SBO Guraandhala 6 Bara 2013

Aside

Barattooti Oromoo Yuuniversitii Madda Walaabuu Keessaa Ukkamfaman

Aside

Gurraandhala 05,2013 M.Walaabuu

BilisummaaGaafa Amajjii 29,2013 Baratootni Oromoo Mooraa Yuuniversity Maddaa Walaabuu irraa Humna poolisaa Federaalaa wayyaaneetiin ukkafamanii hanga har’aatti bakka bu’an hin beekamne.

Baratotni Oromoo Yuunivarsiitii Maddaa Walaabuu keessaatti dabbaalotaa Wayyaaneetiin hordofama ergaa tunii boodaa gaafa Amajjii 25, 2013 Bulchiinsaa Mooraa Yuunivarsiitii Maddaa Walaabuutiin isiin ilaalchaa diinummaa of keessaa qabduu jechuun dorsifamaa erga turanii boodaa gaafa Amajjii 29,2013 ammoo humna poolisaa Federaalaatiin ukkaafamanii essaa buteen isaanii illee kan hin beekamne ta’uu Qeerroon gabaaseera. Baratootni maqaan isaani

1ffaa Barataa Darajjee Baqqalaa Mummee barnotaa Qonnaa barataa waggaa 2ffaa,

2ffaa bartaa Guddataa Taarikuu Muummee barnotaa waggaa 2ffaa,

3ffaa Barataa Hambisaa Hayilee mummee barnotaa Turiiziimii waggaa 3ffaa, fi
4ffaa, Barataa Gammaachiis Hordofaa barataa waggaa 2ffaa kanneen
jedhamaan badii tokkoo malee barnotaa isaanii irraa humna poolisaa federaalaan qabamanii hanga ammaa essaa buuteen baratootaa kanaa kan hin beekamnee ta’uun gabaafamera. Kanaa malees sabboontotni baraatootni Oromoo heedduun humna tikaa Wayyaaneen mooraa Yuunivarssiitii sana keessaatti hordofamaa fi dorsiifamaa jiraachuu Gabaasni qeerroo irraa nu ga’ee

ibsee jira Qeerroon baratootni Oromoo Yuunivarsii Maddaa Walaabuu hidhaaf ukkaamsaan diinaa falmaa bilisummaa irraa duubatti nu deebiisuu hin danda’uu, gamtaan kaanee sagalee keenyaa dhageesifachuu qabna, teenyee hidhaa eeggaachuun gadhummaadha, diinaa nu hidhuuf nu ajjeessuuf, nu dararuuf nurraatti bobbaafamee tokkuummaan ni balaaleffaanna, Harka wal qabannee mirgaa keenyaaf ni falmannaa jechuun dhaammataan.

Anaa Moyyaalee Keessaa Ilmaan Oromoo Nagaa 5 Wayyaaneen Ukaamfaman

Aside

Gurraandhala 05,2013

Garboomfataan mootummaa Wayyaanee yeoodhaa gara yerootti ilmaan oromoo gaaffii mirgaa gaafatan mana hidhaatti ukkaamsaa,barnootaa fi hojii irraa arii’aa turuun isaa ni yaadatama.Yeroo ammaa kanas garboomfataan mootummaa Wayyaanee ilmaan oromoo maqaa miseensota ABOti jedhuun mana hidhaatti guuraa jira.Godina Booranaa aanaa Moyaalee keessatti mootummaan Wayyaanee dargaggoota hojii dhabdummaan rakkatan isin ABO waliin wal quunnamuuf gara kana dhuftan malee Moyaaleedhaa waan hojjettan hin qabdan jechuun ukkaamsee jira.Dargaggootni shan
1. Isayyas Biraanuu wallaggaa irraa hojii barbaadannaa kan deeme
2. Shimallis Aagaa Wallaggaa irraa
3. Abdataa Taaddalaa Amboo irraa
4. Kiflee Maatiwoos
5. Girmaa Alamuu Amboo irraa
Magaala Moyaalee keessatti ukkaamsamuun mana hidhaa Wayyaanee naannoo kanaa kan seenan yoommuu tahu yeroo ammaa kana
ukkaamsamanii fudhatamuun bakka buuteen isaanii wallaalamee jira.Mootummaan wayyaanee gocha farrummaa ilmaan oromoo irratti gaggeessaa jiru daran jabeessus gaaffiin mirgaa yoomuu akka itti fufu
qeerroon Moyaalee gabaasee jira.

 

Qeerroon Waraqaan Dhaadannoo Mooraa Yuuniversitii Amboo Keessatti Maxxanuun Wayyanee Garaa Gube

Aside

Gurraandhala 5,2013 Amboo
Kaleessa,Guraadhandhala 2 galgala irraa eegalee Qeerroon mooraa yuuniversitii Amboo poolisoota naannoo waliin tahuudhaan mooraa keessatti waraqaa afaan sadiin,Amaareffa,Ingiliffaa fi Afaan Oromoon bakkoota ijoo tahan manneen kjitaabaa,Kaaffee fi waajjira presedantii fi naannoo mooraa guutuutti kanneen Bilisummaa Keenyaaf Qabsoofna,Mirga Keenyaaf Qabsoon Keenya Itti Fufa,Oromiyaan Ni Bilisoomti,Gabroonfataan Ni Kufa,jedhu afaan sadanuun barreeffamuudhaan maxxanfamee bule, kun galgala keessaa sa’a 2:10 irratti yoo tahu yerooma sanaa eegalee hordoffiin Wayyaanee mooraa keessatti hammaatus waraqaan kun kan maxxanfame poolsioota waliin waan taheef amma ammaatti barattoota hordofuun homaa argachuu yoo hin dandeenye illee barattoota irraa ID funaanuudhaan shakkiimaan rakkisaa akka jiran gabaasan isa addeessaa jira.
Qabsoon Itti Fufa! Gabrummaan Ni Kufa!

Wallee Warraaqsaa Kan Baroota Eegala Qabsoo

Hayyuu Oromoo Artist Zarihun Wadaajoo

Zarihun Wadaajoo

MATAA NU MARAA JIRUU !!! Kutaa 1ffaa

Aside

Barruu QeerrooY.G(2005)n

Har’a diinni Qabsoo Oromoo adda duraa eenyu ? jedhamee yoo gaaffiin dhihaatee, deebiin irra jireessi wayyaanee irratti kan xiyyeeffatu ta’a. garuu wayyaaneedha jedhanii xumuruuf, wayyaanee iyyuu lubbuu itti horee kan jiraachisaa jiru humnoota alaa ta’uun shakkii hin qabu. kana irraa kaanee humnoota alaati akka hin jenneef, meeshaa isaan harkaa fuudhee kan nutti dhukaasu caalaa diina nuuf hin ta’an kan jedhuus hin dhibu. Kanaan ala yoo ilaalles, yoo jabaatte diina humnumaan of irraa qolattee furmaata itti goota. Lammii ofii ta’ee kan boolla Ummata isaaf qotaa jiru, diinni ummata kana sodaa tokko malee saamee , hidhee , ajjeesee akka jiraatuuf kanneen karaa argisiisan odoo jiranii , halgaa diina tokkoffaa taasisuuf yaaluunis rakkoodha. Kana malees, Qabsoo ummatichaa ganee diinatti galee adeemsa jiru kan naaffisu odoo jiruu , diinni kiyya innikkaa isa kana jennus dubbii achi of irraa qabuu ta’a.

MATAA NU MARAA JIRUU !!!!!!!!!!!!.docx

“Nutis Biyya Qabna, Oromiyaa Boontuu”

Aside

Mootummaan Wayyaanee Duula Oromoo Irratti Baneen Warraaqsa Gaggeessitan Sababa Jedhuun Yuunivarsiitii Jimmaatti Keessatti Barattoota Oromoo 3 Ari’uun 4 Ammoo Akeekachiisa Itti Kenne

Aside

Gurraandhala 03,2013 Jimmaa

Gaaffii mirgaa barattootni mooraa Yuunivarsiitii Jia darbe keessa dhaabbatan mootummaan Wayyaanee doorsisaa fi waraanaan dura dhaabbachaa turuun isaa ni yaadatama.Yeroo ammaa kanas mootummaan wayyaanee gaaffii mirgaa barattoota irraa mudachaa jiru dura dhaabbachuuf barattoota mooraa kanaa isintu qindeessa,gaaffii akka gaafatab barattoota kan kakaasu isini jechuun barattoota sadii waggaa tokkoof barnoota irraa yoommuu ariiu barattoota 4 tti ammo akeekkachiisa dhumaa dabarsee jira.Mootummaan wayyaanee yeroodhaa gara yerootti barattoota ariiuu fi hidhuu kan jabeessaa dhufe yoommuu tahu barattoota kanneen ariiuu fi akeekkachiisuun gaaffii mirgaa hin dhaabu jechuun qeerroon yuunivarsiitii Jimmaa ibsee jira.Barattootni ariiaman barattota eebbifamtoota yoommuu tahan isaanis

Lakk Maqaa barataa Muummee Waggaa Adabbii
1 Barataa Moosisaa Kitilaa Electrical Engineering 5th Waggaa tokkoof barnoota irraa ariiame
2 Barataa Atsbayaa Balaay Mechanical Engineering 3rd Waggaa tokkoof barnoota irraa ariiame
3 Barataa Taarikaayyoo H/Maariyaam Midwife 3rd Waggaa tokkoof barnoota irraa ariiame
4 Barataa Abbabaa Isheetee Chemistry 3rd Akeekkachiisa xumuraa
5 Barata Biraanuu Shewaangizaw Civil Engineering 3rd Akeekkachiisa xumuraa
6 Barataa Boshaa Kumarraa Mechanical Engineering 5th Akeekkachiisa xumuraa
7 Barataa Taaddasaa Mogos Mechanical Engineering 3rd Akeekkachiisa xumuraa

Yoommuu tahan mootummaan wayyaanee gaaffii mirgaa hidhaa fi barnootaan dura dhaabbachuuf akeekkatus yeroodhaa gara yerootti gaaffiin mirgaa mootummaa wayyaanee cinqaa jiraachuun isaa beekamaa dha.Jala deemtotni mootummaa wayyaanee harka mirgaa mootummaa wayyaanee tahuun sabboontota dabarsitanii diinaaf kennaa jirtanis akka of qusattan qeerroon dhaamsa jabaa dabarsa.

SBO Guraandhala 3 Bara 2013

Aside

Gaaffiii mirgaa Qeerroo fi Dargaggoon Sidaamaa gamtaan kaasan dura dhaabbachuuf wayyaaneen namoota mana hidhaatti guure keessaa 9 murtii dabaa itti kenne

Aside

Gurraandhala 1,2013 Finfinnee

Mootummaa Wayyaanee aangoo irraa darbuuf tokkummaan sabaa fi sablammii biyyattii keessaa murteessaa dha.Diina waloo waliin loluu irratti kan xiyyeeffate Qeerroo fi dargaggootni sidaamaa dhaadannoolee garaa garaa magaala Hawaasaa fi aanolee Godina Sidaamaa garaa garaa keessatti maxxansuun isaa ni yaadatama.Mootummaan wayyaanees gocha kanaan kan baarage ilmaan oromoo fi sidaamaa mana hidhaatti guuraa turuun isaa ni yaadatama.Haala kanaanis Godina Sidaamaa aanaa Harbegoonaa keessaa namoota Jumlaan mana hidhaatti guuraa kan ture yoommuu tahu yeroo ammaa kanas murtii dabaa murteessee jira.Ilmaan oromoo fi Sidaamaa yeroo ammaa daba mootummaa wayyaaneen adabbiin hidhaa jia 6 itti murtaaee jira.Isaanis

Lakk Maqaa Sadarkaa Barnootaa Lammummaa
1 Taammiraat Shawulaa Managment B.A degree Sidaamaa
2 Buurkaa Bushee ICT Bsc degree Sidaamaa
3 Haroo Harqaa Nursing Diploma Sidaamaa
4 Kabbadaaa Tuunnoo Human Resource BA degree Sidaamaa
5 Waaxee Daabessaa Accountant BA degree Sidaamaa
6 Gobaanaa Godaanaa Clinical Nursing Diploma Oromo
7 Baqqalaa Yukkuraa Law 1st degree Sidaamaa
8 Muliyyee Muuddee Accontant BA degree Sidaamaa
9 Didhaa Dheeressaa Nursing Diploma Oromo

Yoommuu tahan yeroo ammaa kanas mana hidhaa mootummaa wayyaanee Godina kanaa aanaa daallee magaala Yirgaalem mana hidhaa mootummaa wayyaanee magaala kanaa keessatti argamu.Mootummaan Wayyaanee yeroodhaa gara yerootti dhiibbaa daangaa hin qabne nurraan gahus qabsoon keenya daran jabaattee itti fufti jechuun dargaggoon Sidaamaa fi qeerroon ibsanii jiran.