Amajjii 18,2013 Naqamte
Amajjii 16,2013 Diddaan Ummaataa Godina Wallaaggaa Bahaa Kessaatti jabaachuun itti fufee, Godina Wallaaggaa Bahaa Onotaa akkaa ddaa, Heebatuu, Diggaa Saasiggaa, Kiramuu, Ukkee, Haroo Limmuu, Limmuu Galiilaa, Guutoo Wayyuu, Magaalaa Neqemtee, Gatamaa Beessee, Jimmaa Arjoo, fi Nuunnuu Qumbaa keessaattii Uummaannii waraqaa kaardii filaannoo kijibaa Wayyaanee hin fudhannuu, jechuun dabballoota maqaa filannootiin daldalaa jiran Qaanessee jiraachuu gabaafame.
Haaluma kana ilaalchiisuun Mootummaan Wayyaanee humnotaa hidhataa bobbaasuun humna ABOtu isiin keessaa jira jechuun warrii kaardii filaannoo hin fudhannee rakkoo isinittii dhufuuf namni itti isinii gaafatamuu hin jiruu jechuu uummaataa dorsiisuun uummaannii humnaan akka ba’ee Kaardii filannoo fudhatuu dirqiisifamaa jiraachuu irraan kan ka’ee Ummaannii rakkoon gabrummaa caalee maaltuu jiraa nuti filannoo kijibaa hin barbaannuu jechuun ifatti dabbaallootaa of irraa deebisaa jiraachuun gabaafame, Sochiin walfakkaataan kun Godinaa Horroo Guduruu Wallaaggaa fi Godinaa Dhihaa Wallaaggaa Onotaa garaagaraa keessaattii Jabaatee itti fufee jiraachuun Odeessii nu qaqqabaa jiruu ifaa taasiisee jira.
Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk