TPLF Deggeruun “Warqee” OLF Deggeruun “Dhiphoo” Maaliif Jechisiisa?

Aside

Dhaadannoo ABO Faana Hiriiree Kan Jiru Eenyu? Saba Oromoo ti.

Kun Maal Irraa Kan Madde? Ilaalcha Dhiphummaa Ummatichaa Irraahi.”

Abbaay Tsahaayyee (Gorsaa Muummicha Ministeeraa Itoophiyaa)

Malkaa Caffee Irraa

barruuUmmata dhiisii dachii dhuunfadhu, lamaanuu dhabda. Dachii dhiisii Ummata qabadhu, Lachuu qabaatta/argatta.” jedha yaadni tarsiimoo qabsaawota Chaayinaa tokko. Bu’uuressitootnii fi hoogganootni TPLF (Tigray People Liberation Front) miidhaa mootummoota Itoophiyaatiin (Dargii fi warra isa dura turan) Ummata Tigiraay irra gahaa ture hambisuuf oggaa qabsoo jalqaban Ummatni Tigiraay Kaayyoon TPLF waan isa amansiiseef jecha jaalalaa fi deggersa guutuu kenneefii isaan faana hiriire. Deggersa cimaa Ummata Tigiraay irraa argataniinis (haalli mijjataa fi deggersi gara biraa irraa argatanis haa jiraatu malee) bakka har’a jiran kana dhaqqaban. Ummatni Tigiraay TPLF faana hiriiree qabsoo gaggeessee fi wareegama baaseen bu’aa/faayidaa gama polotikaa, dinagdee fi hawaasummaa hedduu argatetti dabalee jajjabeessaa fi faaruu afaanii kan miira qor-qalbii isaa gammachiistu “Ummata Warqee/Meeta” (ወርቅ ሕዝብ) jecha jettu badhaafameera. Jecha faaruu kana Ummata Tigiraayiin kan badhaasan gaafa lubbuudhaan jiran (Bakka jiranitti gatiima hojii isaanii haa kennuuf) Obbo Mallas Zeenaawwii turan.

Haaluma fakkaataadhaan Ummatni Oromoos bu’uureffamuu ABO irraa eegalee Kaayyoon ABO daandii gara Bilisummaatti isa geessu tahuu waan amaneef jaalalaa fi deggersa isaa Dhaaba kanaaf arjoomuutti jira. Dhaabotni kun lamaan (TPLF fi OLF) walumaan Ummata isaanii hiriirsanii Mootummaa Dargii kuffisuu keessatti qooda gurguddaa kennan. Oggaa Mootummaa Dargii kuffisanis walumaan Mootummaa Yeroo Cehumsaa dhaabanii haala Sirni Empaayerummaa Itoophiyaa diigamee mootummaan Ummatootaa itti hundeeffamu (haala mirgi hiree murteeffannaa Ummatootaa itti fiixa bahee naannichatti sirni haqaa fi dimokiraatawaan gadi dhaabbatee nageenyi waaraan mirkanaawu) irratti hojjechuu jalqabanii turan. Yeroo yaalii gabaabduu sana keessatti Dhaabotni lamaan mata mataatti Ummatoota bakka bu’anii dhufan biratti, waloodhaan ammoo Ummatoota Empaayerattii hunda biratti dhageeytii, jaalalaa fi deggersa (sadarkaa fi ayinaan isaa haa wal cacaalu ykn. buburratu malee) horatanii turan jechuun ni danda’ama. Dhiphina TPLF

Keessa OPDO Ilaalchisee Qophii Addaa Sagalee QEERROO Bilisummaa Oromoo Irra,Bitootessa 28 2015

Aside

Qophii Addaa Gamaggama Keessa OPDO Ilaalchisee, Gaaffii fi Deebii Dargaggootoo Abdii Bosona Baalee Waliin Taasifame.

Warraaqsi Bilisummaa Dargaggoota Oromoon Qabsiifame Godina Iluu Abbaa Booraa Magaalaa Aggaaroo fi Aanaa Adda Addaatti Itti Fufuu Qeerroon Gabaase.

Aside

diddaa9Bitootessa 28,2015 Godina Jimmaatti FDG gootota dargaggoota barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaan qabsiifame jabaachuun gara uummataa magaalaa fi baadiyyaa Godina Jimmaatti babaldhachuun guyyaa har’aa Warraaqsi FDG Magaalaa Aggarootti kabaja ayyaana waggaa 25ffaa dhaaba ergamtuu Wayyaanee OPDO irratti uummatni FDG kaachisuun Ayyaanni Wayyaaneen qophaa’ee mormii guddaan fashalaa’e. Mootummaan Wayyaanee OPDO ‘n guyyaa har’aa Magaalaa Aggarootti maqaa guyyaa 25ffaa ayyaana Wayyaanee OPDO’n qopheessitee
uummata dirqamaan hojii isaanii dhaabanii akka irratti hirmataaniif humnaan baasteetti Uummatnii fi Goototni barattootni Oromoo M/B sadarkaa 2ffaa fi Qopha’ina Aggaaroo, M/b sadarkaa 1ffaa magaalaa Aggaaroo fi Koolleejjii Tekinikaa fi Ogummaa Aggaaroo fi Uummatni Oromoo fi sabaa fi sablamootni Magaalaa Aggaaroo, Magaalaa Gembee fi baadiyaa Aanaa Goommaa fi Aanaa Toobbaa irraa uummatni dirqamaan maqaa ayyaana hundeeffama dhaaba maxxannee fi ergamtuu wayyaanee OPDO waggaa 25ffaa kabajuu jedhuun Isteediyeemii Aggarootti uummatni kumootan lakka’amu walitti dhufuun mootummaa Wayyaanee dirqamaan fedhii uummataa malee doorsisee mana baasetti garagaluun mootummaa Wayyaanee irratti FDG kaachisaan.

Goototni Qeerroon dargaggootni barattootni magaalaa Aggaaroo fi aanaa Goommaa sagalee dhaadannoo dhageesisuun mootummaa Wayyaanee balaaleffachuun olola Wayyaaneen maqaa Filannoo kijibaan ofaa jirtuu irraatti uummaatni nuti Wayyaanee OPDO hin filannuu, Dimookiraasiin hin jiru, olola wayyaanees hin barbaadnu, mirgootni amatii keenyaa nuuf kabajamuu qaba, mirgii dimookiraasii fi namummaa nuuf haa kabajamuu, Oromoo hidhuun, ajjeesuu fi biyyaa irraa baqachiisuun dhaabbachuu qaba jechuun ifatti ba’ee uummatni Wayyaaneedhaan nuti isin hin filannuu isin hin barbaadnuu jechuun uummatni fi dargaggootni sagalee guddaan Wayyaanee balaaleffatan.mootummaan Wayyaanee walga’ii ofii isaan dirqisiisee uummata baase irrattii mormiin uummataa guddaan isa mudatee waan qabee gadhiisu dhabuun akkuma amala isaa humna poolisoota federaalaa, fi nannootti dhimma ba’uun uummata dura dhaabbate, dhukaasaa qawwee fi rookkeeta garaagaraa dhukaasuun uummaata sodaachisuuf dhukaasaa kan ture yoo ta’uu walga’iin maqaa ayyaana guyyaa dhaloota ergamtuu Wayyaanee 25ffaa kabajamuuf yaalames hoggansa Qeerroo bilisummaa Oromoo qindeessitoota warraaqsa sochii FDG karaa nagaa gaggeessuun mirga uummata Oromoo kabachiisuuf godhaniin sochiin mootummaa abbaa irree FDGtti jijjiramuun walga’iin wayyaanee bu’aa tokko malee mormii guddaan fashalaa’uu danda’e jira.

SBO Bitootessa 29 Bara 2015.

Aside

Oduu, Ijoo Dubbii ABO, Gaaffii fi Deebii Miseensa KHR – ABO Jaal.Jabeessaa Gabbisaa waliin geggeeffame, Sochii FDG Giddu gala Oromiyaa gara Lixaa keessatti deemaa jiru ilaalchisee gaaffii fi deebii dargaggoo Kaayyoo Dhugaa kutaa xumuraa fi Qophiilee biroo of keessaa qaba.

“QARA DHUGAA” Fiilmii Afaan Oromoo Do’ii Gabaabaa Haaraa Bara, 2015

Aside

Dargaggoo Bunguli (Abdiisaa)Haayilee Dararama Mana Hidhaa Keessatti Wayyaannonni Irraan Gahaniin Wareegame.

Aside

Seenaa Jaal Abdiisaa Hayilee (1986-2015)

Jaal Bunguli (Abdiisaa) Hayilee abbaa isaa obboo Hayilee Dagabaasaa Camadaa fi haadha isaa Aaddee Muluu Daammanaairraa Caamsaa 14/1986 A.L .O. ti Godina Shawaa Lixaa Aanaa Jibaat ganda Gaamoo Hadaadiitti dhalate. Yeroo umuriin isaa barnootaaf gahutti, barnoota isaa sadarkaa 1ffaa achuma aanaa Jibaat mana barumsaa iichaa hadaadiitti xumure. Barnoota isaa sadarkaa 2ffaa mana barumsaa shanan sadarkaa lammaffaatti barachuun qormaata biyyoolessaa(kutaa 10ffaa) qabxii giddugaleessaa galmeessissuun gara kolleejjii teknikaa fi oggummaa Ambootti ogummaa seeraa barachuu eegale. Ogummaa seeraa baratee osoo jiruu carraa hojii waan hin arganneef ogummaa dhuunfaa isaa hojii ijaarsaa garaa garaatiin biyyoota adda addaa deemee  hojjachuu eegale. 

Jaal Abdiisaan nama qajeelaa dhaabbii fi ilaalchi isaa namatti tolu ture. Hawaasa naannoo isaa biratti taphataa kubbaa milaa cimaafi farda gulufuun beekama. Jaal Bunguli (Abdiisaa) bara 2014 yeroo ummanni Oromoo daangaa lafa Oromiyaa falmatu mirga saba isaatiif nama of kennee falmaa turee dha. Sababa kanaanis hiriira seeraan alaa gaggeesite; jeequmsaaf ummata kakaafte jedhamee yeroo dheeraaf hordofamaa ture. Innis hordoffiin itti hammaannaan bakka jireenyaa jijjirachuun  jiraataa ture. More:- http://oromedia.net/

Seife Nebelbal Radio, March 27, 2015

Sagalee QEERROO Bilisummaa Qophii Bitootessa 26,2015

Aside

Cooma Mana Oromaa Irraa Raafuu Haadha ofii Wayya

Ibsa Qeerroo Bilisummaa

Simbirtuu: Oduu fi Qophii Imalaa. Imalli waa’ee biyya galuu fi bahuu ADO irratti xiyeeffata.

Aside

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast, March 25, 2015

Aside

Sagantaaleen keenya Tibbanaa fi Mala jireenyaa ti: Tibbannaan keenya haráa Waaée gara Itoophiyaatti galuu fi bahuu Ob Leencoo Lataa fi paartii isaanii irratti xiyyeeffata.

Filmaataaf Jecha Jijjirraa Kabeebsaan Uummata Oromoo Alaa fi Keessaa Goyyomsaa Kan jiru EPRDF/OPDOn, Abbootii Warraa 20 Ammoo Buraayyuu Keessaa Manneen Jireenyaa Irratti Diigan.

Aside

Gabasaa Qeerroo Bitootessa 25,2015 Buraayyu

17383_705293762915103_2083580466473594137_nKaleessaa Bitooteessa 24,2015 Magaalaa Buraayyuu keessaa Manneen jireenyaa abbootiin warraa lakkoofsaan maatii 20 ol ta’anii diiguun uummata  Oromoo jiraattota naannoo dirree irratti hambisee jira.10941521_705293766248436_3685175036991507200_n

Dh.D.U.O’n yeroo ayyaana dhaloota isaa biyya Tigray keessatti dhalate kabajataa jirtutti uumata Oromoo harka qalleeyyii kanneen hojii humnaa guyyaa hojechuun mana ijaarratan dachi irraa fudhachuun inversterootaaf kennee guutummaatti naannichi akka diigamee Oromooti manaa fi qe’ee maleeyyii akka ta’anii hafan taasifamee jira.

Maatiin abbaa warraa 20 ta’an dachiin irratti mana ijaaratanii turan kun osoo isaan hin beekiin inversteroota alagaatti gurguramuun hattattamaan naannoo san irraa akka ka’anii fi manni isaaniis gaafa Bitootessa 24,2015 tuutummaatti diigamee lafi sun abbootii qabeenyaaf kennamee jira.  Haala kanaan maanguddoota, daa’imman, dubartootaa fi dhiiroota Oromoo bakka jireenyaa dhabuun daa’imman isaanii waliin halkan bineensaaf saaxilamaa jiru.