Raadiyoo Sagalee Oromoo Qophii Caamsaa 6,2015

Aside

Wallagga Qellem Aanaa Jimma Horroo Keessaa Uummanni 50 Ol Tahu Yakka Tokko Malee Mana Hidhaatti Guurame,FDGs Itti Fufee Jira!‏

Aside

Caamsaa 6,2015 Gabaasa Qeerroo Qeellam Wallaggaa
W2Because I am OromoOromiya keessa FDG qabsiifamaa jiruu yeroo ammaa mootumma Wayyaanee muddeen, godinaalee garagaraa keessaa fi manneen barnootaa Yuuniversitiilee fi koollejjiwwan naannootti humni waraanaa fi poolisiin bufatee jira, kun Oromiyaa Wallagga, Jimmaa fi baha Oromiyaa irratti kan mul’achaa jiruudha, Qellem Jimmaa Horroo irratti uummata nagaa qonnaan bulaa fi barattoota mootummaa Wayyaanee dura dhaabbatan kan jedhuun Caamsaa 5,2015  irraa kaasee Oromoonni mana hidhaatti funaanamaa jiru.

Humni waraana mootummaa Wayyaanee fi poolisiin naannoo uummata naannichaa keessatti galee sodaa jiruuf jireenya eegalee achuma keessa uummata waliin jiraachuu kan eegale bultii hedduu fixeera. Mootummaan Wayyaanee humni WBO Qellem aanaalee garagaraa keessatti uummata waliin jiraata kan jedhuun humna isaa hanga gandaatti qubachiisee jira,kana irraas kan hubatamu sodaa mootummaan Wayyaanee qabuudha, kanumaan sabboontota Oromoo FDG uummata waliin qabsiisu jedhamuun yakka tokko kan irratti hin mul’anne namoota nagaa 50 ol tahan Aanaa Jimmaa Horroo keessaa qabee mana hidhaatti guure namoota muraasa maqaan isaanii Qeerroon gabaase akka armaan gadiiti.

1. Shuumataa Danuu-Qonnaan Bulaa
2. Abdiisaa Indaaluu-Ogeessa Fayyaa
3. Masarallaa Dinbaashaa-Hojjetaa Mootummaa
4. Charinat Tamasgeen-Daldalaa
5. Geetuu Tamasgeen-Daldalaa
6. Tigistuu Tamasgeen Daldalaa……………………………….. namootni kun sadan obboloota.
7. Caalii Ganjoosaa-Barataa
8. Kariim Abdulkariim-Qonnaan Bulaa
9. Effawuu Abdulkarim-Qonnan Bulaa
10. Taaddalee Tasfaa-Qonnaan Bulaa
11. Nabiyyuu Tashoomee-Qonnaan Bulaa
12. Wangeeluu Bajoosaa-Barataa
13. Mallasaa Alamuu-Qonnaan Bulaa-Abbaa Maatiiti
14. Geetuu Tasfaayee-Barataa
15. Solomoon Gurichoo-Konkolaachisaa
16. Lataa Wiirtuu-Daldalaa-deggeraa fi miseensa WBO jechudhaan akkasuma mana isaa keessa meeshaa lolaatu argame jechuudhaan tika mootummaan qabame,
17. Bulchaa Qalbeessaa-Konkolaachisaa
18. Abdii Aseffaa-Barataa
19. Saamsoon Solomoon-Barataa
20. Phaawoloos Atoomsaa-Hojjetaa Mootummaa-kanaan dura irra deddebiidhaan uummata ijaarte, miseensa ABOti jedhanii hiraarsaa turan,
21. Gammachuu Bantii-Barataa
22. Ishete Zakkaariyaas-Barataa
23. Naggaa Balaachoo-Barataa
24. Dirribaa Oljirra-Qonnaan Bulaa
25. Fedhesaa Bashanaa-Qonnaan Bulaa
26. Yoohannis Qixxeessaa-Qonnaan Bulaa
27. Yaadasaa Danuu-Hojjetaa Mootummaa-kanaan duras mana hidhaa Wayyaaneetti hiraarfamaa ture,
28. Abdulkarim Jamal-mana jireenya isaa keessa sakatta’uudhaan meeshaa about argame, jechuudhaan qabame.
wayyaaneeNamoota hafan gabaasa Qeerroo aanaa Jimmaa Horroo irraa argannuun kan walitti deebinu ta’a. Uummannis daandi gubbaatti bahee hidhamtootni keenya gadhiifamuu qabuun falma gaggeessaa jira, mana hidhaa namootni kun muraasni keessatti argaman waajjira poolisii aanichaatti nyaata namootaaf akka hin geessine humni waraanaa Wayyaanee dura dhaabbate jaallan kun hundi hidhamuu qofa osoo hin taanee miidhaa qoonqootiin saaxilamaa jiru,Qeerroon Oromiyaa bakka hundaa nuuf birmadhaa diina uummata Oromoo hidhuuf duulaa jiru dura dhaabbannaan dhaamsa Qeerroo Qellem irraa darbuudha.

Mootummaan Wayyaanee Dhorkuu Yaalus Irreechi Tulluu Shanee Adaamaa Keessatti Sirna Ho’aa Kabajame.

Aside

Irreecha AdaamaaCaamsaa 6,2015 Adaamaa

Irreechi Tulluu Shanee adaamaa qaama mootummaatin dhoorgamuu yaalamus haala gaariin gaggeeffameera mootummaan abbaa irree irreechi Tulluu akka him bahamne jedhee sodaachisaa tire human isaatii ol taanaan baasastota isaa garage ayyaanichaatti bobbaasuun yaalii maqa balleessii amanttii Waaqeffannaa taasisus hin milkoofne.waaqeffattoonni iddoo garagaraa jiranis ayyanicharratti argamuun sirnicha dabarsaniiru milkiidhan roobaan galanii kadhatanii argataniiru,

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo,Caamsaa 6, 2015

Aside

Godina Lixa Shaggar Keessatti Argamti, Magaalaan Bakkee Keessatti Caamsaa 5,2015 Ka’een Wal Qabatee Sabboontoti Oromoo 8 Loltoota Wayyaaneen Qabamuun Hidhaa Seenan.

Aside

Caamsaa 06,2015 Amboo

diddaa9Mootummaan abbaa irree   EPRDF/TPLF uummata Oromoo irratti yakka garaa laafina tokko malee kan raawwatu humna waraana isaa bobbaasuun uummmata Oromoo nagaan qe’ee isaa jiraatu irratti yakka reebichaa fi ukkamsee hidhatti darbachuu itti fufuun walqabatee FDG uummataan qabachaa jiraachuu madden Qeerroo bilisummaa Oromoo Aanaa Ilfataa magaalaa Bakkee irraa gabaasa jiru. Humnootni Milishaaa fi Wajjirrii milishaa fi Poolisii Aanaa mana galmaa uummataa irra adeemuun mana galmaa uummataa poolisoota federaalaatti argisiisuun uummata reebsisaa fi hidhaatti guursisaa jiru.  Haala kanaan uummatni Oromoo Aanichaa reebamanii midhaan qaama irraa ga’ee fi kanneen mana hidhaatti darbaman:

  1. Obboo Sanyii Alamuu jiraataa jiraata magaalaa bakkee  midhaa guddaan reebichaa kan irra ga’ee fi hidhatti darbame kan jiru
  2. Obboo Tasfayee Jiraataa jiraata jiraata magaalaa bakkee  midhaa guddaan reebichaa kan irra ga’ee fi hidhatti darbame kan jiru
  3. Obboo Tokkummaa Araarsaa jiraata jiraataa magaalaa Bakkee  midhaa guddaan reebichaa kan irra ga’ee fi hidhatti darbame kan jiru
  4. Obboo Hayiluu Ajjamaa jiraata jiraata magaalaa Bakkee  midhaa guddaan reebichaa kan irra ga’ee fi hidhatti darbame kan jiru
  5. Obboo Eebbisaa Yaadataa jiraataa Magaalaa Bakkee kannee reebichi irratti rawwatame,
  6. Obboo shibbiruu Kumsaa qotee bulaa kanneen reebichi irratti rawwatame,
  7. Obboo Fayyeeraa Amanaa qotee bulaa  kanneen reebichi cimaan irratti rawwatame fi
  8. Lalisaa Dhumaa kaadhimamaa  KFO dorgomaa Filaannoo sobaa fi kabeebsaa Wayyaanee  kan  mana mare naannoo Oromiyaaf kan dorgomaa jiru, reebbichi guddaan qaama isaa irratti kan raawwateen yeroo amma kana caccabee haala socho’uu hin dandeenye haala rakkisaa keessatti kan argamu ta’uu gabaasaan Qeerroo bulisummaa Oromoo sochii warraaqsaa uummata qindeessuu aanaa ilfaataa irraa nuuf dhaame jira.

Ergamtootni Wayyaanee ergama diinummaa fudhachuun uummata Oromoo irratti yakkaa Suukaneessaa fudhachaa fi fudhachiisaa jirani fi itti gaafatama seenaa fi seeraa jala ba’uu hin dandeenyee:

  1. Bacharee Magantaa dhimma nageenyaa aanaa Ilfataa mana galmaa uummataa irraa adeemuun halkanii guyyaa uummata reebsisaa jira
  2. Warqinaa Irranaa Dabballee OPDO  aanaa Ilfataa  kan ta’ee mana galmaa uummataa poolisoota federaalaa wayyaanee fi basaastoota wayyaaneetti argisiisuun kan ummata irratti yakka dalagsiisa jiruu fi ilmaan Oromoo irratti raga sobaa qindeessuu himachiisaa fi raga sobaa ba’uun beekamu. Haalli gochaan Mootummaan farra dimookiraasii ta’ee kun uummata oromoo irratti rawwachaa jiruu kun uummatni Oromoo gara kuteenyaan mirga isaa kabachiisuuf akka qabsoo FDG qeerroon bilisummaa Oromoo gaggeessuu irraa duubatti hin deebine kan dirquu fi Uummatni fincilee mirga isaa kabachiifachuuf qophii gochuu jiraachuun ibsame jira. Humni poolisii wayyaanees guyyaa har’aa magaalaa Amboo irraa gara Aanaa Ilfataatti guuramaa jiraachuu madden keenya ibsan.

“Amma Miti Yeroon” Walaloo

Aside

Amma Miti Yeroon

 Kiyyaa Tesfaye

Kiyyaa TesfayeBarbadaa gubaa garaatti baadhannee

maaf injiraaniif mataa hoqannee ?

maqaa waliif baafnee maa walqoqodnee

dubbii arrabaa osoo garaa kaawannee

tokkoomuu Oromoo hundi amanee

tureerra silaa kan billiisomnee

Haalaan walbaruun dansa walbeekumsii

Lammiin Oromootaa Tokkummaa jabeessi,

Shira diinni xasuun walqoqqooduu dhiisii

Yaa ilmaan Oromoo mee qabsoo kee cimsii

Walabummaa Oromoof warraaqsa jabeessii

Amma miti yeroon yeroon wal hamachuu

Lagaafi amantaan adda fafagaachuu

Hunduu yeroo qaba booda nii qaqabnaa

mee dura biyya irraa Wayyaanee ariinaa

Gaafa billiisoomne tenyee wal qoranaa

Warreen adabaman dhugaan adabanaa

Amma miti yeroon maalif wal qoqodnaa.

SBO Caamsaa 06 Bara 2015. Oduu, Rakkoo Baqattoota Oromoo Biyya Yeman keessa jiranii irratti gabaasa, Gaaffii fi deebii Art.Amartii Waarii kutaa xumura akkasumas Beeksisaa fi SBO Sagantaa Afaan Amaaraa

Aside