Gabaasa Qeerroo Amboo,Caamsaa 3,2015
Godina Lixaa Shaaggar Aanaa Calliyaa Geedoo, Iluu Galaanii fi Aanaa Midaa Qanyiitti FDG Uummataan itti fufe, Uummatni hojii idilee isaa dhaabuun dabballoota, basaastoota fi kaabinoota Wayyaanee fi Ergamtuu wayyaanee OPDO ergama diinummaa butatanii gandoota keessa fiiguun nu filadhaa jechaa jiran dura dhaabbachuun uummatni FDG irratti kaachisuun isin hin barbaadnu jechuun mormii guddaan dura dhaabbatan, Mootummaan Wayyaanee EPRDF/TPLF/OPDOn sochii uummataa irraa naasuu guddaa keessa seenuun humna hoomaa Waraanaa Uuumatatti bobbaasuun uummata goola jira. Warannii guddaa wayyaanee dhihaa Oromiyaa magaalotaa fi Aanawwaan sochiin uummata keessatti jabachaa jiruu irra qubsiifamaanii uummata goolaa jiran kun sadarkaa afuuritti qoodamu:
1ffaa Humna Waraanaa raayyaa Ittisaa biyyaa
2ffaa. Humna waaraanaa Addaa kanneen ( liyyuu Hayiilii fi special kumandoo)
3ffaa. Kora bittinneessa kan maqaa addaa (Ademaabetanyii) jedhamuun beekamuu fi
4ffaa Humna Poolisii Federaalaa kaanneen jedhaman dhihaa Oromiyaa magaalotaa fi Aanotaa garaagaraa irra qubsiifamuun uummata goolaa jiru. Keessattuu guyyaa haraa mormii guddaa uummatni Oromoo guyyaa hardhaa sirna abbaa irree wayyaanee EPRDF/TPLF/OPDO jalatti hin bulluu jechuun Uummatni fi goototni dargaggootni qeerroon barattootni Oromoo Aanaa Calliyaa Magaalaa Geedoo, Iluu Galaan Magaalaa Ijaajjii, fi Midaa qanyii Magaalaa Baallaammii fi gandoota baadiyyaa keessatti uummatni fi darggaggootni Oromoo waliitti dabalamuun Mootummaan bara darbee guyyaa saafaa dhukaasee nu ajjeesaa ture, seeratti dhiyaachuun utuu itti nuuf hin gaafatamiin, yeroo amma kana immoo kabinoota dabballootaa, basaastoota isaa nutty bobbaasuun yoo nu filachuu baattaan hin jiraattan jechuun haalan kan uummata dheekkamsiise waan taeef Mootummaan yakkamaan filannoo dimookiraasii gaggeessuu hin dandauu gaggeessees hin beeku, waan taeef seeraatti nuuf dhiyaachuu qabu malee ololaa filannoo fakkeessiin gurraa keenyaa duuchuun dhaabbachuu qaba, nuti dimookiraasii barbaadanna, mirgii keenya waraanaan ukkanfamuu hin qabu, jechuun uummatni sagalee mormii sirna wayyaanee irratti dhageessisa jiraachuu madden Qeerroo Geedoo irraa gabaasan
Haaluma Walfakkaatuun dorgomtootni paartii KFO uummatni baee mirga isaa akka kabachiifatuuf guyyaa haraa magaalaa Geedoo irratti walgaii uummata akkuma waamaniin Magaalaan Geedoo kaleessa galgala irraa eegaluun humna waraanaa guddaan qabamtee bulte.



