Jaallan Qabsoo Cimsaa(Walaloo)

Seenaa Goototaa

Baratootnii Oromoo Mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa Diddaa Sirna Wayyaanee Cimsan

Aside

Gabaasa Qeerroo Jimmaa,Bitootessa 11,2013

Kaleessaa Bitootessa 10,2013 galgala Fiilmii Afaan Oromoo Mata Dureen ”HIREE” Jedhuu sababeeffaachuun goototni baratootni Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa Oromummaa Farfatan, Sabboonummaa Leellifataan sirboota warraaqsaa kan Ebbisaa Addunyaa, Hayiluu Kitaabaa, Adinaal Mohaamed , Kadir Martuu fi kkf Mooroo Yuunivarsiitii Jimmaa Dirree Xiqqichaa (Mini stadium) Mooraa Main Campus keessaatti bakkaa Filmiin Afaan Oromoo kan Dargaggoo Ejersaa Gammachuun barreeffaame mata dureen Isaa HIREE Jedhuu agarsiifama jiruutti wal ga’uun ykn wal gurmeessuun sirbotaa warraaqsaan dhiichiisan.

Kana malees dargaggoonnii baratootni Oromoo wal irraattii dunaa malee wayyaaneedhaan barnotaa irraa ukkaafamuun nurraa dhaabbaachuu qaba jechuun sabboontotni Oromoo dhaamsaa waliif dabarsaa turan, Agarsiisaa Filmii afaan Oromoo kanaaf ilmaan Abashaa Mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa keessaatti Argamaan akka fiilmiin afaan Oromoo fi wantii ilmaan Oromoo bakka tokkotti fiduu akka hin agarsiifamnee shiraa ol anaa karoorfatani illee tokkummaan baratootaa Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa shiraa ilmaan Abashaa fi sirna TPLF bakka dhorkaachuun ilmaan Oromoo yeroo irraa gara yerootti akka walitti dhufaan taasiifame jira, goototni baratootni Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa bu’aa tokkummaa irraa argachaa jiranitti gammaduun gama tokkummaa isaanii cimsuu fi tokkuummaa uummataa oromoo cimsuu irraattii fulleeffaachuun Tokkummaan Keenyaa Humna Keenyaa!Tokkummaan Keenyaa Bilisummaa Keenyaa!, Tokkummaan Keenyaa Injifannoo Keenyaa!, Tokkummaan Keenyaa Oromummaa Keenyaa!, jechuun tokkumaa isaanii cimsachuun mootummaa abbaa irree wayyaanee fi dabbalotaa fi jala deemtotaa yaaddoo keessaa kan galchanii jiraan ta’uun gabaafame.

Motummaan Wayyaanee sochii baratootaa Oromoo kanattii kan rifatee kaleessaa galgalaa humnotaa Poolisaa fi basastootaa isaa hedduminaan bobbaasuun mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa egsiisaa bule.

SBO Bitootessa 10 bara 2013

Aside

Boqochuu Hayyuu Jaal Jaarraa A.Gadaa Ilaalchisee Ibsi Gaddaa Baratootaa Oromoo Yuunivarsiilee Adda Addaa fi Gurmuu Maadhelee Oromiyaa Irraa Darbe.

Aside

Bitootessa 08,2013 Finfinnee
Jaal Elemoo Qilxuu fi Jaal JaarraaMattuu fi Miizaan Teeppii: Bitootessaa 5,2013 Bakkaa Bu’oonnii Qeerroo Bilisummaa Oromoo Yuunivarsiilee  Jimmaa, Mattuu, Miizaan Teeppii,Haromaayaa,Finifnnee,Naqamtee fi Dirree Daawwaa akkasumas  fi Sabboontotni Oromoo Godina Jimmaa, Iluu Abbaa Booraa Madheewwaan: Badhaadhummaa Oromiyaaf, biyyaa ofiif,Mootota Shanaan Gibee,Tokkummaa Ummataa,Hayyuu Biyyaa, Gumaa Baas Jaal Laggasaa Wagii, Oromiyaa Bu’uraa Biyyaa fi Imaltuu jedhaman jalatti hundeeffaaman Hangafti Qabsoo Bilisummaa Oromoo Jaal Jaarraa Abbaa Gadaa Addunyaa Kanaa irraa boqochuu gaddaa
guddaa nutti dhagaa’ame Ibsina jechuun ibsoota isaaniin gara qindeessitoota Qeerrootti erganiin nu dhaqabe addeessa.

Gaddooti qindeessitoota hojii warraaqsaa irraa karaa adda addaa ergame kun cuunfaatti yaadoti of keessaa qaban keessaa:-1. Jaal Jaarraa Abbaa Gadaa biyyeen isatti haa salphatu, boqochuu gootichaa hogganaa ol aanaa Qabsoo bilisummaa Oromoo Jaal Jaarraa Abbaa Gadaaf Gaddaa Guddaa baay’ee gadi fagoo ta’ee nuti dhagahaame ibsanna.

2, Ummataa Oromoo, Sabboontotaa Oromoo, WBO fi Hoggaantootaa Qabsoo Bilisummaa Oromoo, Maatii fi Firottaan Jaal Jaarraa Abbaa Gadaa Hundaaf rabbii Obsaa guddaa haa kennu jechaa ammas gaddaa guddaa nuti dhagahame ibsuu barbanna.

3. Egaa Gootni fi hoggaanaan qabsoo Bilisummaa Oromoo seenaa midhagaa qabuu kun dadhaabee, beelaa’ee dheeboodhee rakkaadhee utuu hin jedhiin Umrii ijoolluummaa isaa irraa egaluun dhugaa saba keenyaa jalaa sarbamee fi bilisummaa Saba keenyaa irraa mulqameef qabsoo hadhawaa gaggeessaa bara jireenyaa isaa guutuu qabsaa’aa haqaa kan tokkummaa Ummataa Oromoo ittichaa ture ta’uu seenaan isaa ni ibsa, Kanaaf nutis Saboontotni, Bakka Bu’onnii Qeerroo Baratootni Oromoo Yuunivarsitilee aadda addaa Gaddaa nuti dhagaa’amee jiruu ibsanna jechuun dhaamsa dabarfataniin beeksisanii jiru.

Qabsaawaan ni kufa! Qabsoon Itti Fufa!

 

Dhalattootni Sidaamaa Hariiroo Qeerroo Bilisummaa Waliin Tolfattaniittu Sababa Jecdhamuun Hidhaa fi Reebichaan Dararamaa Jiru

Aside

Bitootessa 08,2013 Hawaasaa

Dhiibbaan mootummaan Wayyaanee sabawwan cunqurfamoo iratti bittaa umrii isaa dheeressuuf taasisu daran jabaachuun Naannoo uummattota Kibbaa uummata Sidaamaa aanaa Harbegooraa irraa mana hidhaatti guuraa jira.Wayyaaneen ilmaan Sidaamaa isin mootummaa EPRP irratti fincila diddaa gaggeesitaniittu, Qeerroo Bilisummaa Oromoo waliin biyyattii keessaa uummata Finicila Diddaaf sossosaa jiran waliin hidhata qabdu jechuun mana hidhaatti ukkaamsee jira.Bitootessa 05/2013 aanaa kana irraa mootummaa Wayyaaneen kanneen ukkaamsaman

  1. Obbo Kaasaa Kaayessoo
  2. Obbo Taaffasee Barasoo
  3. Obbo Butura Butuna
  4. Obbo Assaamineew Dubbaalee

Jedhaman yoommuu tahan mana hidhaa wayyaanee magaala Hawaasaatti fudhatamuun iccitii beektan baasaa jedhamuun reeabamaa jiru.Dargaggoonni sidaamaa hidhaan wayyaaneen gaggeeffamu daran qabsootti nu jabeessa jechuun diddaa dhageessisaa jiru.

Oromo TV “Worldwide memorila Service, Jaaraa Abbaa Gadaa guyyaa Awaalchaa Isaa”

Aside

Seife Nebelbal Radio, Interviews and Jaarraa Abbaa Gadaa, a hero that never die

Aside

Raadiyoo Simbirtuu Bitootessa 07,2013

Aside

Ibsa Gaddaa Boqochuu Hayyuu,Jaal Jaarraa Abbaa Gaddaa

Aside

logo-qeerroo-oromiyaa33.jpg

Qabaawaan Ni Kufa Qabsoon Itti Fufa!

Ibsa Gaddaa Boqochuu Hayyuu,Jaal Jaarraa Abbaa Gaddaa

Bitootessa 07,2013
Bara waanjoon gabrummaa uummata Oromoo irratti saaree eenyummaan saba keenyaa haalamee akka gadootti ilaalamuun jireenyi itti dukkanaawe keessatti “Dukkanaan Duuba Ifatu Jira” jedhanii biiftuu bilisummaa Oromootti muldhisuuf jecha qabsaawoti fi gootonni Oromoo dhaa daggala seenan keessaa Jaal Jaarraa Abbaa Gadaan kanneen hangafaa fi jalqabaa ta’an keessaa tokkoo dha. Jaal Jaarraan umurii isaanii guutuu kaayyoo ganama sabaaf jecha manaa bahaniif dararama heedduun irra gahu illee xiiqiin guddoo qabsaawan. Kanaaf, kabajaan keenya guddaa dha.

Wareegamuu qabsaawota Oromoo biraa dhumaniitti firii gochuuf jecha qabsoo walabummaa fi bilisummaa Oromoof osoo wal irraa hin citne hanga ammaa deemaa ture kanaaf Jaal Jaarraan aarsaa kafalee jira. Dhalooti hafes harkaa fuudhee furii itti gochuun dirqii ta’a.

Nuti qabsaawoti Oromoo kanneen sochii Qeerroo Bilisummaa jalatti gurmoofnee guutuu Oromiyaa keessa sosso’aa jirru karaa gara garaa du’aan aduunyaa kana irraa boqochuu gooticha Oromoo Jaal Jaarraa Abbaa Gadaa yeroo dhageenyetti gaddi keenyi kan daangaa hin qabne ta’uu ibsina.

Walabummaa fi Bilisummaa Oromoof jecha wareega Jaal Jaarraan kafalaa ture bakkaan gahuuf ummanni Oromoo addattis dargaggoonni Oromoo qabsoo bilisummaa fi dimokraasii godhchaa dhaa jirtan daran akka cimistan waamicha keenya dabarsina.

Maatiin Jaal Jaarraa Abbaa Gadaa fi qabsaawota Oromoo maraaf ammo
Waaqayyo jajjabina isaa akka kennuuf hawwina.

Qabsaawaan ni kufa! Qabsoon itti fufa!!

Injifatnoon Ummata Oromoof

Sochii Dargaggoota Oromoo Biyyoolessaa(Qeerroo)

Finfinnee Oromiyaa.

Ibsa Qeerroo Boqochuu Jaal Jaarraa Abbaa Gadaa Irratti

SBO Bitootessa 6 Bara 2013

Aside