Sagalee QEERROO Bilisummaa Qophii Bitootessa 26,2015

Aside

Cooma Mana Oromaa Irraa Raafuu Haadha ofii Wayya

Ibsa Qeerroo Bilisummaa

Simbirtuu: Oduu fi Qophii Imalaa. Imalli waa’ee biyya galuu fi bahuu ADO irratti xiyeeffata.

Aside

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast, March 25, 2015

Aside

Sagantaaleen keenya Tibbanaa fi Mala jireenyaa ti: Tibbannaan keenya haráa Waaée gara Itoophiyaatti galuu fi bahuu Ob Leencoo Lataa fi paartii isaanii irratti xiyyeeffata.

Filmaataaf Jecha Jijjirraa Kabeebsaan Uummata Oromoo Alaa fi Keessaa Goyyomsaa Kan jiru EPRDF/OPDOn, Abbootii Warraa 20 Ammoo Buraayyuu Keessaa Manneen Jireenyaa Irratti Diigan.

Aside

Gabasaa Qeerroo Bitootessa 25,2015 Buraayyu

17383_705293762915103_2083580466473594137_nKaleessaa Bitooteessa 24,2015 Magaalaa Buraayyuu keessaa Manneen jireenyaa abbootiin warraa lakkoofsaan maatii 20 ol ta’anii diiguun uummata  Oromoo jiraattota naannoo dirree irratti hambisee jira.10941521_705293766248436_3685175036991507200_n

Dh.D.U.O’n yeroo ayyaana dhaloota isaa biyya Tigray keessatti dhalate kabajataa jirtutti uumata Oromoo harka qalleeyyii kanneen hojii humnaa guyyaa hojechuun mana ijaarratan dachi irraa fudhachuun inversterootaaf kennee guutummaatti naannichi akka diigamee Oromooti manaa fi qe’ee maleeyyii akka ta’anii hafan taasifamee jira.

Maatiin abbaa warraa 20 ta’an dachiin irratti mana ijaaratanii turan kun osoo isaan hin beekiin inversteroota alagaatti gurguramuun hattattamaan naannoo san irraa akka ka’anii fi manni isaaniis gaafa Bitootessa 24,2015 tuutummaatti diigamee lafi sun abbootii qabeenyaaf kennamee jira.  Haala kanaan maanguddoota, daa’imman, dubartootaa fi dhiiroota Oromoo bakka jireenyaa dhabuun daa’imman isaanii waliin halkan bineensaaf saaxilamaa jiru.

FDG Gootota Barattoota Oromoo Yuuniversitii Jimmaa Bitootessa 24, 2015

Aside