Bara Biyya Qabnu Akkas Turre, Jedhu Manguddoon Oromoo Umuriin Bulan

Bara Biyya Qabnu

Mootummaan EPRDF Wayyaane Humna Raayyaa Ittisaa Jedhee Kan Yaamu Keessaa Oromoota 4 Ukkamsee Hidhaatti Darbe

Aside

Gabaasa Qeerroo Gurraandhala 21,2013 Finfinnee

Mootummaan Wayyaaneen yeroodhaa gara yerootti dhiibbaa inni godhu Oromummaa irratti hundaaee malee kun anaaf hojjeta.Kun meeshaa waraanaa naa baatee deema jedhee kan addaan qoodu tokkollee hin jiru.Haaluma kanaan wal qabatee doorsisa mootummaan Wayyaanee uummata irratti TV dhaan dhimma Raayyaa ittisa biyyaa irratti gaggeessaa ture jibbitanii jirtu,uummatni ija diinummaan akka ilaalu taasistanii jirtu kanaaf ilaalcha ABO qabdu  jechuun ilmaan Oromoo raayyaa ittisa biyyaa keessaa hojjetan mana hidhaatti ukkaamsanii jiran.Ilmaan Oromoo raayyaa ittisa biyyaa keessaa maqaa ABOn shakkamanii mana hidhaatti ukkaamsaman
1. Efreem Abaataa
2. Jalduu Itichaa fi
3. Ziyaad Mohaammed
4. Habtaamuu
Jedhaman gaafa Guraandhala 17/2013 dhoksaan fudhatamuun bakka buuteen
isaanii dhibee jira.Mootummaan wayyaanee ilmaan oromoo hojii mootummaa
keessaas hojjetan irraa amanamtummaa kan dhabde yoommuu tahu kaan hojii

Raadiyoo Simbirtuu Tamsaasa Gurraandhala 21,2013

Aside

“Rakkadhe jettee, hin seeniin mana gumaa, si gaafata seenaan bara kumaa,” jedhe wallisaan Oromoo.

Aside

(Qeerroo, Finfinnee, 21 Guraandhala 2013) Qeerroon Oromoo gidduu kana wallee viidiyoodhaan gadhise keessatti, sabni Oromoo gootota rakkoof hin jilbeeffanne akka qaban ibsuun, gootota abbaa biyyaa irraa akka hin hafne illee Qeeroon Oromoo kun waadaa isaa haaromsuu isaa ifatti beeksise.

Wallisaan Oromoo kun wallee seena qabeessaa kan  gootummaa fi sabboonummaa Oromoon mul’isu kana keessatti goototi Oromoo yeroo kamiyyuu rakkannee jedhanii mana gumaa seenanii akka hin beekne yaadachiisee jira.

Anamoo Sirraattii? (Walaloo)

Aside

Mana Hidhaa Qaallittii Keessatti Sabboontoti Oromoo Hedduun Dararaa Guddaaf Daran Saaxilaman

Aside

Guraandhalaa 20/2013 Finfinnee

BilisummaaYeroo ammaa kanattii motummaan Wayyaanee gochaalee hammeenyaa fi gara jabinaa Ilmaan Oromoo mana hidhaa Qaalliittii jiraan irraattii fudhachaa jiruu jabeessee itti fufuun torcherii sammuu fi nyaata qulqullinaa hinqabne hidhamtootaaf dhiyeessuun har’as dabuma kaleesaa bare daran jabeessee jiraachuun gabaafame jira.Haala kanaan yeroo ammaa kanatti barsiisaa Dirribii Nagaasaa fi Barataa Hirphasaa Diriirsaa bara 2011 qabamanii fi Oromoonni dhibbaatamaan lakkaawaman yeroo amma mana hidhaa qaalliittii zoonii tokkoo kan jiran dhukkubsatanii yaalaa gahaa dhabuun daraarama jiraachuun gabaasaan keenyaa Finfinnee addeesse jira.

Ilmaan Oromoo kunneen yaalaa dhabuun hedduu kan miidhama jiran yoo ta’uu,Kanaa Malees torbee Darbee keessaa mannii murtii wayyaanee ilmaan Oromoo lama badii tokkoo malee murtii garaa jabinaa kennuun ni yaadatama, ilmaan Oromoo Dargaggoo Fayisaa Sanyii fi Gaaddisaa Insarmuu jedhamaan badii tokkoo malee mannii murtii Wayyaanee wal duraa dubaan murtii waggaa 7 fi 6tiin adabee jira. Dargaggoo Fayisaa Sanyii Asiin fulduraas maatiin isaa Obboo Sanyii Bakkaalchee bara sagaltamotaa keessaa hidhaa waggaa 12n adabamanii, mana hidhaa keessaa bara 2005 baanii, turtii batii shanii hin guutnee keessaattii seensaa baraa 2006 balleessaa tokkoo malee qabamanii mana hidhaa maaikalaawwii keessaatti dararamaa turuun ammaasa yeroo lammaaffaaf mannii murtii wayyaanee baalleessaa tokkoo malee hidhaa waggaa kudhaniin(10) irraatti murteessuun kan hidhamanii jiraan tauun ibsamera.

Gochaa sukkaaneessaa fi daba abbaa irruummaa Wayyaanee fi EPRDFn mana hidhaatti ummaataa Oromoo irraattii raawwaatamaa jiruuf Mootummaan Wayyaanee gaaffatamaa Seeraa fi seenaa jalaa bauu kan hin dandeenyee tauu bakka buoonnii Qeerroo Godina Jimmaa akeekaniru. Kana malees Qeerroon itti dabaluun yaa uummataa Oromoo Ilmaan kee dhugaa mirgaa saba isaanii waan gafataniif badii tokkoo malee mana hidhattii galfamanii dararaamaa jiraachuunii fi murtiin dabaa itti kennaamaa jiraachuun isinittii haa dhagaaamu, namni utuu qomoon isaa balleessaa tokkoo malee waan mirgaa saba isaa gaafateef, hidhamee dararamuun, hidhaan seeraan alaa irraatti godhamuu fi murtiin seeraan alaa irraatti kennaamuu Oromoon taaee ilaaluu hin qabu,kan garaa taaee gochaa diinummaa kana ilaaluu yoo jiratee irmii(hirmii)nyaachaa akka jiruu dagachuu hin qabu, kun boruu kan sirraas gauu waan taeef gamtaan kaanee gochaa diinummaa saba keenyaa irraatti raawwaatamaa jiruu kanaa haa balaaleffaannuu ummataa Oromoo hundaaf dhamsaa keenyaa dabarsina jechuun dhaamsa dabarfachuun beekame.

 

Yuunivarsiitii Arbaminc Mooraa Abbayyaa Keessatti Waraqaalee Dhaadannoo Baldhinaan Maxxanfaman. Wayyaaneenis Tohannaaf Jecha Waraana Bobbaafte

Aside

Gurraandala 20,2013 Arbaminc

OromiaALutaContinua2011FDGQeerroon Yuunivarsiitii Arbaminc walgahii kubbaa miilaa Yuunivarsiitiilee gaggeeffamu irratti waraqaalee dhaadannoo mooraa Abbayyaa keessatti hedduumminaan maxxansan.Qeerrooon Yuunivarsiitii Arbaminc mootummaan wayyaanee wayita ofitti amanamummaa dhabee fi yeroon tokkummaan kaan amma jechuun ilmaan Oromoo mooraa sanaa walitti qabachuun waraqaalee dhaadannoo hedduumminaan Istaadiyoomii,Galmaa fi gamoowwan akkasumas bakkeewwan beeksisni maxxanfamanitti hedduumminaan maxxansuun mootummaan wayyaanee sodaan akka liqimfamu taasisanii jiran.Waraqaaleen dhaadannoo 1. Qeerroonni Oromoo Qabsoo Bilisummaa Oromoo itti fufna! 2. Sabawwan cunqurfamoon marti mirga keessaniif kaaa 3. Wayyaaneen garboomfataa dha 4. ABO Oromoo bilisa baasa 5. Kai Qeerroo 6. Kubbaa ilaaluu ilaaluun dura qeerroo of haa ilaallu! 7. Oromiyaan dhiiga ilmaan isheen bilisoomti 8. Hidhi Abbayyaa gaaffii mirgaa hin dhaabu 9. Hidhamtootni siyaasaa haa hiikaman Kanneen jedhan hedduumminaan diimaa,magariisa diimaan barreeffamuun kan maxxanfaman yoommuu tahu,mootummaan wayyaanee hedduu kan rifatee fi waraana konkolaataa 2 dabalee gara Yuunivarsiitii kanaatti geessaa jira.Waardiyootnii fi poolisootni federaalaa yuunivarsiitii kanaa basaasa mootummaa wayyaanee dabalachuun ilmaan oromoo lama sadii tahanii dhaabbatan hin dhaabbatiinaa deemaa asii jechuun doorsisaa jira.Qeerroon Yuunivarsiitii Arbaminc mootumamaan wayyaanee garboomfataa tahuu isaa dabballoota isaaf mirkansina jechuun diddaa itti fufanii jiran.