Filmiin haala aja’ibsiisaan hojjetame, rakkoo fi bu’aa ba’ii sabni Oromoo keessa bahee fi keessas jiru kan muldhisu do’iin gabaabaa dhufaa jira.
“Qeerroo Bilisummaa”
Bitootessa 16,2015 Buusaa
Godina kibba lixa Shaggar aanaa Daawoo magaalaa Buusaa keessatti diddaa uummataa jabaachuun mootummaan Wayyaanee dargaggoota Oromoo fincilaaf uummata kakaastan jechuun hidhaati guuraa jira.Torbee darbee Dargaggoo Tamasgeen ( Galata) waaqoo hidhamu isaan wal qabatee Guyyaa har’aa FDG itti fufee deemeen dargaggoonni torba(7) mana hidhaati guuruu odeessi magaala Buusaa irraa har’a nu gahe addeessa.
Dargaggoota hidhaman keessaa Dargaggoo Mitikkuu Sobbooqaa kan jedhamu FDG qindeessite jedhamuun mana hidhaa magala Buusaa keessatti akka hidhamee jiru gabaasi addeessa.
Gabaasa Qeerroo Bitootessa 15,2015 Naqamte
Barattooti Oromoo Yuuniversitii Wallaggaa FDG bifa addaan baatii Bitootessa 2015 kana keessa eegalaniin kan baaragee tohachuu dadhabe mootummaan Wayyaanee gochaa hammeenyaa barattoota irratti dalagu itti fufuun hidhaa fi reebicha itti dabalee barattoota qaroo ta’an akka doorisifamanii fi Yuuniversitii irraa arihaman taasisaa jiru.
Diddaa barattooti Oromoo gaafa Bitootessa 14,2015 mooraa Yuuniversitii keessatti kaasaniin wal qabatee bakka bu’oonni Wayyaanee kanneen aangoo fi jireenya dhuunfaaf boololan dirqama mootummaa irraa fudhataniin barattoota tokko tokkoon waajira isaaniitti yaamanii akeekachiisaa oolanii jiru. Kanneen gochaa kana godhanis Dr,Eebbaa Mijanaa fi Gaafatamaa Tikaa kan ta’e nama Rabbirraa Abarraa jedhamu ta’uu barattooti Oromoo saaxilanii jiru. Namoonni kunis kufaatii mootummaa Wayyaanee jala sirna cunqursaa irra goranii barattoota Oromoo irratti shira kan hojjetan gantummaa sabaa haalaan hadhaawaa waan qabaniif ta’a jedhanii barattooti dubbatan,haalli kun ammo jara kanas ta’e kanneen saba isaanii gananii aangoo argachuuf jecha dabarsanii Oromoo kennaan irree warraaqsa uumata Oromoon akka moohaman beekamaa dha.
Barattooti FDG keessatti hirmaattan jedhamanii waraqaan eenyummaa isaanii harkaa fuudhame hedduu waan ta’aniif jarreen kunis magaala bahanii galuu fi gara tokko iyyuu deemuu akka hin malle taasisaa jiraachuu qeerroon gabaasa.
Gabaasa Qeerroo Bitootessa 15,2015 Giddaa
Gaaffii Mirgaa Uummanni Oromoo Kaasee Jiru Gara Dabarsuuf Jecha,Waraanni Wayyaanee Ummata Gumuz Hidhachiisuun Oromoo Irratti Bobbaasaa jira.
Wallagga,Aanaa Giddaa Ayyaanaa bakka Sugee jedhamu keessatti mootummaan Wayyaanee ta’e jedhee uumata Gumuzii fi Oromoo walitti buusuu eegale.
FDG uumanni Oromoo magaalaa fi baadiyyaa keessatti kaasee jiru gara dabarsuuf jecha waraana isaa gara aanaa Giddaa Ayyaanaatti geessuun uumata Gumuzii meeshaa hidhachiisuun gara Oromootti akka duulan taasisuun walitti bu’iins jabaan gaafa Bitootessa 14,2015 dhalteen Oromoonni hedduun akka miidhaman gabaasi Qeerroo naannicha irraa nu gahe addeessa.
Odeessa Qeerroo Bitootessa 15,2015
Jiraattootni uummatni Gamuu Gofaa,aanaa Abbaayaa ganda Aalgee jedhamtu keessa jiraatan guyyaa kaleessaa Bitootessa 13/2015 lafti keenya maqaa investeraan nurraa hin fuudhamin, maqaa warshaa dhaabuun qabeenyaa fi mana keenya irraa hin buqqaanu jechuudhaan mootummaa Wayyaanee dura dhaabbatan,kun kaayyoo mootummaati mirkanaa’uu qaba kan jedhan humna poolisii mootummaa waliin tahuudhaan uummata irratti dhukaasni banameen, uummanni jiraataan ganda kana keessaa waan qabu dhagaa fi meeshaalee qara qabaniin humna poolisii mootummaa Wayyaanee waliin walitti bahuudhaan dargaggoon jiraataa ganda kan tahe tokko rasaasaan rukutamee lubbuudhaan kan darbee fi namootni abbaan qabeenyaa lafa isaa irra ijaajjee falmatu 6 ammoo rasaasaan rukutamee madaa’uun yoo tahu gama humna poolisii Wayyaanee keessaa 8 ol rukuttaa uummataatiin du’aa f jireenya gidduu ta’anii yeroo ammaa hospitaala keessa jiraachuu maddi odeessa kanaa ibsa. Uummatichis tokkummaa cimsachuu irraan seeras tahe humnaan mootummaan lafa keenya nurraa fudhachuu hin danda’u kan jedhuun dura dhaabbachuudhaan humna waraanaa fi ergamtoota mootummaa dhimma kanaaf gara kana deemanof irraa ariyanii akka jiran gabaasichi ibsa.