Bitootessa 17,2013 Finfinnee
Bitooteessaa 16/2013 Godina Lixaa Shawaa Aanaa Midaa Qanyii keessaatti FDG qonnaan bultotaan itti fufe, Sabbontotni dargaggoonnii Oromoo fi qonnaan bultooti Oromoo gaaffii mirgaa isaanii qabachuun mootummaa naannoo fi waajira bulchiisa aanichaatti iyyannoo galfatan illee gaaffiin isaanii dhagahamuu dhabuu fi humnoota milishaan naannicha irraa akka arihaman ykn deeman waan taasifamuu yaalaniif dargaggoonni kun daran akka gaaffii mirgaa kaasan taasifamee Sabbontotni dargaggoonnii Oromoo aanaa Midaa Qanyii ganda Goobee Kuraa keessaatti argaman waajjiiraa OPDO gandaa Goobee Kuraa keessaa galmeen sabboontota sobaan himanii akka himati irraa ka’uu gaafatan milishoonnis kana diduu irraan qonnaan bultooti diddaa cimsuun waajiricha seenuun ykn dhunfachuun Chaappaa fi galmee sobaa kan ilmaan Oromoo ittin himataamaa fi galmee basaastotni ittin ilmaan Oromoo himachuuf waliitti qabaa jirtu walitti qabuun gubuun gabaafame.Sababa kana irraa ka’uun dabbaalloonnii Wayyaanee lama kan maqaan isaanii
1. Lachiisaa Camadaa bulchaa gandaa Goobee Kuraa
2, Magarsaa Shabbaaruu managera gandaa Goobee Kuraa
Kanneen jedhaman sochii dargaggootaa dura dhaabbachuuf jecha mootummaa Wayyaaneetti gabaasuun humni waraaraa naannicha seenee akka sochii dargaggootaa dhaabsisuuf iyyannaa galfatan illee hanga ammaatti gaaffiin mirgaa ummata Oromoo fi dargaggoota naannoo itti fufee jira.
Haala kanaan dargagoonni naannichaa yeroo gaafataman ”FDG gaggeessaa jirruutti kan nu jabeessuu malee duubatti kan nu deebisuu miti, jechuun humnotaa poolisaa bobbaafamanii jiraniiniin ”nu cinaa dhaabbaadhaa nuti abbaa irree fi mootummaa farra uumataa ta’e itti hin amannu,mirgi saba Oromiyaa kabajamuun waajiba waan ta’eef gaaffiin keenya haa dhagahamu. Fi gaaffiilee biro kaasanii jiran.
Wayyaaneen tarkaanfii sabboontotaa kanatti rifachuun qonnaan bultootaa Oromoo nagaa namotaa shan (5) humna poolisaan qabee waajjiraa poolisaa Aanaa Midaa Qanyiitti hidhee dararaa jiraachuu Qeerroon gabaasee jira, namoonnii hidhaman kunis.
1, obboo Dhugaasaa Beenyaa
2, Dargaggoo Sintaayyoo Dandanaa
3, Obboo Gammaachuu Mul’isaa
4, Obboo Zallaaqaa Yaadataa kanneen jedhaman
Kan keessaatti argaman hidhamuun ibsame, kanaa malees mootummaan Wayyaanee muddaama guddaa keessaa seenuun humna waraanaa gara aanaa calliyaa Geedoo fi Midaa Qaanyii irraa qubsiisaa jiraachuun ibsame. Mannii Barumsaa Geedoo Sadarkaa 2ffaa fi Qophaa’inaa, M/B Midaa Qanyii Ballaammii sadarkaa 2ffaa fi qophaa’inaa, M/B Gudar sadarkaa 2ffaa fi Qophaa’inaa fi M/B Amboo sadarkaa 2ffaa fi Qopha’inaa humna poolisaan egaamaa jiraachuu gabaasaan nu qaqqabaa jiruu ifaa gochaa jira.