Ibsa Gaddaa Boqochuu Hayyuu,Jaal Jaarraa Abbaa Gaddaa

Aside

logo-qeerroo-oromiyaa33.jpg

Qabaawaan Ni Kufa Qabsoon Itti Fufa!

Ibsa Gaddaa Boqochuu Hayyuu,Jaal Jaarraa Abbaa Gaddaa

Bitootessa 07,2013
Bara waanjoon gabrummaa uummata Oromoo irratti saaree eenyummaan saba keenyaa haalamee akka gadootti ilaalamuun jireenyi itti dukkanaawe keessatti “Dukkanaan Duuba Ifatu Jira” jedhanii biiftuu bilisummaa Oromootti muldhisuuf jecha qabsaawoti fi gootonni Oromoo dhaa daggala seenan keessaa Jaal Jaarraa Abbaa Gadaan kanneen hangafaa fi jalqabaa ta’an keessaa tokkoo dha. Jaal Jaarraan umurii isaanii guutuu kaayyoo ganama sabaaf jecha manaa bahaniif dararama heedduun irra gahu illee xiiqiin guddoo qabsaawan. Kanaaf, kabajaan keenya guddaa dha.

Wareegamuu qabsaawota Oromoo biraa dhumaniitti firii gochuuf jecha qabsoo walabummaa fi bilisummaa Oromoof osoo wal irraa hin citne hanga ammaa deemaa ture kanaaf Jaal Jaarraan aarsaa kafalee jira. Dhalooti hafes harkaa fuudhee furii itti gochuun dirqii ta’a.

Nuti qabsaawoti Oromoo kanneen sochii Qeerroo Bilisummaa jalatti gurmoofnee guutuu Oromiyaa keessa sosso’aa jirru karaa gara garaa du’aan aduunyaa kana irraa boqochuu gooticha Oromoo Jaal Jaarraa Abbaa Gadaa yeroo dhageenyetti gaddi keenyi kan daangaa hin qabne ta’uu ibsina.

Walabummaa fi Bilisummaa Oromoof jecha wareega Jaal Jaarraan kafalaa ture bakkaan gahuuf ummanni Oromoo addattis dargaggoonni Oromoo qabsoo bilisummaa fi dimokraasii godhchaa dhaa jirtan daran akka cimistan waamicha keenya dabarsina.

Maatiin Jaal Jaarraa Abbaa Gadaa fi qabsaawota Oromoo maraaf ammo
Waaqayyo jajjabina isaa akka kennuuf hawwina.

Qabsaawaan ni kufa! Qabsoon itti fufa!!

Injifatnoon Ummata Oromoof

Sochii Dargaggoota Oromoo Biyyoolessaa(Qeerroo)

Finfinnee Oromiyaa.

Ibsa Qeerroo Boqochuu Jaal Jaarraa Abbaa Gadaa Irratti