Godina Shawaa Bahaa Aanaa Cuqqaalaa Keessatti Hordoftootni Amantaa Waaqeffannaa Duudhaa fi Lafa ofii Tikfachuuf Gaaffii Mirgaa Kaasan

Aside

Bitootessa 15,2013 Finfinnee

OromiaALutaContinua2011FDG Aadaa,Amantii,Seenaa fi duudhaan ilmaan Oromoo akka ukkaamsamuuf shirri mootummaan wayyaanee dalagaa jiruu fi itti ture daangaa hin qabu.Mootummaan wayyaanee amantii waaqeffaannaa keessa miseensota ABOtu jira jechuun yeroodhaa gara yerootti hidhaa fi ajjeesaaa kan ture hordoftoota amantii Kiristaanaaa fi Waaqeffannaa walitti buusuuf shira xaxaa jira.Godina shawaa bahaa aanaa Liiban Cuqqaalaa magaala Adulaa keessatti hordoftoota amantii kiristaanaa lafti isiniif kenname kana jechuun bakka hordoftootni amantaa waaqeffannaa itti irreeffatanitti akka amantii isaanii gaggeeffatan taasisee  jira.

Mootummaan wayyaanee shira ofii kalaqeen amantii walitti buusuu kan bare waaqeffannaa ukkaamsuu fi qabeenyaa fi lubbuu ilmaan Oromoo gaagaúuf guyyaa haráa bitootessa 14/2013 shira kana hojjetee jira.Hordoftootni amantii waaqeffanaa lafa keenya bakka itti irreeffannu eenyuufuu hin laannu,Amantii keenyaa fi lafa keenya irratti wareegamna jechuun diddaa gaggeessaa jiru.Mootummaan wayyaanees humnaan bakka irreeffannaa kana irraa fuudhuuf waraana bobbaasee doorsisa hamaa gaggeessus hordoftootni amantaa waaqeffannaa duudhaa keenya nutu tikfata jechuun sodaa malee waraana wayyaanee fi jala deemtota ishee dura dhaabbatanii jiran.

 

Barattootni Oromoo Yuunivarsiitii Dillaa Gaaffii Mirgaa Gaafachuun Hiriira Bahan

Aside

Bitootessa 15,2013 Gabaasa Qeerroo Diillaa‏

FightMootummaan garboomfataa Wayyaanee erga aangooti ol bahee ilmaan Oromoo dhaabbiilee barnootaa keessaa ariiáman,Ajjeefamanii fi hidhaman lakkoofsaanj himuun nama rakkisa.Yuunivarsiitii Dillaa keessatti barattootni Oromoo ilmaan oromoo dhaabbiilee barnootaa fi bakka jiranitti wayyaanee fi jala deemtota isaan rukkutamuu,Doorsifamuu fi ajjeefamuun haaa dhaabbatu jechuun Bitootessa 13/2013 hiriira moormii gaggeessan.Ilmaan oromoo yuunivarsiitii Dillaa keessatti dhuunfaan dhalata Walaayittaa waliin walitti bué poolisootni mootummaa wayyaanee ilmaan Oromoo qabuun reebsisuu fi isaanis doorsisuun barattoota oromoo mara kan dhaqqabu tahuu qeerroon yuunivarsiitii kanaa dhaamsa

dabarsuun hiriira nagaa dhaadannoo garaa garaan gaggeessanii
jiran.Dhaadannoowwan
1.Arrabsamuun haa dhaabbatu
2.Uleen ilmaan Oromoof hin tahu
3.Yakkamaan seeratti nuuf haa dhiyaatu
4.Mirgi keenya haa kabajamu
Kanneen jedhan dhageessisanii jiraan.Mootummaan wayyaanee tokkummaa ilmaan Oromoo kanaan kan baarage waraana hedduumminaan bobbaasuun mooraa fuulduraa fi keessatti sakattaínsaa fi doorsisa hamaa gaggeessaa jira.Barattootnis gamtaan akka hin dhaabbanne dhorkamaa jiran.Qeerroon yuunivarsiitii kanaas gaaffiin mirgaa hanga deebiú warraaqsa eegalle itti fufna jechuun dhaamsa walii fi ilmaan Oromoo maraaf dabarsee jira.

 

2013 OSA midyear conference

Aside