Wallagga,Aanaa Manasibuu Keessatti Dabballoonni Wayyaanee Jiraattota Oromoo fi Gumuz-Beeneshangul Walitti Buusan

Aside

Bitootessa 03,2012 Gimbii

Mootummaan Wayyaanee sabaa fi sablammiiwwan Impaayera biyyattii keessaa walitti buusuun bittaa umrii isaa dheereffachaa fi har’as dheereffachuuf qabsoo jabaatti jiraachuun beekamaa dha. Gaaafa Bitootessa 1,2013 Godina Wallagga lixaa aanaa Manasiibuu bakka laga Wagee,Guunfii fi laga warqee jedhamutti ilmaan Oromoo fi uummata Beenishaangul Gumuz walitti buusuun lubbuun ilmaan Oromoo 10 akka badu taasisuun hedduun ammoo akka madaa’an taasisee jira.

Yeroodhaa gara yerootti tokkummaan uummata biyyattii keessaa yaaddoo guddaa gaaffii mirgaa kaasuu waan itti taheef walitti buusuunshira guddaa taphachaa jira.Yeroo ammaa kanatti tokkummaan uummata biyyattii mootummaa abbaa irree Wayyaaneetti yaaddoo tahuun walitti buusuun tokkummaa isaanii diiguu fi wal ajjeesisaa jiru ilmaan Oromoo fi uummata Beenishaangul Gumuz walitti buusuun dhiigni Oromoo akka dhangala’u taasisee jira.Namoota ajjeefaman keessaa Obbo Tamasgeen Bulaa yoommuu keessatti argamu Obbo Waggaarii Tarfaa kan jedhamu ammoo baay’ee madaa’uun mana yaalaa keessatti argama.Mootummaan wayyaanee yeroodhaa gara yerootti tokkummaa ilmaan Oromoo fi uummata biyyattii diigaa waan jiruuf uummatni Impaayera biyyattii keessaa aadaa bareen tokkummaan akka jiraatu qeerroon dhaamsa jabaa dabarfata.

 

Sababaa Gaaffii Mirga Oromoo Kaasaniif Jecha Barattooti Oromoo 19 Yuuniversitii Amboo Irraa Hari’aman.

Aside

Barattooti Oromoo Birmatnaa Barbaadu!! 

Gabaasa Qeerroo Bitootessa 1,2013 Amboo

Barattootni Oromoo gaaffii mirga bilisummaa kaasaniif mootummaan Wayyaanee hidhaa,ajjeechaa fi barnoota irraa arii’uun dura dhaabbachaa kan turee fi itti jiru barattoota Oromoo yuunivarsiitii Finfinnee kiiloo 4 barnoota irraa arii’uun yakka hiriyyaa hin qabne ummata Oromoo irratti dalaguu dha jechuun barattooti Oromoo Ammboo dura dhaabbachuu isaanii yeroo beeksisanitti tuffii abbaa irrummaa muldhisuuf jecha ammoos barattoota Oromoo Yuunivarsiitii Amboo barnoota irraa arihaman.

Barattootni Oromoo gaaffii mirgaa gaafatan keessatti Qeerroon Yuuniversitii Finfinnee kiiloo 4 irraa arhaman hatattamaan barnootatti haadeebi’an mootummaan Wayyaanee garboomfataa waan taheef sirni bulchinsa isaa haa jijjiiramu,Manneen barnootaa bakka basaastotnii fi poolisootni federaalaa Wayyaanee seenuun ilmaan Oromoo doorsisan osoo hin tahiin bakka barnootaatti jechuun kan gaafatan

Wayyaaneen gaaffii barattooti Oromoo gaafatan kana kallattiin deebisuu hanqachuu irraan duubbee keessaan about jira jechuun har’a Bitootessa 1,2013 barattoota Oromoo  barnoota irraa ariitee jirti.Barattootni arii’amuun yeroo ammaa nyaata,Barnootaa fi doormii dhorkamuun akka hin galmoofne godhaman keessaa:-

1. Barataa Lataa Amante

2. Barata Gizaw Daadhii

3. Barataa Laggasaa Tamasgeen

4. Barataa Amanuu Waamii
5. Barataa Haayilee Araarsaa
6. Barattuu Dinqee Caalii
7. Barataa Takkaaleny Girrum
8. Barataa Didhaa Gaarii
9. Barataa Haayiluu Dheeressaa
10. Barataa Balaay Ittafaa
11. Barataa Kabbadaa Raggaasaa
12. Barataa Andualem W/Gebreel
13. Barataa Gaaddisaa Tasfaayee
14. Barataa Daani’el Fufaa
15. Barattuu Meskerem Baayisaa
16. Barattuu Baatiree
17. Barattuu Biruktee
18. Barataa Gazzuu
19. Barataa Tsaggaayee

Jedhaman yeroo ammaa saayinsii fayyaa keessaa isin mootummaa irratti fincila kaasaa jirtan duubaan qeerrootu isin qindeessa jechuun barnoota irraa dhorkamanii jiran.Mootummaan wayyaanee yeroodhaa gara yerootti dhiibbaa daangaa hin qabne ilmaan Oromoo irraan geessisus guyyaan bilisummaa wareegama barbaachisaa qeerroon kaffaluun akka mirkanaa’u qeerroon diinaa fi firaaf dhaamee jira.

Diddaan Qonnaan Bultoota Oromoo Aanaa Haromaayaa Itti Fufuu Irraan Qonnaan Bultooti 3 Hidhaman.Gariin Qarshiin Adabaman

Aside

Bitootessa 1,2013 Haromayaa 

Oromian resistanceMootummaan EPRDF Wayyaanee diddaa qotee bultootni aanaa Haramaayaa mootummaa wayyaanee irratti kaasan dura dhaabbachuuf qotee bultoota mana hidhaatti ukkaamsuun qarshii 500.00dhaan adabuun reebichaan miidhaa garaa garaa irraan gahaa jiraachuu qeerroon gabaase.

Mootummaan Wayyaanee gaaffii mirgaa hidhaa fi saaminsaan kan dura dhaabbatu aanaa Haramaayaa ganda Xinniqqee araddaa Gooroo Jiddaa keessaa qotee bultoota Oromoo

1. Usmaan Abdullaah qotee bulaa Araddaa Gooroo Jiddaa

2. Iskandir Mohaammed reebamee jira

3. Ibroo Abdurhamaan Muummee

Jedhaman mana hidhaatti ukkaamsitee qarshii 500n erga adabdee booda isintu qotee bultoota kakaasa,Isin miseensota ABOti,ABO beektu nyaachistu baasaa jechuun reebuu irratti argamu.Qotee bultootni kunneen ABO yoo argines inuma nyaachisna,ABOn Oromoof kan dhaabbatudha jechuun mana hidhaa keessa taa’uun kutannaa diina abdii kutachiisu dubbatanii jiran.Basaastotni wayyaanee ganda kanaa Taajuddiin Abbaasee fi Zaakkoo Saalii jedhaman uummataan kan lagataman yoommuu tahu hojii farrummaa QBO irraa hatattamaan hin dhaabbatan taanaan qabeenyii fi lubbuun isaanii akka baddu qotee bultootni araddaa kanaa dhaammatanii jiran.