Sagalee Qeerroo Bilisummaa Qophii Caamsaa 1, 2015

Aside

SBO Caamsaa 03 Bara 2015.

Aside

Oduu,Gabaasa Oduu sirna yaadannoo waggaa 1ffaa dhumaatii magaalaa Amboo fi sanaan walqabatee sochiilee jiran, dhimmuma kanaan walqabatee gaaffii fi deebii barattuu mana barumsaa sad.2ffaa Amboo Ayyaantuu Caalaa waliin gaaffii fi deebii geggeeffame akkasumas Qophiilee adda addaa…

Galmee Barattoota Oromoo Ebla 2014 Keessa Mootummaa Wayyaanee(Itiyoophiyaan) Ajjeefamanii fi Hidhamanii.

Aside

Gaaffii Mirgaa Ummatni Oromoo Kaaseef Deebiin Mootummaan Wayyaanee Keenne Gocha Suukkannee Dha!!
Oromo oromiaBaatii Ebla 2014 irraa kaasee uumanni Oromoo guutummaa Oromiyaa keessaa roga maraan gaaffi mirga abbaa biyyummaa fi kan nagaa
democracy gaafachuuf jecha hiriira karaa nagaa bahan,manneen barnootaa sadarkaa ol aanoo fi gadii akkasumas magaalaa fi baadiyaa
Oromiyaa keessatti Oromoonni kitiliin lakkaawam hiriira bahuun nagaan sagalee isaanii aduunyaatti dhageessifataa turan.Uummata
meesha maleeyyii bishii coqorsaa baatee nagaan hiriira bahee mirga isaa falmatuuf mootummaan gaafatama fudhatee deebii karaa nagaa
kennu dhibnaan Wayyaanee kan uumaticha anatu si bulchaa fi anatu nageenya keetiif gaafatama jedhu uumata nagaa irratti raasaasa
roobsuun Oromoota heddumminaan fixe,kaan hidhaatti guure,garii madeesse,kaan biyyaa baqate. Gochaan kun gochaa sukkanneessaa
ta’uu irra darbee uumata Oromoo qabsoo mira dhala namaa fi abbaa biyyummaaf godhu daran jabeessee akka itti fufu taasisee jira.
Sochiilee uumati Oromo nagaan bahee mirga isaa gaafatu kanaaf deebiin rasaasa Wayyaaneen Oromoota ajjeefaman,madaayanii fi
hidhaman seenaa isaanii waliin galmeessuun itti fufee jira.Hanga ammaatti Oromoonni 2600 ol mana hidhaa jiru,hedduun wareegamanii
jiru,gariin madaayanii jiru. Dhimma kana irratti Qeerroon Bilisummaa Oromoo galmee Oromoota kanaa maqaa fi seenaa isaanii guutuu
galmeessaa jira.Hamma ammaatti warra galmaayee gabatee itti aanu keessatti kaayaa warra hafan ammo yeroo gabaabaa keessatti akka
xumuru ibsa isaa kaan addeessa. Guutuu Galmee Kanaa:- 

Galmee Oromoota FDG Irratti Wareegamanii fi hidhamanii ykn madaawanii

List of Oromos killed and detained compiled July 05 2014 compiled by Qeerroo

Dachiin Oromiyaa Wallagga,Aanaa Giddaa Kiramuu Lafa Hangar Guttiin Jedhamu Bulchiinsa Naannoo Amaaraa Jala Galchuuf Mootummaan Federaalaa Qophii Xumurachuun Beekame.

Aside

Caamsaa 2,2015 Gabaasa Qeerroo Naqamte.

Angar GuttiinBara bulchiinsa Dargii keessa bara 1969 ALA   mootummaan Dargii yerosii uummata Habashoota Kaabaa irraa sababaa beelaa fi qubsuma jedhuun lafa gabbataa fi bosona kan ta’e Wallaggaa, aanaa Giddaa Ayyaanaa lafa baldhaa Hangar Guttiin jedhamu bulchiisa Oromiyaa jalaa baasanii bulchiinsa naannoo Amaaraa jala galchuuf qophii xumurachuun mootummaa Wayyaanee keessa beektota aangawoota Wayyaanee dubbatan.

Akka keessa beektonni saaxilanitti dacheen Oromoo kun aanaa Giddaa Ayyanaa jalaa bahee Aanaa Hangar Guttin jedhamee moggaafamuun itti waamama mootummaa Amaaraaf akka ta’u kan murteesse mootummaa Feedareaala Itiyoophiyaa yeroo ta’u hala kana  uummati Oromoo kan falmu yoo ta’es mootummaan Wayyaanee akka humnaan dura dhabbachuuf deemu ammaan dhadachaa akka jiru keessa beektonni ibsaa jiru.

Haalli kun akkasitti kan itti fufu taanaan uummanni Oromoo baha Oromiyaa fi Kaaba Oromiyaa irraa akka qabeenyaa fi lafa isaa dhabaa deemu beekamaa waan ta’eef  uummati Oromoo waliigalatti gaaffii master pilaanitti dabalee FDG alaa fi keessaan qindeeffachuun dachii Oromiyaa falmachuun barbaachisaa ta’uu Qeerroon gabaasa.