Mooraa Yuniversitii Jimmaa Keessatti Lamuu Fiilmiin Afaan Oromoo Akka Hin Agarsiifamne Dhorkame

Aside

Gabaasaa Qeerroo Jimmaa Bitootessa 19,2013

Aaangawoonni Wayyaanee Filmiin Afaan Oromoo akka lammaaffaa mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa keesaatti hin argiisifamne murteessan.Peresedentii baratootaa Yuunibasiitii Jimmaa Daawut Geetachoo murtii Wayyaanee fi ilmaan Abaashaa murteessaan kana irraatti akkaa mallaateessuuf dirqisifamee mallateesisuu odeessii keessaa Wayyaanotaa ba’uu mirkaneessee jira.

Dabballoonni Wayyaanee yeroo ammaa kana walgahiilee bifoota adda addaan bakka gara garaatti godhatan irratti gama ittin gumii gudinaa fi dagagina Seenaa, Aadaa fi Afaan Oromoo karaa itti dadhabsiisanii ykn yoo mijateef immoo kallaattii ittiin Mooraa Yuunibarsiitiilee keessaa itti dhabamsiisan irraatti hojjechaa kan jiran ta’uu beekama.

Gama kaaniin mootummaan Wayyaanee akkuma akkeeka isaa ilmaan Oromoo ukkamsee hidhuu, qara dabarsuu, barnootaa irraa arii’achuu, mirgaa dhorkachuu, hin dhaabuu yoo ta’ee fi gaaffii mirgaa Ummaannii Oromoo gaaffachaa jiruuf deebii kan hin keniinee yoo ta’ee fi ilmaan Oromoo sababaa Oromummaa isaanii qofaaf hidhamanii jiran hin hiikuu yoo ta’ee; murtiin Wayyaaneen yeroo garaagaraattii gama siyaasaan, Aadaa,Afaan , Seenaa,fi Dinagdeedee uummataa Oromoo irraatti dabarsuu hin kaafamuu yoo ta’ee gaaffiin mirgaa barattootaa fi qoteebulaa Oromoon walii galatti ummata Oromoon ka’e hin dhaabbatu.

 

SBO Bitootessa 20 Bara 2013

Aside

Diddaan Barsiisota Yuuniversitii Dirree Daawaa Kaasan Itti Fufe

Aside

Bitootessa 18,2013 Dirree Daawaa

Diddaan barsiisota Yuunivarsiitii Dirree Dawaa keessatti itti fufuun barsiisotni Yuunivarsiitii Dirree Dawaa Faculty Engineering and Technology barsiisan barsiisota mooraa Yuunivarsiitii Dirree Dawaa mara hammachuun diddaa hojii dhaabuu itti fufan.

Mootummaan Wayyaanee waadaa galee fi gaaffiilee mirgaa gaafataman karaa qajeelaan hanga deebisutti hojii dhaabnetti hin deebinu jechuun waadaa walii galuun hojii dhaabanii jiran.Barsiisotni mooraa Yuunivarsiitii Dirree Dawaa kunneen Barsiisota yuunivarsiitii Haramaayaa fi Jijjigaa waliin gamtaan diddaa itti fufuudhaanis gaaffiin dabalinsa miindaa barsiisota Yuunivarsiitiilee kanneen waliin gaafachaa mootummaa Wayyaanee sodaa guddaa keessa buusanii jiran.Sochii fi diddaa kana dura dhaabbachuuf jecha akkuma aadeffate gaaffii ummataa humnaa fi meeshaa waraanaan ukkaamsuuf jecha Mootummaan abbaa irree Wayyaanee waraanaa fi basaasa Yuunivarsiitiilee Dirree Dawaa,Haramaayaa,Jijjigaa keessatti hedduumminaan bobbaasuun doorsisaa fi sakatta’insaan dura dhaabbachuuf fiiguu irratti argama.