Amajjii 15,2013 Haromayaa
Barattootni oromoo Yuunivarsiitii Haramaayaa Gumii waaqeffanaa Haroo haramaayaa aadaa fi amantii keenya guddisuuf eeyyama hin gaafannu jechuun shira mootummaa wayyaanee dura dhaabbatan.Mootummaan wayyaanee Gumii waaqeffannaa Haroo Haramaayaa bara 2009 dhaabbate isin QBO tarkaanfachiisaa jirtu malee dhimma waaqeffannaa gaggeessaa hin jirtan jechuun uummata naannoo waaqeffannaan kun itti gaggeeffamu irratti kakaasuu fi barattoota gara waaqeffannaa kanaa deemanis maqaa miseensa ABO yakkaa jira.Miseensotni Gumii waaqeffannaa Haroo Haramaayaa aadaa fi amantii isaanii barsiisuuf mootummaa wayyaanee irraa eeyyama akka fudhatan wayita dirqisiifamanitti nuyi aadaa fi amantii keenya barsiisuuf eeyyama hin barbaanu jechuun mootummaa wayyaanee jala dhaabbatanii jiran.Waardiyootni mooraa Yuunivarsiitii Haramaayaa ilmaan oromoo gara bakka waaqeffanaa kanaa deeman akka dhorkan dirqamni itti kennamus barattoota waliin tahuun dirqama wayyaanee fashalsanii jiran.
