Warraaqis Bilisummaa Barsiisotaa fi Barattoota Oromoon Eegale Itti Fufuun Wallagga Qeelloo Keessatti Torbaan Lamaaf Itti Fufe,Hojjettootii fi Barattooti 30 Olis Hidhaman.

Aside

Bitootessa 19,2015 Gabaasa Qeerroo Ebantuu 

DIDDAA 2Because I am OromoFincilli Diddaa Gabrummaa Guraandhala 27 irraa eegalee hanga Guyyaa har`aa Bitootessa 19,2015 tti itti fufee jira.

Diddaan Bitootessa 18-19 ,2015 deemeen  magaalaa fi manneen barnootaa irratti alaabaan ABO bakka bakkatti maxxanfamuu fi fannifamuun wal qabatee uumannii fi barattooti gamtaan ka’uun FDG magaala guutuu keessatti gaggeefamaa jira. Haalli kun gara malee kan isa rifachiisee fi naasise mootummaan Wayyaanee loltoota isaa magaalaa Naqamtee fi bakka adda addaa irraa gara sanatti bobbaasuun hojjettoota mootummaa fi barattoota sadarlaa 2ffaa baratan hedduu mana hidhaa hin beekamnetti funaanee geessee jira. Haga ammaatti Barsiisotaa fi barattoota 30 ol hidhaman keessaa hammi tokko maqaan isaanii:-

Barsiisoti hidhaman

  1. Warquu Tarrafaa Barsiisaa  mana barumsaa Qeelloo
  2. Taammiruu  Hinsarmuu Barsiisaa mana  barumsaa Qeelloo
  3. Tashoomaa asaffaa Barsiisaa mana  barumsaa Qeelloo

Barattooti mana marumsaa sadarkaa 2ffaa Qeelloo irraa hidhaman

  1. Biqilaa Raggaasaa barataa Kutaa 10ffaa mana  barumsaa Qeelloo
  2. Lateeraa Gammachuu barataa Kutaa 10ffaa mana barumsaa Qeelloo
  3. Gumuzee  Galataa barataa Yuunversiitii Mattuu irraa maatii gaafachuuf galee kan  hidhame
  4. Jireenyaa Galataa barataa kutaa 10ffaa mana barumsaa Qeelloo
  5. Daawit Dassee barataa kutaa 9ffaa mana barumsaa Qeelloo
  6. Abdannaa  Dassuu barataa Kutaa 8ffaa mana barumsaa Qeelloo
  7. Daawuti Fiqaaduu barataa kutaa 8ffaa mana barumsaa Qeelloo
  8. Getaanee Lamuu barataa kutaa 7ffaa mana barumsaa Qeelloo
  9. Fayyeeraa Mallasaa barataa kutaa 7ffaa mana barumsaa Qeelloo
  10. Gumuzee Dhinsaa Dargaggoo jiraataa magaalaa Qeelloo
  11. Dhaabaa Toleeraa Dargaggoo jiraataa magaalaa Qeelloo
  12. Fiqiruu Taaddasaa dargaggoo jiraataa magaalaa Qeelloo

Namootni maqaan isaanii  armaan olitti tarreeffame kun yeroo ammaa yakkaa fi badii tokko malee  Oromummaa isaanii qofaan yakkamuun Barumaa isaanii irraa ukkaanfamanii qee fi bakka jireenya isaanii hin beekamne.

FDG Barsiisotaa fi Barattoota Oromoon Qindaayee Deemu Itti Fufuun Godina Wallaggaa, Aanaa Jaardagaa Jaartee Magaala Aliboo Keessaa Barsiisotni Lama Hojii Irraa Arii’aman‏

Aside

Gabaasa Qeerroo Aliboo Bito,19,2015

DIDDAAGodina Wallagga, Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jaardagaa Jaartee keessatti duula na filadhaa gaggeeffamaa jiruun wal qabatee dura taa’aan mana Barumsaa Aliboo kan qophaa’inaa fi itti aanaan mana barumsichaa hojii irraa arii’amanii jiran. Hoogganaan mana barumsaa Obbo Amantee Raggaasaa fi itti aanaan mana barumsichaa Obbo Addunyaa Irreessoo kanneen jedhaman isin FDG deemsifamaa jiru keessaa qooda qabdu, barattootni akka fincilan kan kakaasu isini maqaa jedhuun yakkamanii hojii irraa arii’aman. Hooggana mana barumsaa kanaas Obbo Tasfaayee Yaadataa kan jedhamu bakka buusuu isaanii maddeen qeerroo gabaasanii jiran.

Mootummaan Wayyaanee FDG deemsifamaa jirutti kan baaragde hojjettoota magaala kanaa 12 armaan dura FDG deemsifame waliin dhimmi wal qabateen hojii irraa arii’uun ishees ni yaadatama.

Sagalee Seife Nebelbaalii fi Simbirtuu Qophii Bitootessa 19,2015

Aside

Gootonni Barattooti Oromoo Yuuniversitii Jimmaa Gaaffiin Ammaan Dura Gaafanne Waan Hin Deebineef Diddaa Nyaataa fi Barnoota Lagachuun Itti Fufan. Loltooti Wayyaanees Mooraa fi Naannicha Eeguu Jabeessan.

Aside

Gabaasa Qeerroo Jimmaa Bitootessa 20,2015

Bitootessaa 19,2015 Goototni Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa FDG qabsiisan jabeessuun gaaffii mirgaa fi dimookiraasii karaa nagaa dhiyeeffachaa jiraniif deebii sirriin nuuf kennamu qaba malee doorsifnii waraanaa, humnota tikaa fi poolisootaan nurratti godhama jiru deebii ta’uu hin danda’u nurraa dhaabbachuu qaba jechuun guyyaa har’aa fincila nyaata lagachuu itti fufan.

Goototni daragaggootni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa gaaffii mirgaa fi dimookiraasii karaa nagaa dhiyeeffachaa jirruuf doorsifni humna tikaa wayyaanee fi waraanaa nurratti gaggeeffamaa jiru deebii ta’uu hin danda’uu,jechuun fincila nyaata lagachuu fi barnoota lagachuun itti fufan, gaaffii keenyaaf warrii biyya bulchina jechaa Oromoo ajjeesisaa, hidhatti guursisaa fi dhiiga ilmaan Oromoo irraa dhaabachuun mootummaan keenya dimookiraatawaadha jechuun Filmaata sobaa wayyaanee keessatti hirmaachuun waan qabanii gadhiisan dhabaa jiran kanneen akka :

1. Muktaar Kadir dhufee Gaaffii keenyaaf Deebii kennuu qaba.

2. Dr Kabaa Urgeessaa deetaan ministeera barnootaa presidentiin Yuunibarsiitii Jimmaa duraanii kan turee fi Yeroo amma kanatti mootummaa wayyaanee bakka bu’uun filannoo kijibaa Wayyaanee keessatti qooda fudhachuun wayyaanee Oromoo hidhaa, ajjeesaa, fi barattoota Oromoo barnoota irraa arii’achaa jiru bakka bu’uun miseensa mana maree bakka bu’ota uummataaf dorgomaa wayyaanee ta’uun kan duula filannoo gaggeessaa jiru, yeroo gabaabaa keessatti argamuun gaaffii mirgaa fi dimookiraasii gaafachaa jirruuf deebii kennuu qaba jechuun barattootni Oromoo FDG nyaata lagachuun guyyaa har’aa jabeessuun itti fufan. Mootummaan wayyaanes Barattoota Oromoo qaroo qabeeyyii fi abdii uummataa ta’an doorsisuu fi waraanaa fi humna tikaa of harkaa qabuun doorsisuu itti fufe. Suuraan attach ta’e kun suuraa barattoota Oromoo nyaataa fi barnoota dhaabuun gaaffii mirgaa abbaa biyyuummaaf deebiin nuuf kennamuu qaba jechuun qabsoo warraaqsa FDG itti fufani jiranidha.

ABO Malee Wayaanee Hin Abdatiini

Aside

Ani Hin Dabne Irbuu Irraa,Maaliif Dugda Galte Ana Irraa?? (Hawwisoo Qeerroo)

Aside