Eebba Maanguddoo fi Irreeffatnaa Malkaa Ateetee

Aside

Leenjiin Maqaa “Imaamataa fi Tarsiimoo Mootummaa” Jedhuun Barattoota Yuuniversitii fi Manneen Barnoota Sadarkaa 2ffaaf Kennamaa Bahe Bu’aa Tokko Malee Xumurame.

Aside

Gabaasa Qeerrooo Finfinnee Onkoloolessa 12,2014

OromiaALutaContinua2011FDGKaroorri mootummaa abba hirree wayyaanee leenjii poolisiiwwanii fi tarsiimoo mootummaa  jechuun uummata Oromoo addatti barattoota Oromoo afaan faajjiif qopheeffatee baatii lamaaf marsaa marsaan walitti qabee gaggeessaa ture bu’aa qabeessummaa tokko malee qaanii fi salphina ergamtoota Wayyaaneetiin xumuramee jira.

Leenjiin afaan faajjii kun barattoota dhaabbilee ol aanoo irra barataa turaniin eegalee bu’aa malee gaaffii mirgaa fi diddaan guddaa gaggeeffamaa kan ture tahuu irra dabree barattoota hedduu mana hidhaatti kan darbe, gariin kan qaamaa hir’isee fi lubbuu dabarse tahee, marsaa lamaan kan xumurame yoo tahu; itti fufuuniis barattoota haaraa gara dhaabbilee ol aanaatti ramadaman barattoota manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa fi qopha’inaa fi barsiistota sadarkaa adda addaa irra jiran torbaan lamaaf tibbana gaggeessaa ture bu’aa malee diddaa fi gaaffii garaa garaan kan lukkeewwan mootummaa abba hirree Wayyanee muddaa turee fi qaaniin afaan qabachiisaa ture  Onkoloolessa 9 bara 2014 abdii kutannaa mootummaa gabroonfataan irraan gahee jira.

Onkoloolessa 9 bara 2014 akka walii galaatti barattoota dhaabbilee ol aanaa fi sadarkaa 2ffaan xumuramutti, gootonni barattoota dhaabbilee ol aanaa fi manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa garaagaraa faaruwwaan qabsoo fi dhaadannoowwan garaagaraa mooraa barumsaa fi dallaa Yuuniversiitiiwwan keessatti sa’aatii dheeraaf dhageessisaa ooluun murannoo fi ejjennoo isaanii ifaan ifatti ergamtoota mootummaa gabroonfataatti agarsiisaniiruun injifannoon bahanii jiru.

Mootummaan Wayyaanee Filannoo Dhufuuf Maqaa Qorannoo Uummataa Godinaalee Keessatti Gaggeessuu Jedhuun Uummata Gooluuf Jecha Onkoloolessa 13,2014 Irraa Kaasee Jalqabuuf Karoora Baafate.‏

Aside

Gabaasa Qeerroo Onkoloolessa 12,2014

Guddina biyya EthiopiaFilannoo dhufuuf jecha mootummaan Wayyaanee doorsisa uummata irratti banuu eegalee jira. Gabaasa Qeerroo Qellem Anfilloo irraa kan addeessu maddibgabaasichaa kan nu qaqqabe Onkoloolessa 12,bara 2014 mootummaan Wayyaanee miidiyaa of harkaa qabuun filannoo bara kana karaa diimokiraasiin kan xumuramu tahuu isaa mootummaan qophii isaa xumuraa jira, uummanni mootummaa gama nagaatiin filannoo isaa gaggeessuun haala uummata amma irra jiru irraa waan hubatamuudha jedhchuun ololaa jiraachuun waan beekamaa jiruudha.

Yeroo ammaa miidiyaan Wayyaanee hunduu dhimma filnnoo dhufu ilaalchisee kan afarsaa jiraniidha. Gama gocha godina,aanaa fi ganda keessatti raawwatamaa jiruun ammoo doorsisni uummata irratti gama caasaa mootummaa Wayyaanee gadi bu’ee jiruun banamaa jira. Godinoota garagaraa bakka mootummaan Wayyaanee keessatti shakku, bakka mootummaan Wayyaanee amantii irraa dhabee shakkiin guutame keessatti filannoon bara kanaa uummanni dirqamaan akka filatu, dhimma jireenyaa fi misoomaan wal qabsiisee doorsisa qote bultoota irra kan banaa jiru odeessi nu gahe kan addeessuu f I akka madda gabaasni Qeerroo Qellem Wallagga, Anfilloo irraa ibsutti guyyoota fuula kana dura jiran guyyaa boruu irraa kaasee(Onkoloolessa 13 hanga Onkoloolessa 16tti) mootummaan Wayyaanee jiraattota uummata oromoo Qellem, Anfilloo fi Sayyoo keessatti walumaa gala darbee darbee aanaalee Qellem jala jiran hunda keessatti qorannoon caasaa isaatiin gaggeeffamuuf deemu dhimma filannoo dhufu ilaalchisee qorannaa adeemsisuu fi adeemsaa fi haala ittiin uummata qabatan, dirqamaanis wal qabatee uummanni hubachuu kan qabuudha.

Dhimma kana irratti qormaata kan gaggeessuuf deeman magaalaa Anfilloo Muggii irratti fi akkasuma magaalaa Dambi Doolloo irratti, haaluma kanaan wal qabsiisees namoota shakkii irraa qaban keessattuu hojjetoota isaanii qabanii hidhuu kan eegalaniidha, kana qofas miti, akka gabaasni addeessutti waraqaa yaadaa qopheessuudhaan kaabinoonni mootummaa wayyaanee yakkas/ miidhaa mootummaan Wayyaanee bara bulchiinsa isaa keessatti godhe nuf ibsaa jechuudhaan waraqaa uumata keessa kan facaasaa jiraniidha, waraqaan kun torbeewwan darban keessa uummatatti hiramaa kan ture uummannis yaada kennu dhabuu irran deebiin yoo dhabamu, yaada uummataa argachuu hin dandeenye, filannoo kanaaf uummanni kun quubsaa miti kan jedhuuf qorannoo gochuuf kan deeman, qorannaan isaan waliin godhan kun waanta uummata miidhanitti filannoon isaanii waan gaheef miidhaa / balleessaa keenya barree uummata amansiisuu qabna,haala amma uummanni keenya itti jiruun filatamuun waan sobaati jedhanii guutummaatti waan amananiif daandii ittiin uummata amansiisaan irratti qorannaa gochuuf kan deemaa jiraniidha.

Kun godina Qellem qofa keessatti ta’aa kan jiru miti godinaalee oromiyaa garagaraa keessatti kan raawwatamaa jiruudha. Mootummaan Wayyaanee haala keessa jiru keessatti wan qabu dhabee jira, uummata Oromoo shakkii qabuuf jecha horiidhaan dargaggootallee kan umurii isaanii 18 ol tahe bitacha jira, akka magaalaa Finfinneetti waanni taasifama jiru dhimma filannoof jecha barattootni mana barumsaa isaaniitti bifa lenjiin guyyaa guyyaatti qarshii 50,50ni kennamaafii kan jiru, kan gochuun isaas uummataan jibbamee waan jiruuf horiidhaan amansiisuuf kan gochaa jiru tahuun isaa waan hubatamaa dha,akka gabaasota Qeerroo bakka adda addaa irraa nu gahaa jiruu fi sochii jiru irraas hubatamaa jirutti adeemsi mootummaa wayyaanee humnaa fi qarshiitti hirkatee fedha isaa guuttachuuf kan deemaa jiruudha,aangoo isaa irra turuuf kan karoora baafataa jiruudha.

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast, October 11, 2014

Aside

SOCHII OROMOO BARA 2014 WAAN NU AKEEKU QABA !

Aside

Barreessaa dhugaa baasa!HUMNA TA’UUF BAKKAYYUTTI HAA HOJJANNU !!!

SEENAA Y.G(2005)

Bara 2014” Ummati Oromoo Mirga Abbaa Biyyummaa isaa kabachiisuuf yk deeffachuuf, Biyya keessaa fi alatti Qabsoon gaggeessaa jiru, diina irratti waloon hojjachuun bu’aa qabeessa ta’uu qofa odoo hin taanee, keessa isaatti , sochiin Nama dhuunfaa eegalee amma dhaabaatti, dabrees/darbees amma Ummataatti gumaacha yoo taasifne, Injifannoon dhihoo ta’uu kan itti hubateedha jedheen amana. Nama waan hojjatame gamaagamee, isa itti aanuuf maaltu nu irraa eegama ? sochii keenya kana irra bal’ifnee yoo itti fufnee Gabrummaa jalaa ba’uu dandeenya, kana irra yoo wal dhaggeeffannee fi wal utubne…… jedhee kan herreeggateef, Barri 2014 barnootaa fi hamilee guddaa nu keessatti uumuu irra taree, sochii itti aanuuf bu’ura godhata. Ummata Mirga isaaf saganteeffatee Biyya keessaa fi alatti sochaa’aa jiru, diinni hangamuu hammeenya nu irratti hojjatu, qabsoo Ummata kanaa dhaamsuu akka hin dandeenye, Ummati kun Qabsoo walii galaaf Qophaa’aa jiraachuu fi kunis injifannoo Ummata kanaan akka Goolabamu diinni dirqamaan akka fudhatu taasisa.

SOCHII OROMOO BARA 2014 WAAN NU AKEEKU QABA.docx

SBO Onkoloolessa 12 Bara 2014 Oduu – Qophiilee Guyyaa Yaadannoo FDG Sadaasa 9 ilaallatan – Gaaffii fi deebii Art.Mihrat W.Maariyam kutaa 2ffaa fi Rakkoo Waldaa Waaqeffattoota Oromoo mudate irratti gaaffii fi deebii geggeeffame akkasumas gabaasa Ayyaana Irreechaa kutaa xumuraa

Aside

Ayyaannii Irreechaa Burraayyuu Malkaa Ateeteetti Bakka Uummaanni Oromoo Miliyoonaan Lakkaa’amu Argamutti Sirna Ho’a Ta’een Kabajame.

Aside

Gabaasa Ayyaana Irreechaa Malkaa Ateetee Onkoloolessa 09,2014

dsc02350

Ayyaannii Irreechaa Burraayyuu Malkaa Ateeteetti bakka uummaanni Oromoo miliyoonaan lakkaa’amu argamutti sirna ho’a ta’een kabajame.
Mootummaan abbaa irree Wayyaanee guyyaa jalbultii ayyaanaa irreechaa Buyyaayyuu Malkaa Ateetee irraa eegaluun magaalaa Finfinnee fi magaalota addaa Oromiyaa Burraayyuu, sabbataa, Sulultaa, Xaafoo Laga Daadhii, Duukkam, Bishooftuu, Galaan , Qaalliittii fi Hoolotaa irraa tajaajila network balleessuun ayyaana Irreechaa Oromoon bara kana haalaan dammaqee gaggeeffachaa jiru danquuf yaalii guddaa gaggeesse jira.

Kana malees Mootummaan EPRDF sodaa guddaa sochii dargaggoota Oromoo fi waliigalatti uummatni Oromoo godina gaanfa Afrikaa keessatti bilisummaa isaa kabachiifachuuf gaggeessuun sodaa fi dhiphina keessa seenuun ayyaana Irreechaa uguruuf humna poolisii federaalaa fi kora bittinneessa bobaasuun uummata gara Ayyaana Irreechaa Malkaa Ateeteetti gamtaadhaan uffata aadaa fi uffata abbaa Gadaa uffatee aadaa isaa midhagsee adeemaa jiruu humnaan dhaabanii sakkata’uun uuffata aadaa mallattoo Odaa Oromoo of irraa qabu irraa saamuun sabboontota Oromoo qabanii dorsiisuun, kanneen qabamanii wajjira poolisii Burraayyuutti hidhaman illee jiraachuu maddeen keenya ayyaana Irreecha Malkaa Ateetee irratti argaman gabaasaniru.

Uummatni Oromoo Uummata ukkaamsaan, hidhaan, doorsifnii fi ajjeechaan aadaa, eenyummaa, Oromummaa, sabboonummaa fi bilisummaa isaaf falmachuu irraa duubatti deebisu miti kana immoo Oromoon rakkoo ulfaataa keessa darbee eenyummaa isaa diinatti uummata argisiisa jirudha. Guyyaa kaleessas Uummaatni Oromoo godinaalee Oromiyaa fi magaaloota Finfinnee, Burraayyuu, Bishooftuu, Adaamaa, Sandaafaa, Laga Xaafoo Laga Daadhii, Sulultaa, Sabbataa, Walisoo, Hollotaa, Amboo, fi Neqamtee irra walitti dhufuun haala ajaa’ibsiisa ta’een Ayyaana Irreechaa Magaalaa Burraayyuu Malkaa Ateeteetti kabajachuun eenyummaa, Tokkummaa, Oromomummaa fi Sabboonummaa isaa jebeeffachuun diina afaan faajjessa olee jira. Keessattuu Uummaatni Oromoo bakka hundatti abdiif gaachana isaa kan ta’e ABO fi qabsoo bilisummaa Oromoo wallee warraqsaan faarsaa kan jiru, guyyaa kaleessas dargaggootni, shamarraan, barattootni, fi uummatni Oromoo Wallee Warraaqsaa Wal harkaa fuudhuun Qabsoo bilisummaa Oromoo fi ABO faarsuun Ayyaanichaa haalaan midhaksuun kan kabajataan yoo ta’u dabbaallootni fi humnootni tikaa Wayyaanee sochii wallee warraaqsaa dhaabsisuuf yaalii humnaa olii gochaa kan oolaan yoo ta’uu; injifannoo uummataatiin bu’aa tokko malee akeekni abbaa irree fashaleessuun uummaatni haala ajaa’ibsiisaa ta’een waldhaansoo diinaa guddaa keessatti ayyaanicha kabajataniiru.
Hub:- Haala ayyaana milkii qabeessa kan ta’e IRREECHA Waraabbii suuraa fi video akka hin tamsaaneef jecha Wayyaaneen ta’e jedhee Network fi ibsaa kutee waan jiruuf obsaan gama fuula irraa jalaan gabaafna.

Malkaa ateetee2Malkaa ateetee Malkaa ateetee3

Seife Nebelbal Radio Program, October 10, 2014

Aside

“March for Oromia” – Peaceful Rally in Front of the United Nations (UN) in New York City; October 17, 2014

Aside

MarchforOromia2014NYC

http://www.Gadaa.com

Sagalee Simbirtuu Onkoloolessa 09,2014

Aside