Uumanni Oromoo Kutaa Magaala Boolee Haayaat,Caffee fi laga Xaafoo Jiraatan Diddaa Itti Fufan.

Aside

Bitootessa 16,2013 Finfinnee
Kutaa Magaala Finfinnee kutaa magaala Boolee bakka Haayat,Caffee fi Laga Xaafoo jedhamanii ilmaan oromoo qeee isaanii irraa beenyaa malee buqqisuun kaabinota isaaf kondominiyeemii ijaaruu irraan darbee dabballoota isaa albuudawwan dhagaa kanneen akka Coble stone naannoo kanaa akka baafatan godhee jira.Ilmaan oromoo naannoo kanaa qabeenya keenya irratti wareegama barbaachisaas ni kaffalla,Mootummaan wayyaanee qeee irraa buqqisuu fi qabeenya ilmaan Oromoo saamuu haa dhaabu jechuun dabballootaa fi waraana mootummaa wayyaanee dura dhaabbatanii jiran.Waraanni mootummaa wayyaanees qabeenya kana kan itti fayyadamu kan mootummaan kenneef malee isin miti,Beenyaa gaafachuus hin qabdan isin shororkeessitoota jechuun Oromoota 350 ol mana hidhaatti ukkaamsanii jiran.Ilmaan oromoo ukkaamsan keessaa

1. Obbo Bulchaa Tamasgeen

2. Dargaggoo Tafarii Bariisoo

3. Fiqaaduu Abaatee

4. Jireenyaa Didhaa

5. Girmaa Araarsaa

6. Habtaamuu Kifilee

Kanneen jedhaman keessatti argamu.Ilmaan oromoo ukkaamsaman kunneen waajjira Poolisii naannoo Booleetti kan ukkaamsan yoommuu tahu wayyaaneen yeroo ammaa humnaan waan dhaabe isheetti fakkaatus diddaan daran jabaatee jira.

Barsiisonni Yuunivesitii Dirree Daawaa 28 Ta’an Hojii Dhaaban

Aside

Bitootessa 15,2013 Dirree Daawaa

Mootummaan abbaa irree Wayyaanee gaaffiilee mirgaa ka’an dura dhaabbachuuf erga aangootti ol bahee doorsisaa fi hidhaan dura dhaabbachuun sodaa nutti uumuu hin qabu gaaffii mirgaa gaafannee nuu kan hin deebine tahe hojii dhaabna jechuun barsiisotni Yuunivarsiitii Dirree Dawaa Engineering and Technology baay’inaan 28 tahan Bitootessa 14,2013 hojii dhaaban.

Gaaffiin mirgaa dabalinsa miindaa barsiisota Yuunivarsiitii Dirree Dawaan armaan dura gaafatatame dhiibbaa mootummaan kan dura dhaabbatame yoommuu tahu barsiisotni Yuunivarsiitii kanaa gaaffiin keenya hanga akkaataa gaafannetti deebi’utti hojii hin hojjennu
jechuun hojii dhaabanii jiran.Wayyaaneen gaaffiilee mirgaa kan bilisummaa yeroodhaa gara yerootti karaa nagaan deebisuu irra hidhaa,ajjeechaa fi hojii irraa arii’uun hanga dhaabbatu hojii hin hojjennu jechuun hojii guutummaan dhaabanii jiran.

Barsiisotni Impaayera biyyattii keessaa waggaa dheeraaf gaaffii dabalinsa miindaa gaafatanis deebiin kennamuu irra doorsisaa fi hidhaan dura dhaabbatamaa ture.Hojii dhabdummaan biyyattii keessaa haalaan jabaachuunii fi qaala’insi jireenyaa yeroo ammaa rakkoo siyaasaa biyyattii keessatti hammaachaa dhufeen wal qabachuun rakkoo jabaa tahee jira.