabsiisuudhaan mootummaan wayyaanee poolisootaa fi humna ittisa biyyaa uummata keessa facaasee nagaa booressuu fi mana namaa fi galma garagaraa sakattaasisuu gabaasni Qeerroo nu gahe addeessa.