Gaaffiin Mirgaa Qeerroo Bilisumaa Jabaachuun Wallagga,Magaalaa Qassoo Keessatti Poolisootaa fi Uummata Jidduu Walitti Bu’iinsi Guddaan Uumame.

Aside

Gabaasa Qeerroo Ona Yaamaa Hagaloo Caamsaa 7,2015

OromiaALutaContinua2011FDGWallagga ona Waamaa hagaloo magaalaa Qassoo keessa tti wallee warraaksaa dhageessiftan sababaa jedhuun loltooti Wayyaanee manneen nagadaa fi dhugaatii jeequmsa taasisaniin jiraattota magaalichaa irratti walitti bu’iinsa yeroo uuman,poolisoonni magaalichaa nama maqaan isaa sabboona Gammadaa Bultii jedhamu haala suukkanneessaan reebuun guddoo dhaanuun gaggabsan,  haala kanaan daraggooti magaalaa Poolisoota Wayyaaneetti dhagaa guuruu fi hamma harkaan walitti seenuutti walitti bu’iinsi uumameen jeequmsi guddaa ta’ee jira.

Yeroo ammaa kanatti poolisoonni Feederaalaa haala hattattamaan naannicha dhaqabuun dargaggoota Oromoo jumulaan hidhuu fi dararuu irraatti akka argaman Qeerroon gabaase.

Sa’aa ammaa kanatti Oromoonni magaalicha irraa qabamanii hidhaatti geefamanii jiran keessaa:-

  1. Shallamuu Fiqaaduu
  2. Misgaanuu Beekumaa
  3. Asaffaa Dabalaa
  4. Geetuu Darajjee
  5. Gammadaa Addunyaa
  6. Qajeelaa Wayyeessa
  7. Galataa Tamasgeen
  8. Misgaanuu Taammiruu
  9. Asfaaw Mootii
  10. Nagaasaa Beekumaa yoo ta’an

Barataan Qannoo Fiqaaduu fi dargaggoonni hedduun jalaa miliqanii akka jiran Qeerroon gabaasa.

Kana malees yeroo ammaa kana magaalaan Qassoo ibsaa fi networkii tajaajila bilbilaa malee akka jirtu beekamee jira.

“Robalee” Wallee Aadaa/ Artist Hirphaa Gaanfuree

Aside

Godina Lixa Shaggar Aanaa Jalduu Keessatti Warraaqsi Bilisummaa Itti Fufuu Qeerroon Gabaase.

Aside

diddaa9Caamsaa 7/2015 Godina Lixa Shaggar Aanaa Jalduu Keessatti goototni Qeerroon  barattootni Oromoo mootummaa abbaa irree Wayyaanee fallaa dimookiraasii dhaabbatee sobee maqaa filannoo dimookiraatawaan dhaadatu irratti FDG jabeessan.

Goototni Qeerroon barattootni Oromoo mana barumsaa sadarkaa 2ffaa Cobii kutaa 9ffaa fi 10ffaa fi sadarkaa 2ffaa fi Qophi’inaa Jalduu guyyaa kaleessa xalayaa Iyyannoo mirgi hiriira nagaa gochuu nuuf haa  eeyyamamuu jechuun xalaayaa iyyannoo isaanii bulchiinsa Magaalaa Jalduu karaa nagaa fi dimookiraasii ta’een gaafatan.   Ergamtootni Mootummaa Wayyaanee bulchiinsii Magaalaa Jalduu fi wajjirrii barnoota aanaa Jalduu gaaffii keessaniif deebii isiniif hin kenninu mana barumsaa isin irratti cufna jechuun humna poolisii federaalaa, fi poolisii naannoo qabachuun barattoota Oromoo dura dhaabbatan.

Mootummaan abbaa irree wayyaanee yeroo kanatti uummataan nu filadhaa jechuun yeroo uummata dirqamaan mallatteesisaa jiru kanatti qeerroon bilisummaa Oromoo dimookiraasiin hin jiruu uummaata dirqamaan mallatteesisuun abbaa irrummaa wayyaanee ifatti kan saaxiludha jechuun FDG wayyaanee irratti  jaabachuun  akka itti fufu dhaamuun, wayyaanee abbaa irree qawweetti amanuu malee dimookiraasitti amanuu hin beekne irratti FDG sochoosa jiru. Uummata qofaa utuu hin ta’iin dabballootni kitilayyoonni wayyaanee EPRDF/TPLF/OPDO’n barattoota Oromootiin akka nu filattaniif nuuf mallatteessa jechuun qaanii tokko malee barattoota Oromoo manneen barnoota sadarkaa 2ffaa, sadarkaaffaa 2ffaa fi Qophaa’inaa Jalduu gaafachuun kan gootota barattoota Oromoo dheekamsiiseen FDG akka wayyaanee irratti qabsiisuu fi akeeka faashistummaa kana dura dhaabbataniif kan isaan dirqe ta’uu qeerroon bilisummaa Oromoo Aanaa Jalduu Magaalaa Shukutee irraa gabaasaa jira. Guyyaa har’aa kana Sochiin Anaa Jalduu Manneen Barnootaa Sadarkaa 2ffaa fi Qophaa’inaa Jalduu, M/B sadarkaa 2ffaa kutaa 9ffaa fi 10ffaa Cobii , fi manneen barnoota sadarkaa 1ffaa Jalduu keessatti  sirni baruu fi barsiisuu ugurameera.  Mootummaan wayyaanee mootummaa uummata Oromoo ajjeesaa, hidhaa, qe’eef qabeenyaa irra buqqisaa jiruudha malee mootummaa dimookiraasiitti amanu miti waan ta’eef gaaffii barattoota Oromoo karaa nagaa dhiyaachaa jiruuf  deebii mana barumsaa isin irratti cufna, qormaata biyyooleessa qoramuu hin dandeessan jechuun deebii kennuun walqabatee Aanaan Jalduu fi magaalaan Shukutee raafama guddaa keessa seente jirti. Humni waraanaa fi poolisiin Federaalaas humna ol gara Jalduutti guurama jira. Gabaasaan kun itti fufa…

“Ilmaan Keessan Akka Mootummaa Irratti Akka Hin Fincilleef Mallatteessa” Jechuun Mootummaan Wayyaanee Uummata Oromoo Dirqaa Jira.

Aside

Gabaasa Qeerroo Caamsaa 7,2015 

db4234bfHiikkaan siyaasaa “ Filaannoo “ jedhu dabee  Mootummaa Wayyaneef umurii bittaa isaa kan ittiin dheereffatu mala jireenyaa ta’ee jira, Ammoo Uummata Oromoo garuu yaaddoo bara gabrummaa biraan itti dheeratu ta’uu irraa mankaaraara guddaatu kanaan qabee isa eeggata.

Haalli kun daran yaaddessaa ta’uu irraan uummanni Oromoo FDG waan ajbeessaa jiruuf gartuun dabballoota OPDO/TPLF  takka takka gandoota Oromiyaa keessaa  irraatti uummata  walitti qabuun Ijjoollee keessaan dhowwaadhaa ! humna mootummaa ol ta’anii waan jiraniif abbootiin ijoollee akka dargaggoonni keessan mootummaa irratti hin kaaneef mallatteessaa  jechuun ummaata irraan darara ammana hin jedhamne gaha Jiru.akka fkn Kibba Lixa Shaggar Gandoota aanaa Iluu fi Dawoo keessatti haalli kun daraan mullachaa dhufera.

Gandoota aanaa Iluu kan akka Bilii,kulee Gafarsaa, magaala Tajii, Asgorii fi kan biroo keessatti uummata sodaa irraan kan ka’ee itti duula jiran akkasuma Gandoota aanaa Daawoo kan akka Qarsaa Gaallutee, Qancaraa Aliitoo, Garbii kallachoo, Ulmaa Buusaa, Daawoo Dirree, magaala Buusaa fi kan bira keessatti Uummata goolaa fi Doorsisaa jiran.

Daraggoonni Oromoo ykn Qeerroon haala kana hubate filmaata sobaa Wayyaanee irratti hirmaachuu dhiisuuf qophiitti akka jiran dhaammatu.

Jala Bultiin Yaadatnoon Barattoota Oromoo Ebla 2014 Keessa Wareegamanii Qeerroo Magaalaa Naqamtee fi Yuniversitti Wallaggaan Kabajamuu Eegale.

Aside