Amajjii 16,2013 Miizaan Teeppii
Garbummaan mootummaa wayyaaneen gaggeeffamaa jiru yeroo kamuu caalaa jabaachuu isaa fi dura dhaabbachuun yeroon isaa amma jechuun qeerroon Yuunivarsiitii Teeppii walitti dhufuun dhimma QBO irratti marii erga gaggeessanii booda ibsa ejjennoo lafa kaawatanii jiran.Mootummaan wayyaanee wayita keessa isaa irraa amantii dhabee fi abbaa irrummaan isaa mirkanaaetti gumaatni adda durummaan nurraa eegama jechuun qeerroon marii gaggeessee jira.Marii isaaniis eebbaan kan jalqaban ibsa ejjennoo armaan gadii baasuun waadaa walii seenanii jiran.Ibsi ejjennoos:-
1. Hidhaa, Dararamaa, Ajjeechaa, Ukkamsanii gara dabarsuu, Arraabsoo, Tuffii, Jibbinsaa , fi Gabrummaa Ummataa Keenyaa irraattii Mootummaan Abbaa Irree Wayyaanee gochaa jiruu cimsinee ni balaaleffaanna.
2. Roorroo Diinaan Uummata Oromoo fi Biyyaa Keenyaa Oromiyaa irratti dalagamaa jiruu dhabamsiifnee Ummataa Oromoo bilisoomsuuf irree tokkoon jabaannee ni hojjeenna.
3. Gaaffiin Barattootaa Oromoo kallattii Garaagaraan gaafatamaa ture gaaffii keenya, Ummaanni Oromoo hangaa Bilisummaa isaa gonfatutti gaaffii mirgaa hiree murteeffaannaa uummata keenyaa jabeessinee itti fufna.
4. Uummaanni Oromoo Mootummaa wayyaanee qabeenya ilmaan oromoo saamaa fi samsiisaa,ilmaan Oromoo barnotaa irraa Ajjeeesisaa fi hiisisaa jiruuf gibiraa fi galiiwwan mootummaa wayyaaneef tahan akka hin kaffalle ilmaan oromoo ni barsiisna.
5. Filannoo kijibaa Mootummaan Abbaa irree biyyaa keessaatti gaggeessaa jiru saaxiluun mootummaan wayyaanee abbaa irrummaa tahuu addunyaatti akka beekamu jabeessinee ni hojjenna.
6. Hidhamtootni siyaasaa biyyattii keessatti maqaa shorokeessummaan hidhaman haal duree tokko malee akka gadhiifaman gumaata nurraa eegamu ni baana.
7. Mootummaan Wayyaanee hanga aangoo irraa buutti wareegama barbaachisaa kaffallee waadaa keenya tikfachuun ilmaan oromoo ni ijaarra,ni barsiifna,gaaffii mirgaaf ni qopheessina. Kan jedhan yoommuu tahan mootummaan wayyaanee dhiibbaa barattoota oromoo irratti geessisaa ture yaadachuudhaani.
Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk