Mooraa Yuniversitii Jimmaa Keessatti Lamuu Fiilmiin Afaan Oromoo Akka Hin Agarsiifamne Dhorkame

Aside

Gabaasaa Qeerroo Jimmaa Bitootessa 19,2013

Aaangawoonni Wayyaanee Filmiin Afaan Oromoo akka lammaaffaa mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa keesaatti hin argiisifamne murteessan.Peresedentii baratootaa Yuunibasiitii Jimmaa Daawut Geetachoo murtii Wayyaanee fi ilmaan Abaashaa murteessaan kana irraatti akkaa mallaateessuuf dirqisifamee mallateesisuu odeessii keessaa Wayyaanotaa ba’uu mirkaneessee jira.

Dabballoonni Wayyaanee yeroo ammaa kana walgahiilee bifoota adda addaan bakka gara garaatti godhatan irratti gama ittin gumii gudinaa fi dagagina Seenaa, Aadaa fi Afaan Oromoo karaa itti dadhabsiisanii ykn yoo mijateef immoo kallaattii ittiin Mooraa Yuunibarsiitiilee keessaa itti dhabamsiisan irraatti hojjechaa kan jiran ta’uu beekama.

Gama kaaniin mootummaan Wayyaanee akkuma akkeeka isaa ilmaan Oromoo ukkamsee hidhuu, qara dabarsuu, barnootaa irraa arii’achuu, mirgaa dhorkachuu, hin dhaabuu yoo ta’ee fi gaaffii mirgaa Ummaannii Oromoo gaaffachaa jiruuf deebii kan hin keniinee yoo ta’ee fi ilmaan Oromoo sababaa Oromummaa isaanii qofaaf hidhamanii jiran hin hiikuu yoo ta’ee; murtiin Wayyaaneen yeroo garaagaraattii gama siyaasaan, Aadaa,Afaan , Seenaa,fi Dinagdeedee uummataa Oromoo irraatti dabarsuu hin kaafamuu yoo ta’ee gaaffiin mirgaa barattootaa fi qoteebulaa Oromoon walii galatti ummata Oromoon ka’e hin dhaabbatu.

 

SBO Bitootessa 20 Bara 2013

Aside

Diddaan Barsiisota Yuuniversitii Dirree Daawaa Kaasan Itti Fufe

Aside

Bitootessa 18,2013 Dirree Daawaa

Diddaan barsiisota Yuunivarsiitii Dirree Dawaa keessatti itti fufuun barsiisotni Yuunivarsiitii Dirree Dawaa Faculty Engineering and Technology barsiisan barsiisota mooraa Yuunivarsiitii Dirree Dawaa mara hammachuun diddaa hojii dhaabuu itti fufan.

Mootummaan Wayyaanee waadaa galee fi gaaffiilee mirgaa gaafataman karaa qajeelaan hanga deebisutti hojii dhaabnetti hin deebinu jechuun waadaa walii galuun hojii dhaabanii jiran.Barsiisotni mooraa Yuunivarsiitii Dirree Dawaa kunneen Barsiisota yuunivarsiitii Haramaayaa fi Jijjigaa waliin gamtaan diddaa itti fufuudhaanis gaaffiin dabalinsa miindaa barsiisota Yuunivarsiitiilee kanneen waliin gaafachaa mootummaa Wayyaanee sodaa guddaa keessa buusanii jiran.Sochii fi diddaa kana dura dhaabbachuuf jecha akkuma aadeffate gaaffii ummataa humnaa fi meeshaa waraanaan ukkaamsuuf jecha Mootummaan abbaa irree Wayyaanee waraanaa fi basaasa Yuunivarsiitiilee Dirree Dawaa,Haramaayaa,Jijjigaa keessatti hedduumminaan bobbaasuun doorsisaa fi sakatta’insaan dura dhaabbachuuf fiiguu irratti argama.

“Yaadhiiroo Haayadatnu Waan Irraa As Kutne”

Hawwisoo DirreeWBOn ummata Oromoof ittisaa roorroo ta’ee qabsoo hidhannoo gaggeessu cinaatti aadaa,afaan,artii,seenaa fi jireenya Oromoo guddisuu irratti qooda guddaa kenne,kennaas jira. Dirree Oromiyaa keessatti gartuuleen oggummaa fi dandeettii adda addaan masakaman bifa adda addaan ijaaramanii qoodaa fi dirqama dhaabaa bahaa turan.

Seenaa Oromoo fi Qubee afaan Oromoo akkasumas kaarikulama barnootaa afaanii,seenaa,fayyaa fi kanneen kana fakkaatan hunda barreessuun akka Oromiyaa dhaqabuuf bara 1990 saba Oromoon  dhaqabsiisaniiru. Firiin afaan ofiin barachuun har’a argamee fi seenaa Oromoo ifatti barreessuu fi barachuun argame kun wareega qixa hundaa WBOn itti kafalaa tureen ta’uun wal nama hin gaafachiisu. Bifa adda addaan dirqama lammummaa WBOn bahaa ture himamee kan dhumu miti. Guyyaa tokko seenaan galmeessee dhalootaaf akka dabarsu abdiin jira.

Kana keessatti qoodi SHAMARRAN OROMOO  dha sadarkaa ol aanaa dha. Siyaasa fi qabsoo hidhannoo keessatti gumaacha olaanaa saba Oromoof kennanii jiru.

Hawwisoo Dirree

Ateetee (Hawwisoo Dirree)

Hawwisoo Dirree

 

Sabboontoti Oromoo Miidaa Qanyii FDG Itti Fufuun Milishoota Wayyaanee Waliin Walitti Bu’an.

Aside

Bitootessa 17,2013 Finfinnee

OromiaALutaContinua2011FDGBitooteessaa 16/2013 Godina Lixaa Shawaa Aanaa Midaa Qanyii keessaatti FDG qonnaan bultotaan itti fufe, Sabbontotni dargaggoonnii Oromoo fi qonnaan bultooti Oromoo gaaffii mirgaa isaanii qabachuun mootummaa naannoo fi waajira bulchiisa aanichaatti iyyannoo galfatan illee gaaffiin isaanii dhagahamuu dhabuu fi humnoota milishaan naannicha irraa akka arihaman ykn deeman waan taasifamuu yaalaniif dargaggoonni kun daran akka gaaffii mirgaa kaasan taasifamee Sabbontotni dargaggoonnii Oromoo aanaa Midaa Qanyii ganda Goobee Kuraa keessaatti argaman waajjiiraa OPDO gandaa Goobee Kuraa keessaa galmeen sabboontota sobaan himanii akka himati irraa ka’uu gaafatan milishoonnis kana diduu irraan qonnaan bultooti diddaa cimsuun waajiricha seenuun ykn dhunfachuun Chaappaa fi galmee sobaa kan ilmaan Oromoo ittin himataamaa fi galmee basaastotni ittin ilmaan Oromoo himachuuf waliitti qabaa jirtu walitti qabuun gubuun gabaafame.Sababa kana irraa ka’uun dabbaalloonnii Wayyaanee lama kan maqaan isaanii
1. Lachiisaa Camadaa bulchaa gandaa Goobee Kuraa
2, Magarsaa Shabbaaruu managera gandaa Goobee Kuraa

Kanneen jedhaman sochii dargaggootaa dura dhaabbachuuf jecha mootummaa Wayyaaneetti gabaasuun humni waraaraa naannicha seenee akka sochii dargaggootaa dhaabsisuuf iyyannaa galfatan illee hanga ammaatti gaaffiin mirgaa ummata Oromoo fi dargaggoota naannoo itti fufee jira.

Haala kanaan dargagoonni naannichaa yeroo gaafataman ”FDG gaggeessaa jirruutti kan nu jabeessuu malee duubatti kan nu deebisuu miti, jechuun humnotaa poolisaa bobbaafamanii jiraniiniin ”nu cinaa dhaabbaadhaa nuti abbaa irree fi mootummaa farra uumataa ta’e itti hin amannu,mirgi saba Oromiyaa kabajamuun waajiba waan ta’eef gaaffiin keenya haa dhagahamu. Fi gaaffiilee biro kaasanii jiran.

Wayyaaneen tarkaanfii sabboontotaa kanatti rifachuun qonnaan bultootaa Oromoo nagaa namotaa shan (5) humna poolisaan qabee waajjiraa poolisaa Aanaa Midaa Qanyiitti hidhee dararaa jiraachuu Qeerroon gabaasee jira, namoonnii hidhaman kunis.

1, obboo Dhugaasaa Beenyaa

2, Dargaggoo Sintaayyoo Dandanaa

3, Obboo Gammaachuu Mul’isaa

4, Obboo Zallaaqaa Yaadataa kanneen jedhaman

Kan keessaatti argaman hidhamuun ibsame, kanaa malees mootummaan Wayyaanee muddaama guddaa keessaa seenuun humna waraanaa gara aanaa calliyaa Geedoo fi Midaa Qaanyii irraa qubsiisaa jiraachuun ibsame. Mannii Barumsaa Geedoo Sadarkaa 2ffaa fi Qophaa’inaa, M/B Midaa Qanyii Ballaammii sadarkaa 2ffaa fi qophaa’inaa, M/B Gudar sadarkaa 2ffaa fi Qophaa’inaa fi M/B Amboo sadarkaa 2ffaa fi Qopha’inaa humna poolisaan egaamaa jiraachuu gabaasaan nu qaqqabaa jiruu ifaa gochaa jira.

SBO Bitootessa 17 Bara 2013

Aside

Uumanni Oromoo Kutaa Magaala Boolee Haayaat,Caffee fi laga Xaafoo Jiraatan Diddaa Itti Fufan.

Aside

Bitootessa 16,2013 Finfinnee
Kutaa Magaala Finfinnee kutaa magaala Boolee bakka Haayat,Caffee fi Laga Xaafoo jedhamanii ilmaan oromoo qeee isaanii irraa beenyaa malee buqqisuun kaabinota isaaf kondominiyeemii ijaaruu irraan darbee dabballoota isaa albuudawwan dhagaa kanneen akka Coble stone naannoo kanaa akka baafatan godhee jira.Ilmaan oromoo naannoo kanaa qabeenya keenya irratti wareegama barbaachisaas ni kaffalla,Mootummaan wayyaanee qeee irraa buqqisuu fi qabeenya ilmaan Oromoo saamuu haa dhaabu jechuun dabballootaa fi waraana mootummaa wayyaanee dura dhaabbatanii jiran.Waraanni mootummaa wayyaanees qabeenya kana kan itti fayyadamu kan mootummaan kenneef malee isin miti,Beenyaa gaafachuus hin qabdan isin shororkeessitoota jechuun Oromoota 350 ol mana hidhaatti ukkaamsanii jiran.Ilmaan oromoo ukkaamsan keessaa

1. Obbo Bulchaa Tamasgeen

2. Dargaggoo Tafarii Bariisoo

3. Fiqaaduu Abaatee

4. Jireenyaa Didhaa

5. Girmaa Araarsaa

6. Habtaamuu Kifilee

Kanneen jedhaman keessatti argamu.Ilmaan oromoo ukkaamsaman kunneen waajjira Poolisii naannoo Booleetti kan ukkaamsan yoommuu tahu wayyaaneen yeroo ammaa humnaan waan dhaabe isheetti fakkaatus diddaan daran jabaatee jira.

Barsiisonni Yuunivesitii Dirree Daawaa 28 Ta’an Hojii Dhaaban

Aside

Bitootessa 15,2013 Dirree Daawaa

Mootummaan abbaa irree Wayyaanee gaaffiilee mirgaa ka’an dura dhaabbachuuf erga aangootti ol bahee doorsisaa fi hidhaan dura dhaabbachuun sodaa nutti uumuu hin qabu gaaffii mirgaa gaafannee nuu kan hin deebine tahe hojii dhaabna jechuun barsiisotni Yuunivarsiitii Dirree Dawaa Engineering and Technology baay’inaan 28 tahan Bitootessa 14,2013 hojii dhaaban.

Gaaffiin mirgaa dabalinsa miindaa barsiisota Yuunivarsiitii Dirree Dawaan armaan dura gaafatatame dhiibbaa mootummaan kan dura dhaabbatame yoommuu tahu barsiisotni Yuunivarsiitii kanaa gaaffiin keenya hanga akkaataa gaafannetti deebi’utti hojii hin hojjennu
jechuun hojii dhaabanii jiran.Wayyaaneen gaaffiilee mirgaa kan bilisummaa yeroodhaa gara yerootti karaa nagaan deebisuu irra hidhaa,ajjeechaa fi hojii irraa arii’uun hanga dhaabbatu hojii hin hojjennu jechuun hojii guutummaan dhaabanii jiran.

Barsiisotni Impaayera biyyattii keessaa waggaa dheeraaf gaaffii dabalinsa miindaa gaafatanis deebiin kennamuu irra doorsisaa fi hidhaan dura dhaabbatamaa ture.Hojii dhabdummaan biyyattii keessaa haalaan jabaachuunii fi qaala’insi jireenyaa yeroo ammaa rakkoo siyaasaa biyyattii keessatti hammaachaa dhufeen wal qabachuun rakkoo jabaa tahee jira.

Gaaffiin Mirgaa Barattoota Oromoo Asoosaa Itti Fufe!

Aside

Bitootessa 14,2013 Asoosaa

Diddaan barattoota Oromoo Yuuniversitii Asoosaa itti fufuun barattooti Oromoo kitaabota afaan Oromoon barreefamanii fi seenaa uummata Oromoo qabu bituun barsiisota warra afaan Oromoo osoo hin beekiin sabummaanis Oromoo hin ta’iin garuu sadarkaa Yuuniversitiitti warra afaan Oromoo barsiisaniif hiruu fi kennuun “Afaan keenya afaan saba kamiinuu gadi waan hin taaneef barsiisaa afaan keenya haasawu akka nu barsiifnas” jedhanii sagalee diddaa dhageessisanii jiru.

Barattooti Oromoo kun waraqaalee dhadannoo fi gaaffii mirgaa kaasu guutuu Yuuniversitichaa keessatti facaasuun diddaa nyaataa fi barnootaa kaasuun gaaffiin ummata Oromoo akka deebi’u gaafatanii jiru. Kana malees barattooti Oromoo Yuuniversitii Finfinnee kiiloo 4 fi Amboo irraa arihaman hatattamaan barnootatti haadeebi’u gaaffii jedhu kaasanii jiru.

Haalli kun kan itti cime mootummaan Wayyaanee waraanga guuree mooraa sanitti erguun barattooti kun akka eegaman taasisaa jiraachuun gabaasi qeerroo mooraa Yuuniversitii Asoosaa addeessa.