Gabaasa Qeerroo Finfinnee Ebla 23,2013
Mootummaan Wayyaanee biyyaa fi uummata Oromoo maqaa jijjiiruutti kan amaleeffate yeroodhaa gara yerootti basaastotaa fi jala deemtota isaa bobbaasuun arrabsoo fi maqaa jijjiirraa ilmaan oromoo irratti gaggaeessaa jira.Yuunivarsiitiilee keessattii barattootni Oromoo baratan arrabsoo jala deemtotaa fi ilmaan habashaan gaggeeffamu irratti tarkaanfiin seera qabeessaa akka isaan irratti fudhatamuuf iyyannoo fi gaaffii mirgaa wal irraa hin cinne gaggeessaa turan.Garuu deebiin mootummaa wayyaanee irraa kennamu hidhaa fi ajjeechaa akkasumas barnoota irraa ilmaan Oromoo arii’uu tahe.
Haaluma kanaan wal qabachuunis Yuunivarsiitii Finfinnee Damee Kiiloo 4 keessatti arrabsoon ilmaan oromoo irratti raawwatame irra deebi’uun Yuunivarsiitii Finfinnee Damee Bishooftuu keessatti itti fufuu irraan kan ka’e sabboontotni barattoota oromoo alagaa waliin hin barannu,Namni arrabsoo kanatti bobba’ee fi bobbaase biyyattii irratti TVdhaan ibsamee murtiin seeraa itti nuuf haa kennamu hangas tarkaanfii mataa keenyaa fudhanna jechuun barattoota habashaa hunda mooraa Yuunivarsiitii Finfinnee Damee Bishooftuu keessaa baasanii jiran.Mootummaan Wayyaanee kana dura dhaabbachuuf waraanaa fi kadhaan dura dhaabbachuuf yaalus ilmaan Oromoo ejjennoo murtii dhumaa fudhatanii jiran.
Wayyaaneen gocha farrummaa akka nurraa dhaabuuf ilmaan Oromoo marti waamicha keenya akka nuu dhageessan jechuun sabboontotni barattoota Oromoo ibsatanii jiran.
Monthly Archives: April 2013
Gudunnfaa Kabaja Guyyaa Gootota Oromoo 2013
Aside
Ebla 23,2013 Finfinnee
Guyyaan Gootota Oromoo Qeerroo Oromoo fi deeggartoota QBO biratti haala holaan kabajamee jira.Ayyaanni kun qophiilee garaa garaan kabajame.Yuunivarsiitiilee keessatti barattootni,barsiisotni,hojjettootni dungoo diimaa magariisa ibsuun alaabaa ABO qabachuun qophiin waadaa haaromsuu fi marii akkasumas dhimma QBOf kan oolu buusiin buufamee jira.Maadheelee dhaabaa fi deeggartoota irraa walii gala buusiin dhimma QBOf oolu 4370(qarshii kuma afurii fi dhibba sadiif torbaatama) buufamee jira.Waraqaaleen dhaadannoo garaa garaa magaalawwan Oromiyaa keessatti hedduumminaan maxxanfamanii jiran.
Ayyaanni kun manneen barnootaa gad aanaa,Koollejjiiwwan kanneen akka rift vaalii,daandii booruu,unity,Odaa bulluq,Fincha Valley fi yuunivarsiitiilee Jimmaa,Mattuu,Finfinnee,Adaamaa,Amboo,Bishooftuu,Haramaayaa,Dirree Dawaa,Jijjigaa,Arbamin,Hawaasaa,Naqqamtee fi Gonder keessatti haala hoaan kabajamee jira.Waraqaaleen dhaadannoos dhaabbilee barnootaa fi magaalawwan keessatti hedduumminaan maxxanfaman mootummaa wayyaanee rifaatii keessa buusuun waraana bobbaasee uummata sakattauuf akka dirqamu taasisee jira.
Gabaabumatti Oromiyaa keessatti Guyyaan Gootota Oromoo wayita kabajamutti qophiileen irratti dhiyeeffaman abdii QBO kan tahanii fi garbummaa bara baraa of irraa darbuuf karaa guddaa saaqee kan darbe dha.
Kabaja Guyyaa Ayyaana Gootota Oromoo
Gallery
This gallery contains 22 photos.
(Qeerroo, Oromiyaa, Ebla, 2013) Sirna Ayyaana Guyyaa Gootota Oromoo biyya keessatti Qeerroon kabajaa jiru keessaa haga tokko
SBO Ebla 21 Bara 2013
Aside
Dhaloota Ol Guddatan Kana Maal Dhaalchifnaa???
[audio
Artist Tasfayee Dhimmaa:Yaadannoo GGO ilaalchisee. “ABO Kallachi Oromootaa Si Qofaa”
Aside
Barataa Qananiisaa Raggaasaa Amboo Yuuniversitii Irraa, Taakkalaa Yohaannis Ammoo Anfilloo Irraa Seeraan ala Ukkamfaman
Aside
Ebla 20,2012 Finfinnee
Barataa Qananiisaa Raggaasaa Bioprocess Engineering waggaa 3ffaa Ambo Yuuniversitii irraa baratu human tikaa fi poolisa Wayyaaneen guyyaa haraa Ebla 19, guyyaa keessaa saa 12:30 pm hidhattoota mooraa Yuuniversitii Amboo keessatti guyyaa GGO kabajjee fi alaabaa ABO uffatte sababaa jedhuun rukutamuu fi qabamuu isaa ragaan kan argame yeroo tau erga qabamee hanga ammaatti bakka buuteen mucaa kana dhabamee akka jiru Qeerroon mooraa Yuuniversitii Amboo gabaasee jira.
Barattooti gariin bulchitoota mooraa yeroo gaafatanitti Fincila moootummaa irratti kaasuuf uummataa fi barattoota kan qindeessu si jechuun akkasuma mootummaa irratti uummata kaasuun GGO jedhee alaabaa uffate jechuun mootumaan yakkuu irraan qabame jechuu malee waan biraa hin beeknu jedhanii barattoota of irraa deebisan. Hanga ammaatti barataan kun duaa fi jiraachuun isaa hin beekamu.
Kana malees Wallagga aanaa Anifilloo irraa barattoota naannoo tokkotti gurmaayee taphatuun wal qabsiisanii isin guyyaa GGO kabajjuu fi halluu alaabaa ABO uffattaniittu sababa jedhuun barattoota 7 qabanii qoratan keessaa Barataa Yohaannis Taakkalaa hanga ammaa bakka buuteen isaa hin beekamiin jira.
Ummanni Oromoos tae sabboontoti Oromoo barattoota ilmaan sabaa biyya abbaa isaanii keessatti akkana dararamaa jiraniif birmannaa Oromummaa akka godhaniif eerroon waamicha dabarsa.
Dhaamsa Jajjabduu!! Jaal Kardir Sa’idii fi Jaal Elemoo Alii /TV Oromoo Waliin
Aside
” Kallacha Qabsoo……. ABO qabna!!
Jaarmiyaa Cimsaa…… ni Bilisoomna” !! Jaal Kadir Sa’id
————-//————————
“An dide gabrummaa!! jedhe bilisummaa!!
ABO dhaaba koo Abdiin Kiyya Sumaa
Hagamuu yoo turte moohinsi keetuma!!” Jaal Elemoo Alii
Gabaasaa GGO Ebla 15 Godina Booranaa fi Harargee Irraa Nu Gahe
Aside
Gabaasa Qeerroo Finfinnee Ebla 20,2013
Rakkoo quunnamtii networkiin kan gabaasaan isaa boodatti harkifate guyyaa gootota oromoo Ebla 15 Oromiyaa keessaa naannoo adda addaatti kabajamee jiru ammallee gabaasaan isaa kan nugahaa jiru:1.Godina Booraa Ona ;
1.1 Booree
1.2 Dirree,
1.3 Galaana Abbayyaa
1.4 Liiban fi
1.5 Shaakkisoo irraa haala hoo’aan kabachaa turuu isaanii akkasuma kanatti dhimma bahuudhaanis ijaarsa maadhee fi leenjii uummata armaan dura ijaarsi hin qaqqabin jiru qaqqabuun ayyaana kanaan wal qabsiisanii hojii hojjetaa akka turan gabaasaan Qeerroo addeessa. Keessattuu hojiileen hojjetaman:-
- -Leenjii siyaasaa uummata naannoo jiranii fi kan itti amananiif kennaa turaniiru,
- -Barattoota mana barumsaa sadarkaa 1ffaa fi 2ffaatiin leenjii siyaasaa kennamaa tureera.
- -Hidhattootni mootummaa milishaa gandaa fi poolisoonni maadhetti ijaaramanii godina kana keessaa ona Dirree fi Liiban irra jiran walitti dhufanii wal ijaarsa,qabsoo keessatti kallattii isaan irratti hirmaachuun barbaachisuun waadaa seenaa,barruu dhaabaa kanneen siyaasa keenya hin hubatin ittiin gahuun raabsaa fi buusiin sochii qeerroo godina sana irra jiruuf deggersa gochuuf gumaacha gochuun GGO kabajachuun haala dabarsanii akka jiran gabaasaa isaa nuun gahanii jiru.
Karaa biraa
2.Harargee Ona;
2.1 Baddaannoo
2.2 Qarsaa
2.3 Jaarsoo
2.4.Meettaa fi
2.5 Daaroo Labuu
Akka gabaasaa GGO onoota kana irraa nugahee jiruttis;
- -Hidhataan mootummaa maadhee keessatti ijaaramee jiu bakka tokkotti wal gahuun guyyaa kana icciti qabeessaan bosona keessatti kabajaa isaanii akka raawwatan nuuf dhaamu.Akkasuma ibsa ejjennoo lafa kaayatanii nuuf dhaaman:
- -Yoomiyyuu ajajaa fi dirqama dhaaba keenyaan durfamnee qabsoo bilisummaa oromoo galmaan gahuuf tokkummaadhaan akka kaanu murtoo keenya ibsanna.
- -Nuti hidhattootni mootummaa godina Harargee irra jirru dhugaa fi miidhaa uummata keenyaa oromoo hubannee waanjoo garbummaa saba keenya irra jiru kana,mootummaa wayyaanee nurratti goobee jiru of irraa fonqolchuufgama keenyaan ni qabsoofna!
- -Wareegama qabsoof barbaachisu gochuuf yoomiyyuu boodatti hin jennu!
- -Ilmaan oromoo mana hidhaatti dararamaa jiru gargaarsa barbaachisu gochuuf; isaanii fi maatii isaanii cina tokkummaa qabnuu fi ijaarsa keenya kanaan gumaacha barbaachisu ni goona jedhuun ibsa ejjennoo isaanii kan ibsatan yoo yahu godina kana irratti haalli kabajaa GGO ittiin darbe yaadannoo gootota darbanii waliif kaasuun,faaruu wal dheggeeffachiisuun akkasuma ijaarsa qaban irratti buusii adda addaa gochuun barruu ittiin baayisaa bittimsaa fi kuusaa barruu dhaaba irraa dhufu qopheessuun kabajaa ayyaana kanaa dabarsanii jiru.Ammallee Qeerroon godina kana irra jiru sochiin qeerroo fi uummataa jabaatee akka fufaa jiruu fi babal’inni siyaasaa godina kana irratti hanga hidhataa mootummaa fi waajjiraalee godinicha keessa jiruutti haalaan kan jabaataa jiru tahuu isaa nu hubachiisee jira.
Qabsoon Itti fufa! Gabrummaan ni kufa!
Mootummaan Wayyaanee Naannoo Beeneshangul Keessatti Duulla Farruummaa Barsiisota Oromoo Irratti Bane.
Aside
Ebla 20,2013 Asoosaa
Naannoo Beenishaangul Gumuz aanaa Sogee keessatti gocha farrummaa mootummaan wayyaanee qeee irraa buqqisuu gaggeessaa jiruun barsiisotni Oromoo addatti mana barumsaa Lakkuu Qumbii sadarkaa 1ffaa rakkoo hamaa keessatti kufan.Mootummaan wayyaanee qeee irraa uummata hojii investimentiif qeee irraa buqqisuu kan barate mana barumsaa Qumbii Sadarkaa 1ffaa buqqisuuf hojii dhaabbateen barsiisotaaf miindaa hin kaffalu jechaa mana isaan keessa jiraatanis buqqisee jira.Rakkoo kanaan barsiisotni mana barumsaa kanaa
1. Barsiisaa Habtaamuu Oljirraa
2. Barsiistuu Belaaynesh Boggaalee
3. Barsiisaa Amaluu Kumii
4. Barsiisaa Baatiree Culaa
5. Barsiisaa Olqabaa Tarfaa
Rakkoo kana keessatti kufanii jiran.Jala deemtotni mootummaa wayyaanee gocha farrummaa kanatti diina waliin ejjennoo walii tahuun itti jiran Obbo Biraanuu Mallasaa fi Obbo Fiqaaduu Koorsisaa dabballoota mootummaa wayyaanee tahan yoommuu tahu jarreen kun gocha farrummaa kana irraa hin dhaabbatan taanaan tarkaanfiin gatii isaanii madaalu akka isaan eegu qeerroon gabaasee jira.