Jidduu Galeessa Oromiyaa Naannoo Saadim Irraa Qabeenyi Oromiyaa Lafti Dhagaa Coble stone Qabu Abootii Qabeenyaa Abashaaf Kennamuun Mormii Kaase.

Aside

Btootessa 14,2013 Finfinnee

OromiaALutaContinua2011FDGMagaala Finfinnee Boolee naannoo Saamid jedhamutti qabeenya Oromiyaa kan ta’e dhagaa Coble stone dhaaaf oolu ilmaan Oromoo irraa fudhatamuu fi naannicha irraa Oromoo buqisuun Abashoota kanneen waldaa xixiqqaa jedhamanii Wayyaanee ijaaramaniif kenname.

Bitootessa 14,2013 Oromoonni naannoo kana jiraatan qabeenya keenyatti nutu fayyadama,Qabeenyi Oromiyaa kan ilmaan Oromooti malee kan mootummaan Wayyaanee IMXdhaan miseensummaan ijaartee nutti ergitu miti jechuun qabeenya keenya irratti wareegamna jechuun falmaa mirgaa eegalan. Kanneen qabeenya kanatti fayyamuuf humnaan dhufanis ilmaan Oromoo naannoo kanaa gamtaan of irraa ittisaa jiru.Mootummaan Wayyaanees ilmaan oromoo qabeenya kun kan Oromoo dha  kanneen jedhan miseensota ishee waliin taatee waraana hedduumminaan bobbaasuun rukkutaa jirtus ilmaan oromoo gamtaan waraana Wayyaanee fi jala deemtota ishee dura dhaabbatee jira.Mootummaan

Wayyaanee waraana bobbaasus tasgabbii itti gochuu kan dadhabe yoommuu tahu ilmaan oromoo gamtaan yaa’anii abbaa qabeenya kanaa kan tahe nu haa gaafatu jechuun bakka albuudaa kana qabatanii dhorkanii jiran.

Tamsaasa Raadiyoo Simbirtuu,Bitootessa 14,2013

Aside

Seife Nebelbal Radio, News and Interview with Lubee Birruu

Aside

Oromo Studies Association’s (OSA’s) Appeal Letter to the President of Addis Ababa University

Aside

 

Gadaa.com
P.O. Box 32391, Fridley, MN 55432
OromoStudies.org

March 13, 2013

Open Letter to:
Dr. Admasu Tsegaye
President, Addis Ababa University
P.O.Box 1176
Email: commoffice@aau.edu.et
Tel: 251 111 239705
Addis Ababa, Ethiopia

Dear President Admasu:

On behalf of the Oromo Studies Association (OSA), a scholarly organization that promotes studies relevant to the Oromo people, I am writing to protest the dismissal and suspension on February 21, 2013 of 33 Oromo students from Addis Ababa University (AAU). We understand from the press accounts that 1student was expelled, 7 students were barred from study for two years and 25 others similarly suspended for a period of one year. The action of the administration of AAU was reported to have been on the grounds that the students took part in a conflict between Tigrean and Oromo students at the beginning of January, instigated by a posting on the wall of the student dormitories denigrating the Oromo people. Now we learn that 22 other students are reported to have been dismissed from Ambo University on March 1, 2013, when Oromo students at that campus protested the treatment of Oromo students at AAU.

We are disturbed by the news that in response to the conflict only the Oromo students were targeted to be rounded up, incarcerated for several weeks, and eventually either expelled or suspended by the University administration without fair judicial process. Tigrean students party to the conflict were not subject to any of the above. The action taken against the Oromo students is one of ethnic discrimination at an academic institution. As an organization we are committed to champion both academic freedom and practices exemplary of justice and fairness in institutions of higher learning. We call upon you to reconsider and reverse this one-sided prejudicial treatment of the Oromo students at AAU. Such extended denial of access to education unevenly applied to students of Oromo origin is too harsh a penalty, and one which has an immediate and long-term impact for their families and communities. It also undermines the University’s position as an exemplar of fairness and as an instrument to defeat intolerance and address poverty. Our members are united in believing that education is a singularly important tool for moving the country away from the willful intolerance that has subjected it to perpetual conflict and abject poverty.

We urge you to ensure AAU’s status as the foremost institution in the country to champion access to education, fairness in judicious practice, and even-handed treatment of its students. This extreme action of denial of access to education by students, who have successfully matriculated, unless corrected, will put a sad mark on the history of the University that has cultivated so many scholars, regardless of their ethnic origin and political views. Many past and current OSA leaders and members are alumni of your great institution.

Exclusive action against Oromo students in a two-sided disagreement constitutes an injustice unworthy of a national university. Therefore, on behalf of the members of OSA, I urge you to reverse this unfortunate decision and allow these Oromo students to rejoin the university, pursue their academic studies and continue on the path to becoming productive citizens. Such an action will attest to the integrity, the example and the positive influence of Addis Ababa University both in the country and internationally.

Sincerely yours,

Mosisa Aga, Ph.D.
President, Oromo Studies Association (OSA)

CC:

Honorable Ato Demeke Mekonnen
Minister, Ministry of Education
Federal Republic of Ethiopia
P.O.Box 1367
Tel: 251115553133
Addis Ababa, Ethiopia

Honorable Ato Berhan Hailu
Minister, Ministry of Justice
Federal Republic of Ethiopia
PO Box 1370
Tel: 251115515099
Addis Ababa, Ethiopia

H.E. Ato Hailemariam Dessalegn
Prime Minister, Federal Republic of Ethiopia
P.O. Box 1031
Addis Ababa, Ethiopia

President Barack Obama
The White House
1600 Pennsylvania Avenue, NW
Washington, DC 20500, USA

Secretary John Kerry
State Department
U.S. Department of State
2201 C Street NW
Washington DC 20520
Telephones: (202) 647-4000/ (202) 647-6575

Palais Wilson
52 rue des Pâquis
CH-1201 Geneva, Switzerland.
InfoDesk@ohchr.org

Human Rights Watch
New York, NY 10118-3299 USA
Tel: +1-212-290-4700
Fax: +1-212-736-1300
Email: hrwpress@hrw.org

Amnesty International UK
The Human Rights Action Centre
17-25 New Inn Yard
London EC2A 3EA
Email: sct@amnesty.org.uk

Godina Shawaa Bahaa Aanaa Cuqqaalaa Keessatti Hordoftootni Amantaa Waaqeffannaa Duudhaa fi Lafa ofii Tikfachuuf Gaaffii Mirgaa Kaasan

Aside

Bitootessa 15,2013 Finfinnee

OromiaALutaContinua2011FDG Aadaa,Amantii,Seenaa fi duudhaan ilmaan Oromoo akka ukkaamsamuuf shirri mootummaan wayyaanee dalagaa jiruu fi itti ture daangaa hin qabu.Mootummaan wayyaanee amantii waaqeffaannaa keessa miseensota ABOtu jira jechuun yeroodhaa gara yerootti hidhaa fi ajjeesaaa kan ture hordoftoota amantii Kiristaanaaa fi Waaqeffannaa walitti buusuuf shira xaxaa jira.Godina shawaa bahaa aanaa Liiban Cuqqaalaa magaala Adulaa keessatti hordoftoota amantii kiristaanaa lafti isiniif kenname kana jechuun bakka hordoftootni amantaa waaqeffannaa itti irreeffatanitti akka amantii isaanii gaggeeffatan taasisee  jira.

Mootummaan wayyaanee shira ofii kalaqeen amantii walitti buusuu kan bare waaqeffannaa ukkaamsuu fi qabeenyaa fi lubbuu ilmaan Oromoo gaagaúuf guyyaa haráa bitootessa 14/2013 shira kana hojjetee jira.Hordoftootni amantii waaqeffanaa lafa keenya bakka itti irreeffannu eenyuufuu hin laannu,Amantii keenyaa fi lafa keenya irratti wareegamna jechuun diddaa gaggeessaa jiru.Mootummaan wayyaanees humnaan bakka irreeffannaa kana irraa fuudhuuf waraana bobbaasee doorsisa hamaa gaggeessus hordoftootni amantaa waaqeffannaa duudhaa keenya nutu tikfata jechuun sodaa malee waraana wayyaanee fi jala deemtota ishee dura dhaabbatanii jiran.

 

Barattootni Oromoo Yuunivarsiitii Dillaa Gaaffii Mirgaa Gaafachuun Hiriira Bahan

Aside

Bitootessa 15,2013 Gabaasa Qeerroo Diillaa‏

FightMootummaan garboomfataa Wayyaanee erga aangooti ol bahee ilmaan Oromoo dhaabbiilee barnootaa keessaa ariiáman,Ajjeefamanii fi hidhaman lakkoofsaanj himuun nama rakkisa.Yuunivarsiitii Dillaa keessatti barattootni Oromoo ilmaan oromoo dhaabbiilee barnootaa fi bakka jiranitti wayyaanee fi jala deemtota isaan rukkutamuu,Doorsifamuu fi ajjeefamuun haaa dhaabbatu jechuun Bitootessa 13/2013 hiriira moormii gaggeessan.Ilmaan oromoo yuunivarsiitii Dillaa keessatti dhuunfaan dhalata Walaayittaa waliin walitti bué poolisootni mootummaa wayyaanee ilmaan Oromoo qabuun reebsisuu fi isaanis doorsisuun barattoota oromoo mara kan dhaqqabu tahuu qeerroon yuunivarsiitii kanaa dhaamsa

dabarsuun hiriira nagaa dhaadannoo garaa garaan gaggeessanii
jiran.Dhaadannoowwan
1.Arrabsamuun haa dhaabbatu
2.Uleen ilmaan Oromoof hin tahu
3.Yakkamaan seeratti nuuf haa dhiyaatu
4.Mirgi keenya haa kabajamu
Kanneen jedhan dhageessisanii jiraan.Mootummaan wayyaanee tokkummaa ilmaan Oromoo kanaan kan baarage waraana hedduumminaan bobbaasuun mooraa fuulduraa fi keessatti sakattaínsaa fi doorsisa hamaa gaggeessaa jira.Barattootnis gamtaan akka hin dhaabbanne dhorkamaa jiran.Qeerroon yuunivarsiitii kanaas gaaffiin mirgaa hanga deebiú warraaqsa eegalle itti fufna jechuun dhaamsa walii fi ilmaan Oromoo maraaf dabarsee jira.

 

2013 OSA midyear conference

Aside

SBO Bitootessa 13 Bara 2013

Aside

Lixa Shawaa,Aanaa Geedoo Keessatti Diddaan Barattootaa Akka Itti Fufetti Jira.

Aside

Gabaasa Qeerroo Geedoo,Bitootessa 12,2013

Suuraan FDG 2012 irraa fuudhame

Suuraan FDG 2012 irraa fuudhame

Bitooteessaa 3,2013 irraa egaaluun FDG utuu wal irraa hin kutiin gaggeessaa kan jiraan ta’uun gabaafame, Gototni Baratootni Oromoo kun hangaa Ilmaan Oromoo yuunivarsiitii Finfinnee kiloo 4 irraa arii’aman fi Bakkotaa garaagara irraa arii’atamaa jiran hin deebineetti hin barannuu jechuun Mana barumsaa Cufuun FDG itti fufaanii jiraachuun gabafamera, haala kanaa

Hanga ilmaan Oromoo Yuunversitii Finfinnee kiiloo 4 irraa arihaman barnootatti deebi’anitti FDG gaggeessinu hin dhaabnu jechuun gootonni barattooti Oromoo Geedoo sadarkaa lammaaffaa Bitooteessaa 3,2013 irraa egaalun manni barumsaa Geedoo Sadarkaa 2ffaa fi Qophaa’inaa Cufaamee jiraachuun gabaasa Qeerroo yeroo darbee keessatti ibsamuu ture. Haala kanaan guyyaa gaafa  Bitootessaa 11/2013 Maatiin baratootaa ajajaa karaa karaa qondaalota  Wayyaanee ummanni dirqiin dirqisiifamee  mooraa mana barumsaa Geedoo Sadarkaa 2ffaa fi Qophaa’inaa keessaatti walga’iin dabbaalloonnii Wayyaanee gaggeessaa oolan irraattii Ummaannii sagalee mormii Dhageesisuun gaaffiilee

1.  Daa’immaanii fi dargaggoota ol guddatan ilmaan biyyaa gaaffii kaasan jettanii hidhuu dararuu fi biyyaa ari’uun haalaan hammaatee waan jiruuf kun mufii ummataa keessaa isa jabaa akka ta’e

2.  Bara baraan Pooliisiin Rasaasaa dhukaasee Ijoollee keenyaa  ajjeessaa?maaliif hidhamuu?

3.  Humna Waraanaa nurraattii bobbaasuun maaliif?

Jechuun ummanni diddaa dhageessisaniin dabballoonni Wayyaanees gaaffii uummatanaan muddamanii akka turan Qeerroon gabaasa. Akka gabaasi addeessutti dabballoonni kun Oromoota achitti argame kadhachuu fi ijoollee keessan nuu sossobaa gaaffii mootummaa irratti kaasan akka dhiisan jechuun yeroo walgahii irratti iyyatan dhagahamee jira.

Kana malees Hoteelota magaalaa Geedoo keessatti argaman gara garaa keessatti walleen warraaqsaa addattis kan Eebbisaa Aduunyaa osoo wal iorraa hin citiin kan dhageessifamaa jiru yeroo ta’u kanneen akka  Hoteelaa Ittaafaa Carraataa fi Hooteellii Calliyaa keeseetotaa ABO sirbisiisaa jirtuu jechuun dabbaalloonni Wayyaanee ummata qorachaa akka jiran gabaafamee jira. Humni milishaa Wayyaanee kan nama maqaan isaa Addaamuu jedhamuun durfamus Waajiraa milishaa Aanaa Caalliiyaa keessaa hojjetuu ta’een uummanni dorsifamaa jiraachuun gabaafamee jira.

Qonnaan Bultooti Oromoo Gaaffii Mirgaa Kaasan Itti Fufan

Aside

Bitootessa 12,2013. Haromaayaa

Oromian resistanceQotee bultootni Oromoo mootummaa abbaa iree dirqamsiifamuun yeroodhaa gara yerootti gibira humnaa olii kaffaluuf kan dirqaman yoommuu tahu yeroo ammaa kana sabboontotni qotee bultoota Oromoo Godina Harargee bahaa aanolee garaa garaa keessaa ajaja mootummaa Wayyaanee uummata qabachuun didan.Mootummaan Wayyaanee qajeelfama buúura hin qabnee fi bittaa umrii ishee dheeresseef duwwaa kaattu qotee bultootni gamtaan dura dhaabbatanii jiran.

Qotee bultootni aanaa Giraawwaa,Baddannoo,Kurfaa Calloo,Maayyuu Hulluuqqee,Golboodaa fi kanneen biroon gamtaan qajeelfama mootummaa Wayyaanee fudhachuu dhiisuun gibiras dhorkatanii jiran.Mootummaan Wayyaanee aadaa Giraawwaa keessatti dabballoota hedduumminaan bobbaasuun gibira yoo hin kaffaltan ykn wal gahii waamamtanii hin baatan taanaan horii dallaa keessan keessaa fuuneee gurugurra jedhamaa kan jiran yoommuu tahu uummatni gocha kana gaafa gootan ilaalla jechuun cichee diddaa jabeessaa jira.Haaluma wal fakkaatuun aanaa Haramaayaa qotee bultootni Xinniqqee gibiraa fi uffata dabballoota wayyaanee akka bitaniif mana tokkotti qarshii 200 akka kaffalan dirqama itti kenname gamtaan didanii jiran.Qotee bultootnoi yeroo ammaa ilmaan keenyas nu jalatti ajjeessaa nuun nu saamtanii meeshaa waraanaa bitachuun ittiin nu hin bittan jechuun gamtaan shira wayyaanee dura dhaabbachaa jiran.