Gabaasa Qeerroo Adaamaa, Bitootessa 22,2015
Maqaa ayyaana hundeeffama DhDUOn wal qabsiisanii Oromiyaa naannoo diddaan uummataa itti jabaate keessatti uummata walgayii yaamuudhaan diddaa Qeerroo dura dhaabbachuuf karoorri OPDO bakka ayyaana itti kabajatan keessatti uummanni argamuu diduun, kan argame miseensuma isaaniin gaaffii mirgaatiin muddamuun tasgabbii dhabuun ayyaanichi haala yaadaniin hin kabajamin feshala’e.
Akka gabaasi Qeerroo Adaamaa irraa har’a Bitootessa 23 addeessuun guyyoota 4n darbab irraa kaasee maqaa ayyaana hundeeffama DhDUOtiin dahatanii ergama isaanii bahuu fi akkasuma diddaa Qeerroon oromiyaa keessatti gaggeessuun mootummaa nama nyaataa Wayyaanee dura dhaabbachaa jiru feshelsuu kan kaayyeffatanii ka’an, dabalataan dhimma filannoo barana dhufu irratti nagaadhaan milkeessuuf dursanii uummata waliin nageenya irra keessi sobaan dibame keessatti kabaja ayyaanicha gaggeessaa kan jiran naannoo garagaraatti akka karoorfatanitti uummanni Sirna EPRDF f ajajamee argamuu diduudhaan waan dhufaniif milkoomina dhabaa jiru, har’as magaala Adaamatti ayyaana kabajuuf kan argaman ergamtoota mootummaa Wayyaanee, OPDOn kanneen akka Dhaabaa Dabalee waldaalee dargaggoota waliin ayyaanicha kabajuuf kan achitti argame,akkasuma Zelaalem Jemane fi Milkeessaa Jaagamaa ayyaana kana kabajuuf magaala Adaamatti kan walgahan, kan isaan biratti argame miseensota isaanii kan tahanii fi deggertoota nama muraasaan hirmaatame, isaan deggertootni argamanis gaaffii dhimmi Master Pilani kaasuudhaan jarreen mootummaaf ergaman mataa cabsuudhaan sirni ayyaana isaanii akka yaadanitti kabajuu dhabuun feshalate.
uummanni magaalichaa fi naannoo ishee jiraatus irratti argamuu diduudhaan, akkasuma barattootni mooraa Yuuniversitii keessatti akka kabajamu bakka bu’oota dhaaba OPDO moorichaan labsame, labsiiman hafe, barataan maqaa ayyaana kana dhahu hin argamne, mooraa keessattis akka hin kabajamne barattootni mooraa yuuniversitii Adaamaa keessa jiran dhaamsa waliif dhaamuun barataan Oromoo mooricha keessatti argamu bakka kabaja ayyaana kana irratti namni tokko akka hin argamnee fi akka magaalatti uummataan kabajamuuf akeekamee deemames feshalaa’uu odeessaan Qeerroo magaala
Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk