Boqochuu Hayyuu Jaal Jaarraa A.Gadaa Ilaalchisee Ibsi Gaddaa Baratootaa Oromoo Yuunivarsiilee Adda Addaa fi Gurmuu Maadhelee Oromiyaa Irraa Darbe.

Aside

Bitootessa 08,2013 Finfinnee
Jaal Elemoo Qilxuu fi Jaal JaarraaMattuu fi Miizaan Teeppii: Bitootessaa 5,2013 Bakkaa Bu’oonnii Qeerroo Bilisummaa Oromoo Yuunivarsiilee  Jimmaa, Mattuu, Miizaan Teeppii,Haromaayaa,Finifnnee,Naqamtee fi Dirree Daawwaa akkasumas  fi Sabboontotni Oromoo Godina Jimmaa, Iluu Abbaa Booraa Madheewwaan: Badhaadhummaa Oromiyaaf, biyyaa ofiif,Mootota Shanaan Gibee,Tokkummaa Ummataa,Hayyuu Biyyaa, Gumaa Baas Jaal Laggasaa Wagii, Oromiyaa Bu’uraa Biyyaa fi Imaltuu jedhaman jalatti hundeeffaaman Hangafti Qabsoo Bilisummaa Oromoo Jaal Jaarraa Abbaa Gadaa Addunyaa Kanaa irraa boqochuu gaddaa
guddaa nutti dhagaa’ame Ibsina jechuun ibsoota isaaniin gara qindeessitoota Qeerrootti erganiin nu dhaqabe addeessa.

Gaddooti qindeessitoota hojii warraaqsaa irraa karaa adda addaa ergame kun cuunfaatti yaadoti of keessaa qaban keessaa:-1. Jaal Jaarraa Abbaa Gadaa biyyeen isatti haa salphatu, boqochuu gootichaa hogganaa ol aanaa Qabsoo bilisummaa Oromoo Jaal Jaarraa Abbaa Gadaaf Gaddaa Guddaa baay’ee gadi fagoo ta’ee nuti dhagahaame ibsanna.

2, Ummataa Oromoo, Sabboontotaa Oromoo, WBO fi Hoggaantootaa Qabsoo Bilisummaa Oromoo, Maatii fi Firottaan Jaal Jaarraa Abbaa Gadaa Hundaaf rabbii Obsaa guddaa haa kennu jechaa ammas gaddaa guddaa nuti dhagahame ibsuu barbanna.

3. Egaa Gootni fi hoggaanaan qabsoo Bilisummaa Oromoo seenaa midhagaa qabuu kun dadhaabee, beelaa’ee dheeboodhee rakkaadhee utuu hin jedhiin Umrii ijoolluummaa isaa irraa egaluun dhugaa saba keenyaa jalaa sarbamee fi bilisummaa Saba keenyaa irraa mulqameef qabsoo hadhawaa gaggeessaa bara jireenyaa isaa guutuu qabsaa’aa haqaa kan tokkummaa Ummataa Oromoo ittichaa ture ta’uu seenaan isaa ni ibsa, Kanaaf nutis Saboontotni, Bakka Bu’onnii Qeerroo Baratootni Oromoo Yuunivarsitilee aadda addaa Gaddaa nuti dhagaa’amee jiruu ibsanna jechuun dhaamsa dabarfataniin beeksisanii jiru.

Qabsaawaan ni kufa! Qabsoon Itti Fufa!

 

Dhalattootni Sidaamaa Hariiroo Qeerroo Bilisummaa Waliin Tolfattaniittu Sababa Jecdhamuun Hidhaa fi Reebichaan Dararamaa Jiru

Aside

Bitootessa 08,2013 Hawaasaa

Dhiibbaan mootummaan Wayyaanee sabawwan cunqurfamoo iratti bittaa umrii isaa dheeressuuf taasisu daran jabaachuun Naannoo uummattota Kibbaa uummata Sidaamaa aanaa Harbegooraa irraa mana hidhaatti guuraa jira.Wayyaaneen ilmaan Sidaamaa isin mootummaa EPRP irratti fincila diddaa gaggeesitaniittu, Qeerroo Bilisummaa Oromoo waliin biyyattii keessaa uummata Finicila Diddaaf sossosaa jiran waliin hidhata qabdu jechuun mana hidhaatti ukkaamsee jira.Bitootessa 05/2013 aanaa kana irraa mootummaa Wayyaaneen kanneen ukkaamsaman

  1. Obbo Kaasaa Kaayessoo
  2. Obbo Taaffasee Barasoo
  3. Obbo Butura Butuna
  4. Obbo Assaamineew Dubbaalee

Jedhaman yoommuu tahan mana hidhaa wayyaanee magaala Hawaasaatti fudhatamuun iccitii beektan baasaa jedhamuun reeabamaa jiru.Dargaggoonni sidaamaa hidhaan wayyaaneen gaggeeffamu daran qabsootti nu jabeessa jechuun diddaa dhageessisaa jiru.