Guyyaan Wareegama Gooticha Barataa Wandimmuu Daammanaa Lixa Shawaa Keessatti Sirna Addaan Kabajamuu Qeerroon Gabaase.

Aside

Bitooteessa 05,013 Gabaasa Qeerroo Lixa Shawaa

Yaadannoo gooticha barataa Oromoo Wandimmuu Dammanaa Bitooteessaa 3/2009 Barataa Wandimmuu Dammanaa Barataa Mana Barumsaa Geedoo sadarkaa 2ffaa fi Qophaa’inatti Kutaa 11ffaa utuu barachaa jiruu sirna mootummaa Habashaa warri leellisanii fi farruummaa ykn tuffii uumata Oromoof qaban yeroo sanitti bareeffaama Oromummaan Oromoo arrabsuu barreessuun M/B Geedoo keessaattii barreessuun Bitootessa 1,2009 facaasan,wayitumaa kana Gototni Baratootaa Oromoo Mana Barumsaa Geedoo, Midaa Qanyii fi Iluu Galaan FDG kaachiisuun Warraaqsaa gaggeessuun sirna abbaa irree balaaleffaachuun diddaa guddaan gaggeeffaamaa ture, boodaarraa kan Qonnaan bultotaa fi Ummataa Oromoo Onotaa Sadaan hirmaachiisuu ta’e. Yeroo kana egaa gootichi barataan Oromoo barataa Wandimmuu Dammanaa rasaasa loltotaa Wayyaanee FDG gaggeeffaamaa jiru dura dhaabbaachuuf ba’an irraa itti dhukaafamee lubbuun isaa darbee Wareegama seenaa qabeessaa kan barabaraan Seenaan dagachuu hin dandeenyee kanfalee qabsoo walabummaa Oromoof wareegama kambajaa qabuun Bitootessa 03, bara 2009 aarsaa kafle.

Wandimmuun Wareegamullee bara baran Biteetessaa 3 Ummataa Oromoo fi baratootaa OROMOO biratti ni yaadatamaa, Yadannoo isaa kanas kaayyoo dhugaa goototni Oromoo Wareegamaa Qaaqqaalii Bilisummaa Saba isaaniif kanfalaa har’aa ga’aan jabeessuun gaggeessuun kan yaadatamuu ta’ee jira.

Halumaa Kanaan Bitootessaa 3,2013 Godinaa Lixaa Shawaa Anotaa Calliyaa Geedoo, Midaa Qaanyii bakkaa dhalotaa gootichaa barataa Oromoo Wandimmuu Dammanaa fi Iluu Galaan Ijaajjii Uummataa Oromoo fi Manneen barnotaa Sadarkaa 1ffaa hangaa Sadarkaa 2ffaa aanotaa sadaan kana keessaatti argaman keessaatti yadaannoon guddaan godhame jira.

Guyyaan dilbata waan ta’eef Baratootni M/B Sadarka 2ffaa fi qopha’inaa Geedoo, Midaa Qanyii Fi Iluu Galanaa Guyyaa har’a Bitoteessaa 4/2013 haala nama gammachiisuun yaadatanii Olaan.

Kana malees naannoo Geedoo,Calliyaa,Midaaqeny barnoota lagachuun guyyaa har’aa bitootessa 04/2013 mormii jabaa dhageessisan.Bitootessa 03/2013 galgala magaala Geedoo,Calliyaa fi Midaaqeny akkasumas Gudar keessatti waraaqaaleen dhaadannoo
1. Gumaa obbolaawwan keenyaa ni baasna
2. Biyyaaf wareegamuun hunda keenya irraa eegama
3. Qeerroo ka’i
4. ABO ilmaan Oromoo bilisa baasa
5. Mootummaan wayyaanee abbaa irreedha
6. Qeerroo jabaadhaa!
7. Garboomfataan ni kufa
8. Bilisummaan ni dhufa
9. Wayyaanee du’i
10. Wandimmuu Daammanaa hin duune seenaan isa yaadata
11. Barataa hanga duunu maaliif teenya
Kanneen jedhan manneen barnootaa fi magaallan keessatti hedduumminaan qalama diimaa magariisa diimaan kanneen barraa’an hedduumminaan maxxanfamanii jiran.Mootummaan wayyaanee gocha qeerroo oromoon kan baarage waraana hedduumminaan naannoo kanatti magaala Amboo fi Finfinnee irraa kan bobbaase yoommuu tahu diddaan daran jabaatee jira.Ilmaan Oromoo marti yuunivarsiitii keessatti arii’amuun,ajjeeffamuun barattoota Oromoo haa dhaabbatu jechuun Qeerroon lixa Shawaa dhaamsa dabarsanii jiran.

Qabsoon itti fufa! Gabroomsaan ni kufa!

OLF Statement on the passing away of Jaarraa Abbaa Gadaa

Aside

abo

JARRAA ABBAA GADAA WILL BE REMEMBERED WITH REVERENCE
(OLF statement on the passing away of Jaarraa Abbaa-Gadaa) 

It is with enormous sorrow and grief that all Oromo nationals and friends in Oromia and beyond to hear that one of the great leaders of Oromo liberation struggle has passed away, after long time illness, while conducting resistance from exile.

Jaarraa Abbaa-Gadaas history is an integral part of the initiation of the Oromia-wide armed struggle for liberation. His arduous journey to launch armed struggle started from eastern Oromia, passing through the armed uprising in the southeast, Somalia, the Middle East, back to Somalia for five years incarceration in Somali prisons and back to eastern Oromia to realize the dream, which demonstrates a distinctive determination.

His continued defiance of any pressure or temptation from governments and entities throughout the region and beyond, and his steadfast resolve in the principle he stood for to the last minute is something that all Oromo nationalists have to take as a reference.

Read More:–

OLF Statement on the passing away of Jaarraa Abbaa Gadaa- English.pdf
Du’aan Boqochuu Jaarraa Abbaa Gadaa Ilaalchisee ibsa ABO.pdf
OLF Statement on the passing away of Jaarraa Abbaa Gadaa- Amharic.pdf

Odeessa Gaddaa

Aside

Jahaatama Mullata | March 3, 2013

Jaarraa Abbaa GadaaDuraan duursee nagay isngaafachaa Oromoottan mara waliin obsa rabbiin nuuf haakennu. Hayyu dureen kheeyna yaroodheertuu qaabsoo Oromoorrtti umrii isaa tattaaffiin inni hingodhin hin jirtu gabrummaaf Oromoon hin jilbiiyfannu jachuudhaan Orommoottan bahaafii dhihaa kaabaafii kibbaa qaabsoof sossoosuun isaa kan haggafaati aduu arraantanaa aduu hamtuu nutti taatuus qaabsoo bilisummaa Oromo tan abbaan keenya Jaal Jaarraa Abbaa Gadaa arraatana du’aan adduynaarraa galan sabrii nuuf haakhennu rabbiin Oromo galii qaabsoo bu’ura warra tokko tahee bikkaan gahu tahuu qabna yaa Oromo.

Oromoonni qaabsoo yaroo dheertuu keeysa nuun waliin turtan kanneen maquma Abbaa hangafa qaabsoo Jaal Jaarraa Abbaa Gadaa beytan maraahuu rabbiin sabrii waliin nuuf haakhennu. Obboleeyyan Oromo warreen hifanne osoo hin ji’in fayyaa issaarratti ijibbaata hoonga hinqabne gootaniifii Obblleeyan Sooreeysaa karaa dheeraa khana dhuftanii ijaan arkitaniis
Dr Nasruu Haji Abraahim
Addee Zaara Haaji Abraahim Haamid
Obbooleeyyan waliin dhattaan martinuu
Oromoo hundaan waliin sabrii waliin nuuf haakheennu
Jahaatama Mullata

Godina Shawaa Lixaa Keessaatti Diddaan Qeerroo Itti Fufe

Aside

Bitootessa 3,2013 Gabaasa Qeerroo Ambo

a (1)Godina Shawaa Lixaa Keessaatti Diddaan Qeerroo Itti Fufuun Barruun Warraaqsaa Waamicha Qabsoo Qabu Hedduminaan Faca’uu Qeerroon aanicha irraa gabaase. Bitootessa  2/2013 Godina lixaa Shawaa Aanaotaa Akka Calliyaa Geedoo, Iluu Galaan Ijaajjii fi Midaa Qanyii Ballaammii Keessaattii waraqaleen fincilaa diddaa garbrummaa mata duree dhadhannoo adda addaa qabu bali’naan bittinfamuu Qerroon gabaase.

Kana amlees Guyyaa har’aa Bitotessa 3/2013 M/B Geedoo Sadarkaa 2ffaa Fi Qophaa’inaa, M/B Ballaammii Sadarkaa 2FFaa fi Qophaa’inaa, M/B Ijaajjii Sadarkaa 2ffaa fi qophaa’ina kanneen jedhaman humna waraanaa fi poolisaan egaamaa Olaan.

Barruun Qeerroo baratootrni Oromoo Yuunivarsiitii garaagaraa keessaattuu Yuunivarsitii Finfinnee irraa kabaja Oromummaa Isaaniif waan dubbataniif barnotaa irraa arii’amaa jiran atattaamaan gara barnootaa isaanitti akka deebi’aan jedhuu fi warreen ijoollee Oromoo barnotaa irraa arii’aachaa jiraan seeraattii akka dhiyaataan jedhuu godina lixaa shaawaa keessaattii dhabbiilee barmotaa fi ummataaf rabsamaa jira.