Godina Wallagga Ona Haroo Limmuu Keessatti Warraaqsa Bilisummaa Ka’een Loltooti Wayyaanee Naannciha Qubatan,Oromoota 40 ol Hidhanii Jiru.

Aside

diddaa9Ebla 30,2015 Godina Wallagga Onaa Haroo Limmuutti fincillii diddaa garbummaa uummataan qabsiifame jabaatee itti fufe, poolisoota Wayyaanee fi uummata mootummaa Wayyaanee TPLF balaaleffachaa jiru gidduutti walitti bu’insa uumameen uummanni Oromoo Wayyaanee balaaleffachuun poolisoota Wayyaanee ergama diinummaa fudhatanii socho’aa jiranii fi uummata reebaa jiran dhagaan tumee of irraa ittisuun gaaffiin mirgaa gaafatamaa jiruuf hidhaan deebii ta’uu hin danda’u, gaaffiin uummata keenyaa bakka hundaa ka’aa jiruu nuuf deebi’uu qaba, lafa dimookiraasiin hin jirreetti nuti filannoo fakkeessii fi sobaa keessan hin barbaadnu jechuun uummanni mormii guddaa kaachisee jira.

Mootummaan Wayyaanee mormii kana irraa yaadda’uun humna waaraanaa dabalataa gaafachuun yeroo ammaa kana waraannii guddaan Onaa Haroo Limmuu qubsiifame jira, diddaan uummataa immoo ittumaa jabaachaa jira. Ergamtootni lukkeeleen Wayyaanee OPDO’n ergama diinummaa fudhachuun uummata nagaan mirga isaaf falmachaa jiruu irra waraannii Wayyaanee dabalataan akka ergamuuf gaafachuun uummata irra waraana qubsiisuun uummata basaasuu irratti kan xiyyeeffatan.:

1.Asafaaa Baqalaa bulchaa Onaa Haroo Limmuu,

2.Kaffalee Maammoo dhimmaa nageenyaa fi hogganaa milishaa Onaa,

3.Mokonnoon Raggaasaa ajajaa poolisa Onaa Haroo Limmuu uummata rakkisaa jiru,

  1. Namarraa Bulii itti gaafatamaa dhaabbata OPDO kan godina wallagga bahaa kanneen jedhaman uummata irratti waraana gaafachuun waraana uummata irra qubsiisa jiraachuun gabaafamera. Diddaa kanaan walqabatee uummanni Oromoo 40 olitti lakka’aman mana hidhaa waajjira poolisii Onaa Haroo Limmuutti darbatamanii jiraachuun gabaafame jira. Maqaa namoota hidhatti darbamanii adda baasuun
    kan isin qaqqabsiifnu ta’a.

Sagalee Simbirtuu Qophii Ebla 30,2015

Aside

Warraaqsa Bilisummaa Yuuniverstii Wallaggaa Keessatti Qabateen Aangawoonni Wayyaanee Barattoota Hidhanii Qorataa Jiraachuun Gabaafame.

Aside

Gabaasa Qeerroo Naqamte,Ebla 30,2015

33Ebla 30,2015 FDG Yuunibarsiitii Wallaggaa keessatti ka’een wal qabatee barattooti Oromoo qoratamaa jiraachuu Qeerroon gabaase.

Yaadatnoo barattoota Oromoo warraaqsa Bilisummaa irratti Ebla 2015 dhufamiif jecha Qeerroon Yuuniversitii Wallaggaa yaadannoo taasisaniin wal qabatee kan baarage mootummaan Wayyaanee, warreen sochii warraaqsaa kana adda adurummaan qindeessitan jedhee yakka seeraan alaa yakke barattoota shan mooraa Yuuniverstii keessatti hidhee qorataa akka jira.

Haala kana keessatti Presedat Yuuniverstichaa Dr Eebbaa dabalatee kaabinootaa fi  Tikoonni Wayyaanee barattoota maqaan isaanii armaa gadii yeroo ammaa kanatti akka qorataa jiran Qeerroon gabaase.

  1. Murteessaa Kaasaa Dhugaa Barataa Hydraulics Waggaa 3 ffaa
  2. Keeraaji Mootummaa, Barataa constriction waggaa 3ffaa
  3. Gadaa Latii Dhaabaa, Barataa hydraulics Waggaa  5ffaa
  4. Oromiyaa Moosisaa, Barataa saayinsii ispoortii Waggaa 3ffaa
  5. Moyiibul Misgaanuu, Barataa veterinary laaboraatoorii  Waggaa 2ffaa
  6. Maatii yommuu Barataa fayyaa wagga 4ffaa

Kanneen ta’an akka ta’e gabaasi addeessa

Yuuniversitiilee Oromiyaa 7 fi Bakkoota Adda Addaa Keessatti Warraaqsi Bilisummaa Qeerroon Qabsiifame Jabaate.

Aside

Gabaasa Qeerroo diddaa dhaabbilee barnootaa har’a Ebla 30,2015 keessatti gaggeessaa ture.

diddaa9Oromiyaa keessatti wayita ammaa uummata Oromootiin, barattootaan, hojjetaa mootummaatiin yeroo garaagaraatti finiinaa jira. Diddaa hanga dhuma mootumma Wayyaanee itti gochuutiin, keesssattuu barri kun keesumaa baatiin kun mootummaa Wayyaaneef sodaa guddaadha, bara xumura isaa tahuu, dhuma aangoo mootummaa Wayyaanee fi bara qabsoon oromoo injifannoo itti argattuudha. Qeerroon Bilisummaa torbee kana keessa manneen barnootaa, Yuuniversitii fi Koollejji garagaraa keessatti diddaan akka baarragu dhaammataa ture,waggaa darbe yeroon kun/ baatiin kun uummata oromoof yeroo gaddaa fi barabaraan yaadatamaa deemuudha.  Guyyaa Har’aa Ebla 30/2015 Yuuniversitiilee garagaraa keessatti barattootni barumsa dhaabuudhaan, hucuu gaddaa uffatuun gadi bahanii guyyicha adda taasisuun kabajuu fi FDGs adeemsisuu irratti dhaamsa Qeerroo torbeewwan kana keessa dhaamamaa tureedha.  Odeessa Qeerroo Yuuniversitii irraa argameen tokko tokoon akka kanaa gadiiti.

Gabaasa Guutuu Argaachuuf PDFn:- Gabaasa Diddaa Barattoota Ebla 30 2015

Godina Lixa Shaggar Magaalaa Amboo fi Naannoo Midaaqenyii Irraa Mootummaan Abbaa Irree Wayyaanee EPRDF Humna Poolisii Federaalaa Bobbaasuun Ilmaan Oromoo Nagaa Hidhaatti Ukkaamsaa Jiraachuu Qeerroon Gabaase.

Aside

Mootummaan Wayyaanee Duula Oromoo Dararuu Baranas Ambotti Bobba’e!!

Because I am OromoGodina Lixa Shaggar Magaalaa Amboo fi Naannoo Midaaqenyii Irraa Mootummaan Abbaa Irree Wayyaanee EPRDF Humna Poolisii Federaalaa Bobbaasuun Ilmaan Oromoo Nagaa Hidhaatti Ukkaamsaa Jiraachuu Qeerroon Gabaase.

Haaluma kanaan Ebla 29 fi 30,2015  sabboontotni Qeerroon barattootni Oromoo ukkanfamanii mana hidhatti darbamani jiran

  1. Getachoow (Gadaa) Darajjee bara darbe  Yuunibarsiitii Jimmaa irra kan eebbifamee fi Yuunibarsiitii Jimmattis Oromummaan Yakkamee dararamaa kan ture.
  2. Dargaggoo Taarikuu Deebisaa asiin fuldura mana hidhaa qaallittii keessatti badii tokko malee hidhamuun waggaa 3 turee kan bahe.
  3. Barsiisaa Biraanuu kan jedhamu Yuunibarsity  Refit Valley damee Ambootti itti aanaa Dean kan ta’ee,
  4. Magarsaa Mashashaa Ayyaanaa Ogeessaa  fayyaa yuunibarsiitii Amboo fi barataa Yuunibarsiitichaa kan ta’ee,
  5. Dargaggoo Mararaa Tujubaa jiraataa magaalaa Amboo kan ta’ee,
  6. Dargaggoogoo Abdataa Olaansaa jiraataa magaalaa Amboo asiin fulduraasa yakka tokko malee mana hidhaa qaallittiitti hidhamee dararamaa kan ture.
  7. Barataa hoomaa Hundeessaa, barataa kolleejjii
  8. Abdataa OLaansaa
  9. Argamsiisaa Leenjisaa, barataa civil emngeering  waggaa 4ffaa barataa Yuunibarsiitii Amboo kanneen keessatti argaman ilmaan Oromoo hedduun Amboo irratti  badii tokko malee Oromummaan yakkamuun hidhatti kan guuraman yoo ta’uu.

Kana malee aanaa haaluma wal fakkaatuun barattootni oromoo Aanaa Midaa Qanyii M/B Ballammii sadarkaa 2ffaa fi qophaa’ina irraa hidhatti darbamuun dararamaa jiraan ibsame jira, kanneen hidhaman keessa kan maqaan nu qaqqabe jiru,

  1. Misgaanuu Deebisaa barataa kutaa 12ffaa
  2. Sisaayi Lammeessaa
  3. Dargaggoo Galataa Caalumaa  hojii dhuunfaa isaa hojjetatee kan jiraacha jiru
  4. Cimdeessaa Muxxaas barataa kutaa 12ffaa fi asiin fuldura waggaa sadiif mana hidhaa qaallittii dararamaa turee kan bahee amma immoo barnoota utuu barachaa jiruu kan qabame dabalatee ilmaan Oromoo hedduun hidhatti darbamanii dararamaa jiraachuu madden keenya Lixa Shaggaar Amboo irraa gabaasan.

Mootummaan abbaa irree tooftaa diinummaa isaa ilmaan Oromoo irratti fudhachaa kan jiruu yoo ta’uu adeemsii kun ittumaa ilmaan Oromoo gara qabsoo warraaqsaa FDGtti kan kakkaasuu fi ittumaa mootummaa Wayyaanee dhiphina keessa galcha kan jiruu ta’uu isaa fi ilmaan Oromoo ifatti hidhaan, ajjeechaan, doorsifnii fi barnoota irraa arii’amuun FDG gaggeessa jirruu irraa duubatti nu hin adeemsisuu, uummatni keenyaa bakka jirtan hundaa harka walqabatnee FDGtti  haa jabaatnu  jechuun dhaamsa dabarsatan.

 

Hammaatinna,Hammaatinnaa Laataa?? Hawwisoo Qeerroo Bilisummaa Ebla 29,2015

Aside