Barattoonni Oromoo Bioprocess Engineering Waggaa 5ffaa Baratan 3 fi Kanneen Biroos Ammos Yuuniversitii Amboo Irraa Harhaman

Aside

Bitootessa 06,2013, Gabaasa Qeerroo Amboo

Gaaffii mirga abbaa biyyummaa fi dimokraasi barattooti Oromoo yeroo irraa yerootti gaafatan ukkaamsuuf jecha mootummaan abbaa irree Wayyaanee barattoota Oromoo heddumminaan hidhuu fi manneen barnootaa irraa ari’uu tooftaa godhatee jiraatus diddaan barattoota Oromoo amma illee hin dhaabbaanne.

Baatii Bitootessa eegala irratti barattoota Oromoo Yuuniversitii Amboo baratan 19 badii tokkoon malee ari’uun mootummaa Wayyaanee gabaasa Qeerroo keessatti tuqamee ture. Haala kanaan wal qabatee gaaffii mirgaa kaaftanii jirtu sababa jedhuun barattoota Oromoo 5 Bitootessa 4,2013 Yuuniversitii Amboo irraa arhamuu Qeerroon gabaasa. Kanneen kunis:-

1.  Waakumaa Jirruu-Bioprocess Engineering 5ffaa

2.  Amanu Ashaagiree- Bioprocess Engineering 5ffaa

3.  Beekamaa Namoomsaa-computer science 2ffaa

4.  Tibabu Roobii- Bioprocess Engineering 5ffaa

5.  Fikiru Tolasa-Seera 3ffaa

Kanneen jedhaman ta’uu beekamee jira. Ummanni Oromoo biyya keessaa addatti ammo biyya alaa jiru haala barattootinii fi qonnaan bultooti Oromoo ta’aa jiran kana argees ta’e dhagahee deggersa akeeka barattooti Oromoo wareega kafalaniif cinaa akka dhaabbachuu qaban qeerroleen Yuuniversitii Amboo iyyatanii jiru.

Gama biraan gabaasaa godina Horro Guduruu Wallaggaa Aanaa Abbaay Coomman irraa har’a Bitooessa 06 addeessuun hojjettoota warshaa sukkaaraa Finca’aa irraa qorannoo adda addaa maqaa Miseensummaa Adda Bilisummaa Oromoo jedhuun wal qabatee hojjetoota shakkuu irraan obboleewwan nama lama qorannoo irratti gaggeessuun mana hidhaa galchanii akka jiran gabaasaan aanaa kana irraa nu gahee jira. Namootni lamaan kunis

1.  Obbo Galataa Deebisaa

2.  Obbo Baqqakaa  Deebisaa

Kan jedhaman amma mana hidhaa Wayyanee galanii akka jiran gabaasaan isaa nu gahee jira.

 

Guyyaan Wareegama Gooticha Barataa Wandimmuu Daammanaa Lixa Shawaa Keessatti Sirna Addaan Kabajamuu Qeerroon Gabaase.

Aside

Bitooteessa 05,013 Gabaasa Qeerroo Lixa Shawaa

Yaadannoo gooticha barataa Oromoo Wandimmuu Dammanaa Bitooteessaa 3/2009 Barataa Wandimmuu Dammanaa Barataa Mana Barumsaa Geedoo sadarkaa 2ffaa fi Qophaa’inatti Kutaa 11ffaa utuu barachaa jiruu sirna mootummaa Habashaa warri leellisanii fi farruummaa ykn tuffii uumata Oromoof qaban yeroo sanitti bareeffaama Oromummaan Oromoo arrabsuu barreessuun M/B Geedoo keessaattii barreessuun Bitootessa 1,2009 facaasan,wayitumaa kana Gototni Baratootaa Oromoo Mana Barumsaa Geedoo, Midaa Qanyii fi Iluu Galaan FDG kaachiisuun Warraaqsaa gaggeessuun sirna abbaa irree balaaleffaachuun diddaa guddaan gaggeeffaamaa ture, boodaarraa kan Qonnaan bultotaa fi Ummataa Oromoo Onotaa Sadaan hirmaachiisuu ta’e. Yeroo kana egaa gootichi barataan Oromoo barataa Wandimmuu Dammanaa rasaasa loltotaa Wayyaanee FDG gaggeeffaamaa jiru dura dhaabbaachuuf ba’an irraa itti dhukaafamee lubbuun isaa darbee Wareegama seenaa qabeessaa kan barabaraan Seenaan dagachuu hin dandeenyee kanfalee qabsoo walabummaa Oromoof wareegama kambajaa qabuun Bitootessa 03, bara 2009 aarsaa kafle.

Wandimmuun Wareegamullee bara baran Biteetessaa 3 Ummataa Oromoo fi baratootaa OROMOO biratti ni yaadatamaa, Yadannoo isaa kanas kaayyoo dhugaa goototni Oromoo Wareegamaa Qaaqqaalii Bilisummaa Saba isaaniif kanfalaa har’aa ga’aan jabeessuun gaggeessuun kan yaadatamuu ta’ee jira.

Halumaa Kanaan Bitootessaa 3,2013 Godinaa Lixaa Shawaa Anotaa Calliyaa Geedoo, Midaa Qaanyii bakkaa dhalotaa gootichaa barataa Oromoo Wandimmuu Dammanaa fi Iluu Galaan Ijaajjii Uummataa Oromoo fi Manneen barnotaa Sadarkaa 1ffaa hangaa Sadarkaa 2ffaa aanotaa sadaan kana keessaatti argaman keessaatti yadaannoon guddaan godhame jira.

Guyyaan dilbata waan ta’eef Baratootni M/B Sadarka 2ffaa fi qopha’inaa Geedoo, Midaa Qanyii Fi Iluu Galanaa Guyyaa har’a Bitoteessaa 4/2013 haala nama gammachiisuun yaadatanii Olaan.

Kana malees naannoo Geedoo,Calliyaa,Midaaqeny barnoota lagachuun guyyaa har’aa bitootessa 04/2013 mormii jabaa dhageessisan.Bitootessa 03/2013 galgala magaala Geedoo,Calliyaa fi Midaaqeny akkasumas Gudar keessatti waraaqaaleen dhaadannoo
1. Gumaa obbolaawwan keenyaa ni baasna
2. Biyyaaf wareegamuun hunda keenya irraa eegama
3. Qeerroo ka’i
4. ABO ilmaan Oromoo bilisa baasa
5. Mootummaan wayyaanee abbaa irreedha
6. Qeerroo jabaadhaa!
7. Garboomfataan ni kufa
8. Bilisummaan ni dhufa
9. Wayyaanee du’i
10. Wandimmuu Daammanaa hin duune seenaan isa yaadata
11. Barataa hanga duunu maaliif teenya
Kanneen jedhan manneen barnootaa fi magaallan keessatti hedduumminaan qalama diimaa magariisa diimaan kanneen barraa’an hedduumminaan maxxanfamanii jiran.Mootummaan wayyaanee gocha qeerroo oromoon kan baarage waraana hedduumminaan naannoo kanatti magaala Amboo fi Finfinnee irraa kan bobbaase yoommuu tahu diddaan daran jabaatee jira.Ilmaan Oromoo marti yuunivarsiitii keessatti arii’amuun,ajjeeffamuun barattoota Oromoo haa dhaabbatu jechuun Qeerroon lixa Shawaa dhaamsa dabarsanii jiran.

Qabsoon itti fufa! Gabroomsaan ni kufa!

OLF Statement on the passing away of Jaarraa Abbaa Gadaa

Aside

abo

JARRAA ABBAA GADAA WILL BE REMEMBERED WITH REVERENCE
(OLF statement on the passing away of Jaarraa Abbaa-Gadaa) 

It is with enormous sorrow and grief that all Oromo nationals and friends in Oromia and beyond to hear that one of the great leaders of Oromo liberation struggle has passed away, after long time illness, while conducting resistance from exile.

Jaarraa Abbaa-Gadaas history is an integral part of the initiation of the Oromia-wide armed struggle for liberation. His arduous journey to launch armed struggle started from eastern Oromia, passing through the armed uprising in the southeast, Somalia, the Middle East, back to Somalia for five years incarceration in Somali prisons and back to eastern Oromia to realize the dream, which demonstrates a distinctive determination.

His continued defiance of any pressure or temptation from governments and entities throughout the region and beyond, and his steadfast resolve in the principle he stood for to the last minute is something that all Oromo nationalists have to take as a reference.

Read More:–

OLF Statement on the passing away of Jaarraa Abbaa Gadaa- English.pdf
Du’aan Boqochuu Jaarraa Abbaa Gadaa Ilaalchisee ibsa ABO.pdf
OLF Statement on the passing away of Jaarraa Abbaa Gadaa- Amharic.pdf

Odeessa Gaddaa

Aside

Jahaatama Mullata | March 3, 2013

Jaarraa Abbaa GadaaDuraan duursee nagay isngaafachaa Oromoottan mara waliin obsa rabbiin nuuf haakennu. Hayyu dureen kheeyna yaroodheertuu qaabsoo Oromoorrtti umrii isaa tattaaffiin inni hingodhin hin jirtu gabrummaaf Oromoon hin jilbiiyfannu jachuudhaan Orommoottan bahaafii dhihaa kaabaafii kibbaa qaabsoof sossoosuun isaa kan haggafaati aduu arraantanaa aduu hamtuu nutti taatuus qaabsoo bilisummaa Oromo tan abbaan keenya Jaal Jaarraa Abbaa Gadaa arraatana du’aan adduynaarraa galan sabrii nuuf haakhennu rabbiin Oromo galii qaabsoo bu’ura warra tokko tahee bikkaan gahu tahuu qabna yaa Oromo.

Oromoonni qaabsoo yaroo dheertuu keeysa nuun waliin turtan kanneen maquma Abbaa hangafa qaabsoo Jaal Jaarraa Abbaa Gadaa beytan maraahuu rabbiin sabrii waliin nuuf haakhennu. Obboleeyyan Oromo warreen hifanne osoo hin ji’in fayyaa issaarratti ijibbaata hoonga hinqabne gootaniifii Obblleeyan Sooreeysaa karaa dheeraa khana dhuftanii ijaan arkitaniis
Dr Nasruu Haji Abraahim
Addee Zaara Haaji Abraahim Haamid
Obbooleeyyan waliin dhattaan martinuu
Oromoo hundaan waliin sabrii waliin nuuf haakheennu
Jahaatama Mullata

Godina Shawaa Lixaa Keessaatti Diddaan Qeerroo Itti Fufe

Aside

Bitootessa 3,2013 Gabaasa Qeerroo Ambo

a (1)Godina Shawaa Lixaa Keessaatti Diddaan Qeerroo Itti Fufuun Barruun Warraaqsaa Waamicha Qabsoo Qabu Hedduminaan Faca’uu Qeerroon aanicha irraa gabaase. Bitootessa  2/2013 Godina lixaa Shawaa Aanaotaa Akka Calliyaa Geedoo, Iluu Galaan Ijaajjii fi Midaa Qanyii Ballaammii Keessaattii waraqaleen fincilaa diddaa garbrummaa mata duree dhadhannoo adda addaa qabu bali’naan bittinfamuu Qerroon gabaase.

Kana amlees Guyyaa har’aa Bitotessa 3/2013 M/B Geedoo Sadarkaa 2ffaa Fi Qophaa’inaa, M/B Ballaammii Sadarkaa 2FFaa fi Qophaa’inaa, M/B Ijaajjii Sadarkaa 2ffaa fi qophaa’ina kanneen jedhaman humna waraanaa fi poolisaan egaamaa Olaan.

Barruun Qeerroo baratootrni Oromoo Yuunivarsiitii garaagaraa keessaattuu Yuunivarsitii Finfinnee irraa kabaja Oromummaa Isaaniif waan dubbataniif barnotaa irraa arii’amaa jiran atattaamaan gara barnootaa isaanitti akka deebi’aan jedhuu fi warreen ijoollee Oromoo barnotaa irraa arii’aachaa jiraan seeraattii akka dhiyaataan jedhuu godina lixaa shaawaa keessaattii dhabbiilee barmotaa fi ummataaf rabsamaa jira.

 

Qonnaan Bultooti Oromoo Ona Sulultaa Abbummaa Dachii Isaanii Tikfachuuf Jecha Diddaa Kaasan

Aside

Bitootessa 03,2013 Gabaasa Qerroo Finfinnee

Oromian resistanceBitootessa 02,2013 kaleessa gabaasaa godina addaa naannoo Finfinnee ona Sulultaa irraa addeessuun armaan dura xaa’oo fudhattanii lafa qabdan irratti oomisha gahaa kan hin gaggeesine yoo tahe lafti keessan isin irraa fuudhamee abbaa qabeenyaatti laatama jedhanii mootummaan murtoo baaseen raggaasisee dhuguma namoota lafa isaanii qotachuu hin dandeenye irraa lafa fuudhee namoota qabeenyaa qaban lafa sana irratti oomisha garagaraa oomishuu danda’utti kennamee jira,kana irran kan ka’es ijoolleen namootni lafti isaanii irara fuudhamee jiru baayeen isaanii rakkinaaf saaxila bahanii magaalaa Finfinnee keessaa daandii cinatti galuudhaan jireenya gaddisiisaa jiraachaa jiraachuun isaanii kan ifaa tahe; kanaan kan wal qabate qote bultoonni fi barattootni ona Sulultaa irraa gaaffii kaasan lafti uummata irraa fuudhamee ormaaf kenname kun amma irraa haa deebi’u jedhuun gaaffii kaasanii fi dhaadannoon adda addaa maxxanfamee mul’achuu irraan har’a milishoota gandaatiin uummanni yaada kana maddisiisee fi barataa waan kanaf adda duree ta’e saaxiluuf uummata onichaa walgayii teessisanii turan,wal gayiin kunis tokkummaa uummataa fi barattootaan diigamee hidhattootni Wayyaanee dhimma kanaaf achitti argaman uummataan ariyamanii lubbuudhaan akka bahantu gabaasaan isaa nu gahe addeessa. Ammas kaayyoon keenya tokkummaan mirga keenya falmachuudha jedhuun waraqaan barreeffamuun bittimfamee jira galgala kana. Qeerroon ona kanaa ka’umsi tokkummaa keenya hin dhaabbatu itti fufa jedha!!

Ethiopia: Academic Institutions Are Meant to Teach; Not to Serve As Political Tools

Aside

HRLHA

  HRLHA Appeal and Urgent Action

March 2, 2013

The Human Rights League of the Horn of Africa (HRLHA) strongly condemns the academic dismissals and suspensions of ten students of Addis Ababa University from their studies on February 21, 2013 upon their return to the University to resume their studies after a two-week break following the end of the first term exam. According to information obtained through HRLHA informants, this purely racial and politically motivated decision handed down by what is known as the discipline committee of the University was connected with the incident that took place in January 2013 between the Tigre and Oromo students. Various sources, including the HRLHA, have reported that the clash between the two groups of students was triggered when some students of Tigre nationals posted posters containing derogatory messages that aimed at the Oromo people. In connection with this incident, HRLHA had then reported, under an urgent action entitled, Beatings, Arrests and Detentions at Addis Ababa University, that more than 100 Addis Ababa University students, the majority of whom were Oromos, were arrested and detained.

 

 

HRLHA UA March 2013.doc

HRLHA UA March 2013.pdf

Qotataa Oromoo (Walaloo)

Aside

SBO Bitootessa 3 Bara 2013

Aside

Wallagga,Aanaa Manasibuu Keessatti Dabballoonni Wayyaanee Jiraattota Oromoo fi Gumuz-Beeneshangul Walitti Buusan

Aside

Bitootessa 03,2012 Gimbii

Mootummaan Wayyaanee sabaa fi sablammiiwwan Impaayera biyyattii keessaa walitti buusuun bittaa umrii isaa dheereffachaa fi har’as dheereffachuuf qabsoo jabaatti jiraachuun beekamaa dha. Gaaafa Bitootessa 1,2013 Godina Wallagga lixaa aanaa Manasiibuu bakka laga Wagee,Guunfii fi laga warqee jedhamutti ilmaan Oromoo fi uummata Beenishaangul Gumuz walitti buusuun lubbuun ilmaan Oromoo 10 akka badu taasisuun hedduun ammoo akka madaa’an taasisee jira.

Yeroodhaa gara yerootti tokkummaan uummata biyyattii keessaa yaaddoo guddaa gaaffii mirgaa kaasuu waan itti taheef walitti buusuunshira guddaa taphachaa jira.Yeroo ammaa kanatti tokkummaan uummata biyyattii mootummaa abbaa irree Wayyaaneetti yaaddoo tahuun walitti buusuun tokkummaa isaanii diiguu fi wal ajjeesisaa jiru ilmaan Oromoo fi uummata Beenishaangul Gumuz walitti buusuun dhiigni Oromoo akka dhangala’u taasisee jira.Namoota ajjeefaman keessaa Obbo Tamasgeen Bulaa yoommuu keessatti argamu Obbo Waggaarii Tarfaa kan jedhamu ammoo baay’ee madaa’uun mana yaalaa keessatti argama.Mootummaan wayyaanee yeroodhaa gara yerootti tokkummaa ilmaan Oromoo fi uummata biyyattii diigaa waan jiruuf uummatni Impaayera biyyattii keessaa aadaa bareen tokkummaan akka jiraatu qeerroon dhaamsa jabaa dabarfata.