Oromoo Hidhuu fi Ajjeessuu Araada Kan Godhate Mootummaan Abbaa Irree Wayyaanee, Sabboonticha Oromoo Barataa Urgeessaa Daammanaa Guyyaa Har’aa Ukkaamsee

Aside

Gabaasa Qeerroo Finfinnee,Caamsaa 4,2015

096_001Caamsaa 04,2015 Mootummaan Abbaa Irree EPRDF/TPLF yakka tokko malee ilmaan Oromoo sabboontota ta’an ukkamsaa jira haala kanaan guyyaa har’aa sabboonaan Qeerroo  Oromoo kan ta’ee barataa  Urgeessaa Dammanaa Kumsaa humnoota tikaa mootummaa  EPRDF/TPLF magaalaa Finfinnee keessatti ukkanfame.

Barataa Yuunivarsiitii Rift Valley kan ture,  Sabboonaan Qeerroon Oromoo Urgeessaa Daammanaa yakka tokko illee utuu hin qabaatiin  daa’imummaa isaa irraa eegaluun Oromummaan yakkamee manneen hidhaa biyyattii garaagaraa keessatti hidhamuun dararamaa kan ture,fi bara 2011 Mana hidhaa Maa’ikalaawwii, fi Qaalliittii Waggaa tokkoo oliif badii tokko malee hidhamee dararamaa kan turee fi yeroo garaagaratti mana hidhaa lixaa Shaggar magaalaa Amboottis hidhama kan ture yoo ta’uu, Guyyaa har’aa kanas badii tokkoo malee  FDG Qeerroo  Bilisummaa Oromoo gaggeessa jiru qinddeessiteetta jechuun yeroo dheeraa erga hordofamaa ture, ammas humnoota tikaa mootummaa Wayyaanee EPRDF/TPLF’n guyyaa hardhaa ukkanfamee  eessa buuteen isaa hin beekamne.

Sabboonaan  Qeerroon barataan Oromoo kun FDG Qeerroon Bilisummaa Oromoo biyyattii keessatti qindeessee gaggeessa jiru keessa harka qabda  sabaabaa jedhuun  nannoo dhaloota isaa Godina Lixaa Shaggar Magaalaa Amboo kolleejjii  Rifti Valley Amboo utuu barachaa jiruu yeroo sochii Warraaqsaa FDG bara darbee  Ebla 2014 Qeerroon barattootni fi uummatni Oromoo sirna bittaa Wayyaanee balaaleffachuun mormii guddaa gaggeessa turanitti FDG kana qindeessuu keessa harka qabda jechuun naannoo dhaloota isaa magaalaa Amboo irraa baqachiifame ,barnoota isaas akkatti baratuu dhabuun haala baay’ee rakkisaa ta’ee keessatti  gara magaalaa Dirree Dawaatti  barnoota isaa itti fufuuf akkuma Koolleejjii Rift Valley Damee Dirree Dawaatti galmaa’ee barnoota eegaletti  hordoffiin humnoota tikaa fi dabballoota Wayyaanee itti jabaachuun  akka barnoota isaa itti fufee barachuu hin dandeenye  dhorkatame akkatti baratuu dhabuun  gara magaalaa Finfinneetti deebi’uun hojiilee wardiyummaa fi hojiiwwaan humnaa garaagaraa hojjechuun utuu of jiraachisuu  guyyaa hardhaa humnoota tikaa mootummaa EPRDF/TPLF’n ukkanfamee eessa buuteen isaa dhabamee jira. 097_001

Ilmaan Oromoo biyya abbaa isaanii keessa jiraachuu dadhabuun Mootummaan Wayyaanee diina itti ta’uun mirga namummaa fi dimookiraasii mulqamnee guyyaa irraa gara guyyaatti ilmaan Oromoo ukkaanfamaa jiraaniif dhaabbileen mirga namummaa addunyaa fi mootummootni gamtooman uummata Oromoof dirmachuu qabu, ilmaan Oromoo biyyoota garaagaraa keessa jirtan dhaabilee Idil-Addunyaa mirgoota namummaa kabachiisan  hundatti akka uummata keenyaaf iyyaannu Qeerroon bilisuumma Oromoo dhaamsa dabarsa.

 

Raadiyoo Sagalee Oromoo Qophii Caamsaa 4,2015

Aside

Kibba Lixa Shaggar Aanaa Daawoo Magaalaa Buusaa Keessatti FDG Ka’een Wal Qabatee Dargaggoonni Oromoo 16 Seeraan Ala Hidhaman.

Aside

Caamsaa 4,2015 Gabaasa Qeerroo Magaalaa Buusaa

Daawoo Because I am OromoGodina Kibba Lixa Shaggar Aanaa Daawoo magaala Buusaa keessatti gaaffiin mirgaa uummanni kaasaa jiru daraan kan isaa sodaachisee dhaamsuuf mootumman Abbaa Irree  Wayyaanee hidhaa fi dararaa ilmaan Oromoo irratti duulaa jira. Qeerroon Aanaa Daawoo magaala Buusaa sodaa tokko malee mirgaa Abbaa biyummaa Oromoo yaa kabajamuuf gaafata jiran dhaamsina duulaa jedhuun ilmaan Oromoo Oromummaa isaaniin yakkuun dargagoota Oromoo 16 gaafa Caamsaa 1 bara 2015 mana hidhaatti guuree jiraachuu fi dararaa hamaa irraan gahaa jiraachuu Qeerroon gabaasa.

Dargaggoota Oromoo hidhaman keessaa:-

  1. Zarihun Kaasahuun kan yeroo dheeraaf mana hidha Maikalawii fi Qaallittiiti dararama ture .
  2. Darajjee Qananii
  3. Asbiree Qananii .
  4. Ayyaanaa(Admasuu)Abbabaa mana isaa waa takkaa osoo hin hambisiin sakkata’iinsa gocha seeraan ala irraatti rawwaatanii turaan.
  5. Wasihuun Qananii
  6. Darrajjee Hayilee
  7. Shittoo Hayilee
  8. Damisuu Hayilee
  9. Abbabaa Getahuun
  10. Warquu Gurmessa
  11. Guddisaa Baayechaa
  12. Shamballii Margaa
  13. Dajanee Gaarii

Kanneen jedhaman akka keessatti argaman Qeerroon Magaala Buusaa irraa gabaase

 

 

“Dinne Didaa Dhaammadha” Wallee Warraaqsaa Oromoo /Bashannanaa Ebla 2015

Aside